Wal’aansoo Isa Guddaa

12/46

Boqonnaa 8—Luuter; Fuula Yaa’ii Duratti

Charles 5ffaan mootii haaraa ta’uudhaan teessoo Jarmanitti yeroo ol ba’e, bakka buutonni Roomaa mootichi haara’umsa irratti irree isaa akka ol fudhatuuf isa gowwomsuuf jecha, ariifatanii baga gammadde ittiin jedhan. Karaa biraa immoo, qondaalli Saaksonii inni akka Chaarles gonfoo fudhatuuf oolmaa guddaa isaaf oole, utuu falmii Luuteriin hin dhaga’in tarkaanfii tokko illee akka irratti hin fudhanneef kadhatee ture. Yeroo kun ta’u, mootichi haala bita galummaa guddaa fi qaanii keessa seene. Labsiin mootichi baasu Luuteriin ajjeesuu gaditti wanti phaaphaasota quubsu hin jiru. Qondaalli kun “ulfina mootummaa isaas ta’e yookiin namni biraan; barreefamni Luuter kan hin fudhatamne ta’uu isaa kan argisiise hin turre.” Kanaaf Dokter Luuter dhaaddacha namoota baratanii, kan Waaqayyoon sodaatanii fi abbooti firdii loogummaa hin qabne duratti akka dhi’aatuuf, waraqaan inni nageenyaan ittiin darbu kennamuufii qaba” jedhee ciminaan dubbate —D’Aubigne, b. 6, ch. 11. WG 137.1

Yeroo kana Charles mootichi gara teessootti ol ba’ee utuu hin turin kan ta’e; gara walga’ii mootummoota Jarman isa magaalaa Wormisitti geggeeffameetti xiyyeefannoon saba hundumaa harkifame. Maree biyyaalessaa kana irratti fedhii fi gaaffii siyaasaa barbaachisootu dhi’aate; angafoonni Jarman walga’ii itti yaadamee godhame akkasii irratti yeroo jalqabaatiif mootii isaanii isa dargaggeessa kana argu. Aanga’oonni waldaa fi mootummaa kutaa biyya hundumaa irraa dhufanii turan. Mirga sanyiidhaan isaaniif kennamuuf hinaaffaa kan qaban, aangawoonnii fi gooftonni biyya lafaa sadarkaa olaanaa irraa dhalatan, luboonni warri akka mucaa mootiitti of ilaalan, qondaaltonni waraanaa fi hidhattoonni isaanii, bakka buutonni biyya adda addaa dhi’oodhaas fagoodhaas Wormisitti walitti qabamanii turan. Haa ta’u malee; walga’ii bal’aa sana irratti mata dureen qalbii namootaa hawwate, dhimma haaressaa amantii biyya Saaksoni ture. WG 137.2

Chaarles; qondaalli Saakson Luuteriin gara yaa’iitti fidee dhufuudhaan namoota ga’umsa qabanii wajjin gaaffilee wal falmisiisoo ta’an irratti maree bilisaa akka taasisuuf, eegumsi mirkanaa’uufii akka qabu dursee itti himee ture. Luuteris mooticha duratti dhi’aachuuf si’aayee ture. Yeroo kana garuu fayyummaan isaa baay’ee miidhamee waan tureef akkas jechuudhaan qondaaltichaaf barreesse: “fayyummaa gaarii argadhee Wormisiin dhaquu yoon dadhabe, akkuman dhukkubsadhetti baatameen achi dhaqa. Yoo mootichi ana waame, waamicha Waaqayyoo ta’uu isaa hin shakku sababan ta’eef. Miidhaa ana irratti geggeessuu barbaadu yoo ta’e, dhimma kana harka Gooftaa keessattan dhiisa. Inni dargaggoota sadan boba’aa ibiddaa keessatti eege, amma illee jiraataadha, mo’aadhas. Yoo inni na hin oolchu ta’e, jireenyi koo gatii hin qabu. Wangeelli qoosaa hamootaaf akka hin saaxilamneef haa eegnu; isaan injifannoo akka hin gonfanneef dhiiga keenya isaaf haa dhangalaafnu. Jiraachuu fi duuti koo fayyina nama hundumaaf gumaachuu isaa kan murteessu ana miti… baqachuu fi ganuu irraa kan hafe waan hundumaa ana irraa eeguu in dandeessa. Baqachuu hin danda’u, ganuunis anaaf hin ta’u.” —Ibid., b. 7, ch. 1. WG 137.3

Luuter ya’ii duratti akka dhi’aatu oduun isaa Wormis yeroo ga’e goolii guddaatu uumamee ture. Bakka bu’aan phaaphaasii, Aliyaander jedhamu inni addumaan dhimma kana hordofuun isatti kenname in na’e, in aares. Bu’aan isaas kaayyoo phaaphaasiif balaa akka qabu hubate. Dhimma phaaphaasiin kanaan dura murtii balaalefannaa irratti dabarsee ture keessa deebi’anii ilaaluun aangoo phaaphaasii dhiibuudha. Itti dabalees, falmiin nama kanaa inni humna qabeessii fi dandeettii dubbannaatiin deggerame, ilmaan moototaa hedduu isaanii kaayyoo phaaphaasii irraa duubatti deebisa jedhee sodaate. Kanaaf, Luuter Wormisitti yaa’ii duratti dhi’aachuu isaa mormuudhaan mooticha Chaarlesiin dhageessifate. Yeroo kana, labsiin Luuter waldaa keessaa baafamuu isaa ibsu maxxanfamee ture; kunis mormii bakka bu’aa kanaa wajjin walitti qabsiifamee akka mootichi dhugummaa isaa amanee fudhatuuf dhiibbaa geggeesse. Innis Luuter yaada isaa hin gedderatu yoo ta’e Wittenbargitti hafuu akka qabu qondaalticha Saaksoniif barreesse. WG 137.4

Aliyaander mo’icha kanatti utuu hin quufiin akka Luuteritti murteeffamuuf humnaa fi haxxummaa isaa guutuudhaan irratti hojjete. Haaressaa kana saba ‘mootummaa irratti kakaasuudhaan, fincilaan, amantii dhabinaa fi maqaa Waaqayyoo arrabsuudhaan’ hammeessee; angafoonni, phaaphaasonnii fi miseensi wal ga’ii sanaa warri kaan dhimma kanatti xiyyeefannoo akka kennaniif jabeessee hubachiise. Garuu humnii fi miirri bakka bu’aan phaaphaasii kun ittiin hubatame, hafuurri inni ittiin kakaafame maal akka ta’e ifatti ibse. “Inni hinaaffaa fi amantii irra caalaa, jibbaa fi ijaa baafannaadhaan kakaafame” kan jedhu yaadni walii gala kennamee ture. —Ibid., b. 7, ch. 1. Miseensi yaa’ii sanaa garri caalaan yeroo kam irra caalaa kaayyoo Luuteriin deggeruuf murteeffate. WG 138.1

Aliyaander hinaaffaa isaa dachaa gochuudhaan akka mootichi labsii phaaphaasii hojii irra oolchuu qabu hubachiise. Garuu akka seera Jarmanitti utuu angafoonni irratti walii hin galin kun ta’uu hin danda’u; xumuratti tuttuqaa bakka bu’aa phaaphaasii sanaan mo’amee Chaarles dhimma kana yaa’ii duratti akka dhi’eeffatuuf ajaje. “Innis bakka bu’aa phaaphaasii biyya alaa jiraniif of jajuu guddaa ture. Walga’iin kun guddaa ture, dhimmi kunis guddaadha. Aliyaander Roomaa … ishee haadha waldoota hundumaa taateef falmuuf ture.” Yaa’ii aangafoota kiristiyaanaa duratti angafummaa Pheexirosiin mirkaneessuuf ture. “Inni dandeettii dubbannaa qaba waan tureef guddummaa guyyaa sanaaf jecha ka’ee dhaabbate. Roomaan utuu itti hin murtaa’in fuula dura yaa’ii hunduma irra caalu duratti dhi’aattee karaa nama dandeettiin isaa qixxee hin qabnee akka falmattuuf Waaqayyo abboomeera.” —Wylie, b. 6, ch. 4. Luuteriin warri deggeran bu’aan dubbannaa Aliyaander fuula duratti maal akka fidu ija shakkii muraasaan ilaalu turan. Qondaaltichi Saaksonii achi hin turre; haa ta’u malee gorsitoonni isaa muraasi ajaja isaatiin dubbii bakka bu’aa phaaphaasii Sanaa dhaggeeffatanii yaadannoo qabachaa turan. WG 138.2

Aliyaander dandeettii barnootaa fi dubbannaa qabuun dhugaa garagalchuuf yaalii godhe. Himata himata irratti dabaluudhaan Luuteriin diina waldaa fi mootummaa, kan warra jiranii fi du’anii, kan lubootaa fi amantootaa, kan mana maree fi kiristiyaana dhuunfaatti yakkamaa godhee dhi’eesse. “Gantoota kuma dhibba tokko gubuuf dogoggora Luuter keessa sababa ga’aatu jira” jedhee dubbate. WG 138.3

Xumura dubbii isaatti deggertoota amantii haara’umsaa tuffachuudhaan akkas jedhee dubbate: “Hordoftoonni Luuter kun hundi isaanii maaliidha? Saba isaan gowwomsanii fi mancaasan dabalatee isaan walitti qabama barsiisota nama leyyaasisan, luboota manca’an, moloksoota safuu hin beekne, abbootii seeraa doofotaa fi angafoota taayitaa isaanii gadi dhiisaniidha. Gareen Kaatolikii lakkoobsaan, dandeettii fi humnaan hammam isaan irra caalu! Labsiin yaa’ii kana keessatti irratti waliigalamee ba’u warra gad of deebisaaniif hubannaa, warra gowwootaaf akeekkachiisa, warra raafamtootaaf murtoo, warra dadhabootaaf immoo jabina in kenna.”—D’Aubigne, b. 7, ch. 3. WG 138.4

Meeshaalee akkasiitiin deggertoonni dhugaa bara hundumaa haleellaan irra ga’aa ture. Ammas taanaan dogoggora bu’uureffame mormuuf barsiisa sagalee Waaqayyoo isa ifaa fi sirrii dhi’eessuuf warra ija jabaatan irratti mormii wal fakkaataatu geggeeffama. Warri amantii beekamaa hawwan “lallabdoonni barsiisa haaraa kanaa isaan eenyu fa’ii?” jedhanii gaafatu. “Isaan warra hin baranne, lakkoobsaan yartuu, akkasumas maatii hiyyeessa keessaa kan dhufaniidha. Haa ta’u malee dhugaa akka qabanii fi saba Waaqayyoo warra fo’aman ta’uu isaanii dubbatu. Isaan doofotaa fi kan gowwomfamaniidha. Waldaan keenya lakkoobsaa fi mijataa ta’uu isaatiin, guddaa kan isaanii irra caala! Namoonni gurguddaa fi kan baratan nu keessa hammam baay’eedha! Nu bira humna hammamiitu jira!” addunyaa irratti dhiibbaa geggeesuuf qabxii falmiitti dhi’aatan isaan kanaadha; haa ta’u malee ammas guyyoota Luuter irra caalaa fudhatama hin argatan. WG 138.5

Sochiin haareffamaa akka baay’onni yaadanitti Luuterii wajjin hin xumuramne. Hamma xumura seenaa addunyaa kanaatti itti fufa. Luuter ifa Waaqayyo isaaf baasuuf heyyame warra kaanitti callaqisuuf hojii guddaa qaba ture. Haa ta’u malee inni ifa biyya lafaaf kennamuu qabu guutummaatti hin fudhanne. Yeroo Sanaa jalqabee hamma har’aatti utuu walirraa hin kutiin Macaafa Qulqulluu irratti ifni ba’aa ture, dhugaan haaraanis walitti fufiinsaan mul’achaa tureera. WG 139.1

Dubbannaan bakka bu’aa phaaphaasii miira yaa’ii Sanaa gadi fageenyaan tuqe. Luuter dhugaa sagalee Waaqayyoo isa ifaa fi amansiisaa qabatee bakka bu’aa phaaphaasii sanaan falmee akka in mooneef, inni achitti hin argamne. Haaressaa kanaaf falmuuf yaaliin godhame tokko hin jiru. Isaa fi barsiisa inni barsiise balaaleffachuu qofa utuu hin taane, yoo danda’ame gantummaa buqqisanii gatuuf yaadni waliigalaa mul’atee ture. Roomaan kaayyoo ishee haleellaa irraa baraaruuf carraa mijataa argatte. Ofii isheetiif falmachuuf wanta jechuu dandeessu hunda jetteetti. Garuu mo’icha fakkaatee wanti argame milikkita mo’amuuti. Yeroo Sanaa jalqabee akka waan dirree irratti lola mul’ataa geggeesaniitti garaagarummaan dhugaa fi soba gidduu jiru ifatti argame. Guyyaa Sanaa kaasee Roomaan akka duraa jabbaattee dhaabbachuu hin dandeenye. WG 139.2

Miseensota yaa’ii sanaa keessaa garri caalaan isaanii ijaa baafannaa Roomaatiif dabarsanii kennuuf kan hin shakkine yoo ta’an illee, isaan keessaa baay’een isaanii manca’insa waldaa keessa jiru arganii balaaleffataniiru. Malaanmaltummaa fi sassata anga’oota mana sagadaatiin miidhama saba Jarman irra ga’es daangessuu barbaadanii turan. Bakka bu’aan phaaphaasii sun qajeelfama phaaphaasii ifa mijataa ta’een dhi’eesse. Amma Waaqayyo, bu’aa hacuuccaa phaaphaasii hubachiisuuf, miseensa yaa’ii Sanaa keessaa nama tokko sochoose. Duke Joorjii kan jedhamu, namni Saaksonii, yaa’ii guddaa sana dura dhaabbatee gowwomsaa fi xura’ummaa phaaphaasii, akkasumas bu’aan isaa balaa inni qabu soda malee sirriitti ibsee kaa’e. Xumura dubbii isaattis akkas jedhe: WG 139.3

“Isaan kun miidhaa Roomaa irratti waca kaasan keessaa muraasa. Qaaniin hundumtuu dhiifameera, kaayyoon isaanii hundumtuu … horii, horii, horii qofa ta’eera… kanaaf lallabdoonni dhugaa barsiisuu qaban soba malee homaa hin dubbatan. Soba kan barsiisanis obsaan bira darbamuu qofa utuu hin taane in badhaafaman; sababni isaa akkuma sobuu baay’isaniin galiin isaanii in dabala. Bishaanni faalamaan kun kan yaa’u burqaa manca’e keessaati. Waliin dha’uun harka isaa bal’isee sassataa wajjin wal qabee jira … lubbuu gadadamtuu baay’ee firdii barabaraatti geessaa kan jiru salphina luboonni godhaniidha. Haara’umsi waliigalaa godhamuu qaba.” —Ibid., b. 7, ch. 4. WG 139.4

Luuter mataan isaa miidhaa phaaphaasii ilaalchisee balaaleffannaa kana irra caalu dhageessisuu kan danda’u miti. Inni dubbate kun diina haareffamaa isa kutataa waan tureef sagaleen isaa fudhatama guddaa argate. WG 140.1

Iji yaa’ii Sanaa banameera utuu ta’ee; ergamaan Waaqayyoo isaan gidduutti argamee carallaa ifaatiin dukkana dogoggoraa utuu bittimsuu fi dhugaa akka fudhataniif sammuu fi onnee isaanii utuu banuu in argu turan. Diinota haara’umsaa kan to’atee fi hojii guddaa raawwatamuuf jiruuf karaa kan qopheesse ogummaa fi humna Waaqa dhugaa ture. Maartiin Luuter achi hin turre; garuu sagaleen Isa Luuter irra caaluu, walga’ii sana keessatti dhaga’ameera. WG 140.2

Koreen hacuuccaa phaaphaasii saba Jarman irratti ulfaate tarreessee barreeffamaan qopheessu, yaa’ii sanaan yerosuma kaa’ame. Barreefamni qabxii dhibba fi tokko of keessatti qabatu, gaaffii miidhaa kanatti tarkaanfiin sirreeffamaa atattamaan fudhatamuu qaba jedhuu wajjin mootichaaf dhi’aate. “Badiisa lubbuu kiristiyaanaa attamiiti, sassata attamiiti, saamicha attamiitis salphinni mataa hafuura kiristiyaanotaa addunyaa marsee jiru!” Jedhan warri iyyata sana dhi’eessan. Badiisaa fi salphina saba keenyaa oolchuun hojii keenya. Sababa kanaaf haara’umsa walii galaa akka ajajjanii fi raawwii isaa immoo akka hordoftan gad of deebisuu guddaa fi ariitiidhaan akka raawwatamu isin gaafanna.” —Ibid., b. 7, ch. 4. WG 140.3

Amma manni maree sun akka Luuter fuula isaaniitti dhi’aatuuf gaafate. Kadhaan, mormii fi doorsisi Aliyaander utuma jiruu, xumuratti mootichi akka Luuter yaa’ii sana duratti dhi’aachuuf waamamuuf ajaja dabarse. Waraqaa waamichaa Sanaa wajjin nagaan akka deebi’uuf waraqaan nageenyaan ittiin darban isa qaqqabe. Waraqaan waamichaa kun gara Wiitenbargitti kan geeffame harka ergamaa gara Wormisitti isa geessuuf ergameen ture. WG 140.4

Yeroo kana michoonni Luuter sodaadhaan dhiphatanii turan. Jibbaa fi diinummaa isa irra jiru waan beekaniif, waraqaan nageenyaan ittiin darban sun hin kabajamu jedhanii sodaachuudhaan lubbuu isaa balaaf akka hin saaxilleef isa kadhatan. Innis akkas jedhee isaaniif deebise: “hordoftoonni phaaphaasii murtii fudhachuu fi du’a koo malee gara Wormis dhufuu koo hin barbaadan. Kun homaa miti. Anaaf utuu hin taane sagalee Waaqayyoof kadhadhaa… hojjettoota dogoggoraa kana mo’uuf Kiristos Hafuura Isaa anaaf in kenna. Bara jireenya koo guutuu isaanan tuffadha; du’aa kootiin isaan irratti mo’ichaanan injifadha. Magaalaa Wormis keessatti amantii koo akkan ganu na dirqisiisuuf baay’ee hojjetan. Amma kanan ganu isa kana. Duraan phaaphaasiin bakka bu’aa Kiristos jechaan ture; amma garuu inni diina gooftaa keenyaa, fi ergamaa seexanaa ta’uu isaa nan mirkaneessa. —Ibid., b. 7, ch. 6. WG 140.5

Luuter imala isaa isa balaa qabu sana qofaa isaa hin adeemne. Ergamaa mootichaa dabalatee michoonni cimoon sadii isa waliin adeemuuf murteeffatan. Meelankiton isaanii wajjin adeemuuf barbaade. Onneen isaa Luuteritti hidhamee waan jiruuf. yoo barbaachise hamma hidhamuutti yookiin hamma du’aatti isa hordofuuf guddisee hawwe. Kadhaan isaa garuu hin fudhatamne. Yoo Luuter ajjeefame abdiin haara’umsaa dargaggeessa isaa wajjin hojjetu kana irra jira. Haaressaan kun Meelankiton irraa yeroo adda ba’e akkas jedhe, “yoo ani hin deebi’u ta’e, diinonni koo yoo ana ajjeesan barsiisuu itti fufi, dhugaattis cimii dhaabbadhu. Bakka koo ta’ii hojjedhu … Ati jiraannaan bu’aan du’a kootii muraasa.” -- Ibid., b. 7, ch. 7. Lammiilee fi barattoonni adeemsa Luuteriin ilaaluuf walitti qabaman miirri isaanii ni tuqame. Warri onneen isaanii wangeelaan tuqame namoonni hedduun boo’ichaan nagaa itti dhaaman. Akkasitti haaressaa fi warri isa waliin adeeman Wittenbargiin dhiisanii karaa isaanii qabatan. WG 140.6

Utuu adeemaa jiranii sabni abdii dukkanaa’een dhiphachuu isaa argan. Magaalaa tokko tokko keessatti kabaji isaaniif hin kennamne ture. Halkan boqotanii utuu jiranii lubni jaallatamaan tokko fakkii haaressaa xaaliyaanii kanaan dura wareegamee tokko Luuteritti argisiisee sodaa isaaf qabus ibseef. Guyyaa itti aanutti immoo barreefamni Luuter Wormisitti balaaleffatamuu isaa dhaga’an. Ergamaan mootichaa labsii mootichaa isa inni hojii Luuter isa balaaleffatame gara abbootii seeraatti akka dhi’aatu namoota ajajuu isaa itti dubbatan. Ergamaan kun Luuter mana maree sana duratti nageenya qabaachuu isaa sodaachuu fi murtoon isaas raafamuu danda’a jedhee yaaduudhaan fuula duratti adeemuuf fedhii inni qabu gaafate. Innis akkas jedhee deebise: “magaalaa hunda keessa dhorkaan yoo jiraate illee ani nan adeema.” ---Ibid., b. 7, ch. 7. WG 141.1

Luuter Erfartiin akkuma ga’een kabajaan simatame. Saba dinqifannaadhaan isa ilaalaniin marfamee, karaa dur korojoo ittiin qarshii kadhatu baatee irra adeemaa ture sana irra darbe. Gadaamii isa Iddoo bultii isaa ture daawwate, wallaansoo isa yeroo ifni inni amma Jarman irra lola’e lubbuu isa irratti ba’ee yaade. Akka inni lallabuuf itti himame. Kana gochuun dhorkamaadha, garuu ergamaan mootichaa in heyyameef. Molokseen duraan garbicha gadaamii ta’ee akka hojjetu taasifamee ture, amma iddoo aarsaatti ol ba’e. WG 141.2

Saba walitti qabamanitti akkas jedhee sagalee Kiristos keessaa dubbate, “nagaan isiniif haa ta’u.” “Falaasfonni, dokteeronnii fi barreessitoonni akka namoonni daandii jireenyaa argataniif barsiisuu yaalaniiru, garuu hin milkoofne. Ani amma isan isinitti hima” jedhe…. Waaqayyo du’a balleesuuf, cubbuuf araarsuu fi balbala Gahannamiin cufuuf nama tokko du’aa kaase; innis Yesus Kiristos. Kun hojii fayyinaati…. Kiristos mo’ateera! Kun oduu gammachuuti. Nuyi immoo hojii isaatiin fayyine, kan ofii keenyaatiin miti… Yesus Gooftaan keenya akkas jedhe, ‘nagaan isiniif haa ta’u; harka koo ilaalaa. Kana jechuun ilaali yaa namaa! Cubbuu kee kan si irraa fuudhee fi kan si fure ana qofaadha, kanaaf ati amma nagaa qabda’ jechuudha.” WG 141.3

Inni itti fufuudhaan amantiin dhugaan jireenya qullaa’aatiin akka mul’atu argisiisuudhaan akkas jedhee dubbate. “Erga Waaqayyo nu fayyisee hojiin keenya isa duratti fudhatama akka argatu haa goonu. Isin sooressaa? Yoo akkas ta’e hojiin gaariin keessan fedhii hiyyeessotaaf haa ta’u. isin hiyyeessaa? Yoo akkas ta’e tajaajilli keessan sooressota duratti fudhatama haa qabaatu. Hojiin keessan faayidaa mataa keessaniif qofa yoo ta’e tajaajila keenya Waaqayyoof goonerra inni isin jettan soba.” —Ibid., b. 7, ch. 7. WG 141.4

Sabni yaadaan liqimfamee dhaggeeffate. Lubbuu beela’aniif buddeen jireenyaatu cabsame. Kiristos akkuma phaaphaasota, bakka bu’oota phaaphaasii, moototaa fi mootii moototaa duratti ol , isaan kana durattis ol ol qabame. Luuter waa’ee balaa keessa jiruu hin caqafne. Namoonni isaaf akka yaadan yookiin akka isaaf gaddan gochuu hin barbaanne. Waa’ee Kiristos yaaduu keessatti mataa isaa irraanfateera. Akka fayyisaa cubbamootaatti Yesusiin qofa dhi’eessuu barbaadee nama Qaraaniyoo sana duuba dhokate. WG 141.5

Haaressaan kun karaa isaa yeroo itti fufe bakka hundatti ilaalcha guddaa argate. Sabni isa arguu dharra’an isatti naanna’an, jaalala kan isa irraa qabanis kaayyoo Roomaa irraa akka of eeggatuuf isa akeekkachiisan. “Akkuma Joon Haasiin godhan isaan si gubanii dhagna kee daaraa godhu” ittiin jedhan namoonni muraasi. Luuter deebisee “Yoo isaa Wormisii jalqabanii hamma Wittenbargitti karaa hunda irratti ibidda waaqa bira ga’u qabsiisan, maqaa Gooftaatiin keessa nan adeema; isaan durattis nan dhi’aadha. Mangaagaa (qarriffaa) Leewwotaa (bineensa guddaa galaana keessaa) kana keessa nan bu’a, Gooftaa Yesus Kiristosiin dhugaa ba’uudhaanis ilkaan isaa nan cabsa.” —Ibid., b. 7, ch. 7. WG 141.6

Oduun Wormisitti dhi’’aachuu isaa goolii guddaa kaase. Michoonni isaa nageenya isaatiif raafaman; diinonni isaa immoo milkaa’insa kaayyoo isaaniif sodaatan. Magaalaa akka hin seenneef isa sodaachisuuf yaalii guddaatu ta’e. Gara mana fira isaatii bakka itti rakkoon hundumtuu in furama jedhamee yaadame tokkotti goree akka araaramuuf karaa phaaphaasii yaadi dhi’aate. Michoonnis balaa isa eeggatu ibsuudhaan sodaa isa keessatti uumuuf yaalaniiru. Yaaliin isaanii hundumtuu hin milkoofne. Luuter utuu hin raafamin akkas jedhe, “Diyaabilosonni Wormisiin jiran akka xuubii mana irra tuulamee yoo baay’atan illee amma illee ani isatti nan seena.” —Ibid., b. 7, ch. 7. WG 142.1

Wormisiin yeroo inni ga’e namoonni baay’een isa simachuuf balbala duratti walitti qabaman. Macca sonaan guddaan akkasii mooticha simachuuf illee walitti qabamee hin beeku ture. Gammachuu guddaatu ture, akkasumas carraa isa eeggachaa jiru Luuteritti mul’isuuf saba sana gidduudhaa sagaleen boo’ichaa guddaa kan yeroo awwaalchaa fakkaatutu dhaga’ame. Innis “Waaqayyo eegaa kooti” jedhee saragallaa (konkoolaataa fardaa) isaa irraa bu’e. WG 142.2

Luuter gara Wormisiin dhufee yaa’ii duratti dhi’aachuuf ija jabaata jedhanii kan hin yaadne deggertoonni phaaphaasii, achi ga’uu isaa dhaga’anii naasuudhaan guutaman. Mootichi mana maree isaa attatamaan waamee maal gochuun akka isa irra jiru gorsa gaafate. Phaaphaasota keessaa phaaphaasiin rincicaan tokko akkas jedhe, “dhimma kana irratti yeroo dheeraa mari’anneerra. Ulfinni mootummaa keetii nama kana si’a tokkoon dhabamsiisuuf haa qophaa’u. Sigizimuundi akka Joon Haas gubatu godhee hin turree? Gantuu tokkoof nageenyaan inni ittiin darbu kennuu yookiin wabii nageenyaa kennuuf hin dirqamnu.” Mootichis deebisee “Lakki, waadaa keenya eeguu qabna” jedhe. —Ibid., b. 7, ch. 8. Kanaaf sagaleen haaressaa kanaa akka dhaga’amuuf murtaa’e. WG 142.3

Jiraattonni magaalichaa hundi nama kana arguu hawwanii waan turaniif daawwattoonni hedduun bakka bultii isaa guutan. Luuter dhukkuba isaa isa dhihoo irraa hin fooyyofne ture. Imala torban lama isa fudhateen dadhabee waan tureef taatee murteessaa bor ta’uuf qophaa’uuf callisaa fi boqonnaa barbaade. Haa ta’u malee isa arguuf hawwiin ture guddaa waan tureef yeroo angafoonni, angafoonni lolaa, luboonnii fi lammiileen fedhii guddaatiin naannoo isaatti walitti qabaman boqonnaa yeroo muraasaa qofa fudhatee ture. Isaan kana keessaa warri Luuter “wangeela kootiin biliisoman” ittiin jedhu miidhaa luboonni godhan mootichi jijjiiruu qaba jedhanii ija jabinaan kan gaafatan angafoonni baay’een turaniiru.” —Martyn, page 393. Diinonnis michoonnis moloksee soda hin qabne kana ilaaluuf dhufan, haa ta’u malee inni tasgabbii hin sochooneen ulfinaa fi ogummaadhaan isaan haasofsiise. Ejjennoon isaa cimaa fi jagnummaadhaan kan guute ture. Fuulli isaa inni qallaan dhukkubaa fi dadhabbiidhaan saakacha’e, qajeelummaa fi gammachuu kan argisiisu ture. Qajeelummaa fi dhugaan gadi fagoon dubbii isaa keessa jiru, humna diinonni guutuummaatti dura dhaabbachuu hin dandeenye isaaf kenne. Michoonnii fi diinonni in dinqifatan. Namoonni tokko tokko humni hafuuraa akka wajjin jiru yeroo amanan, kaan immoo akkuma Fariisonni Kiristosiin “Seexana Qaba” jedhan, eejjennoo akkasii fudhatan. WG 142.4

Guyyaa itti aanutti Luuter walga’iitti akka hirmaatuuf waamame. Gara galma walga’ii fidee akka dhufuuf qondaala mootichaa tokkotu kaa’ame; haa ta’u malee rakkina guddaadhaan iddoo sana ga’e. Daandiin hundinuu daawwattoota moloksee aangoo phaaphaasiin mormuuf ija jabaate kana ilaaluuf kan hawwaniin dhiphatee ture. WG 143.1

Yeroo inni bakka abbootiin murtii jiranitti seenuuf jedhe ancibiraalli dulloomaan lola hedduu mo’atee ture tokko garraamummaadhaan akkas ittiin jedhe: “Moloksee gadadamaa nana, moloksee gadadamaa nana, ati lola dhiigaa isa kabajamaa anis ta’e yookiis gootonni biraan goone irra kan caalutti adeemaa jirta. Garuu kaayyoon kee qajeelaa yoo ta’ee fi atis isaaf kutateetta yoo ta’e, maqaa Waaqayyootiin itti adeemi, waa tokko hin sodaatin. Waaqayyos si hin dhiisu.” —D’Aubigne, b. 7, ch. 8. WG 143.2

Luuter yaa’ii dura yeroo dheeraaf dhaabbate. Mootichis teessoo isaa qabate. Innis namoota kabajamoo mootummaa isaa keessa jiraniin marfamee ture. Yaa’ii Maartiin Luuter amantii isaatiif deebii kennuuf dura dhaabbate kana fuula dura namni kam illee akkasitti dhaabbatee hin beeku ture. “Dhi’aannaan kun mataan isaa phaaphaasii irratti injifannoo gonfachuu isaa argisiisa. Phaaphaasiin isatti murteesse ture, inni garuu dhaaddacha ofii isaa phaaphaasii gararraa of kaa’e duratti dhi’aate. Phaaphaasiin qoqqobbii isa irra kaa’ee ture, hawaasummaa irraas isa kutee ture; inni garuu kabajaan waamamee walga’ii addunyaa irratti kabaja guddaa qabu duratti fudhatama argate. Phaaphaasiin hamma barabaraatti akka callisuuf itti murteessera, amma garuu inni kiristiyaanota biyya fagoodhaa walitti qabamanii isa dhaggeeffatan kumaatama duratti akka dubbatu ta’e. Karaa abshaalummaa Luuteriin warraaqsa guddaatu argame. Roomaan duraan iyyuu teessoo ishee irraa gadi bu’aa jirti, sagaleen moloksee tokkoo immoo gadi bu’uu ishee kana dhugoomse.” —Ibid., b. 7, ch. 8. WG 143.3

Yaa’ii humna qabeessa sana duratti haaressaan inni maatii hiyyeessa keessaa dhalate waan leeyya’ee fi sodaate fakkaate. Ilmaan moototaa miira isaa itti siqeenyaan hordofaa jiran keessaa tokko isatti siqee “Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatin!” jedhee gurra isaatti hasaase. Kan biraan immoo “anaaf jettanii fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaatti in geeffamtu. Wanta isin dubbachuuf jirtan hafuura abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata” ittiin jedhe. Akkasitti sagaleen Kiristos yeroo qorumsaatti garbicha isaa jabeessuuf karaa gurguddoota biyya lafaa ergame. WG 143.4

Luuter teessoo mootii dura akka dhaabbatuuf in waamame. Yaa’ii bal’aa sana keessatti callisuu gudaatu ta’e. Kana booda qondaalaan mootichaa tokko ka’ee barreeffama Luuteriin ilaalchisuudhaan akka haaressaan kun gaaffii lamaaf deebii kennu gaafate — isaanis; barrefamni sun kan isaa ta’uu isaa amanuu isaa fi yoo kan isaa ta’e yaada isa keessa jiru kaasuuf/dhiisuuf fedhii qabaachuu isaa gaafate. Mata dureen barreefama Sanaa erga dubbifamee booda, Luuter gaaffii isa jalqabaaf kitaabichi kan isaa ta’uu amane. Isa lammaffaa ilaalchisee akkas jedhe “gaaffii amantii fi fayyina lubbuu, sagaleen Waaqayyoo isa waaqa irrattis ta’e lafa irratti qabeenya gati jabeessa ta’e of keessaa qabu arguudhaan utuun itti hin yaadin yoon deebii kenne waan hubannaan itti hir’ate hojjechuu kooti. Haalli yeroo kan na gaafatuun gadi yookiin dhugaan kan na gaafatuun olan mirkaneessan ta’a, kana gochuudhaan immoo isa Kiristos “Eenyu illee namoota duratti yoo na gane garuu, anis immoo abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana” (Maat.10:33) jedhe irratti cubbuu hojjechuu kooti. Sababa kanaaf sagalee Waaqayyoo utuun hin mufachiisin deebii kennuu akkan danda’utti yeroo fudhachuuf akka naaf heyyamtaniif gadi of deebisuu hundumaanan ulfina mootummaa keessanii gaafadha.” —D’Aubigne, b. 7, ch. 8 WG 143.5

Gaaffii kana dhi’eessuu keessatti Luuter ogummaadhaan adeeme. Miiraan dhiibamee akka inni hin goone yaa’ii sana amansiisera. Tasgabbii fi ofitti amantaan nama ija jabeessaa fi dhugaa araaratti fiduu hin barbaanne tokko irraa hin eegamne humna isaatti dabalame, boodas of eeggannaa, murtoo, ogummaa fi ulfina diinota isaa dinqifachiisuu fi abdii kutachiisuun addagummaa fi oftuulummaa isaanii ifachuu isa dandeessise. WG 144.1

Deebii xumuraa kennuuf kan inni itti dhi’aatu guyyaa itti aanutti ture. Humnoota dhugaa irratti hiriiranii dhaabbatan ilaalee yeroof onneen isaa diilallaa’ee ture. Amantiin isaa in raafame; soda fi rommuun isatti dhufe, naasuunis isa keessa guute. Balaanis baay’atee fuula isaa dura dhufe; diinonni waan isa mo’atan, humnoonni dukkanaas waan injifatan fakkaatan. Duumessi naannoo isaa marsee Waaqayyottii waan adda isa baasu fakkaate. Gooftaan maccaa isa waliin jiraachuu isaa mirkaneefachuu barbaade. Hafuura gaddaatiin fuula isaatiin lafatti gombifamee boo’icha Waaqayyo malee kan biraan hubachuu hin dandeenyeen onnee isaa isa cabaa Waaqayyoon duratti dhangalaase. WG 144.2

“Jabaa fi kan barabaraa kan taate Yaa Waaqayyo, biyyi lafaa kun attam hamtuudha! Afaan isaa banatee na liqimsuu akka ga’e ilaali, anis amantiin ani si irraa qabu xiqqoodha … utuun amanannaa koo jabina biyya lafaa kana qofaa irra ka’aadhee, hundumtuu kan raawwatame ture … Yeroon koo isheen xumuraa geesseetti, murtiinis ana irratti labsamee ture. Yaa Waaqayyo, ogummaa biyya lafaa kana irratti na gargaarta. Ati qofaan kana godhi; … sababni isaa hojiin kun kan keeti, malee kan koo miti. Asitti waanan godhu hin qabu, gurguddoota lafaa kanaa wajjin dorgomuuf ani waanan godhu hin qabu…. Garuu hojichi kan keeti, innis kaayyoo qajeelaa fi barabaraati. Yaa Gooftaa na gargaari! Waaqayyo amanamaa fi hin jijjiiramnee, ani amanannaa koo nama irra hin kaa’adhu …. Wanti kan namaa ta’e hundumtuu hin amansiisu; wanti nama biraa dhufu hundumtuu kufaadha…. Ati hojii kanaaf na fo’atteetta … jaallatamaa ilma kee Yesus isa da’oo koo, gaachana koo fi gimbii jabaa koo ta’eef jedhii na bira dhaabbadhu.” —Ibid., b. 7, ch. 8. WG 144.3

Waaqni garraamiin ogummaan hundumtuu kan isaa ta’e; akka Luuter jabina mataa isaatii amanatee ariitiidhaan utuu itti hin yaadin balaa keessa hin seenneef, balaa isa dura jiru akka hubatu heyyamee ture. Luuteriin sodaachisee kan ture soda dhiphina dhuunfaa, gidiraa yookiin du’a dhi’ootti waan ta’u isatti fakkaate hin turre. Inni gara dhiphinaa dhufe, isa quunnamuuf immoo ga’umsa akka hin qabnetu itti dhaga’ame. Dadhabbii isaa irraan kan ka’e dhugaa irratti miidhamni in dhufa. Waaqayyoon wallaansoo kan inni qabe nageenya mataa isaaf utuu hin taane mo’icha wangeelaatiifi. Gaddii fi wallaansoon lubbuu isaa akkuma wallaansoo Israa’el isa halkan gaafa Sanaa qarqara galaanaatti qofaa isaa ta’ee ture. Akkuma Israa’elitti Waaqayyoon wallaansoo qabe. Gargaarsa dhabuu isaa keessatti, Kiristos isa oolchaa jabaa ta’e irratti amantiin isaa jabaate. Mana maree sana duratti qofaa akka hin dhi’aanne abdii argachuudhaan jabaate. Lubbuun isaa deebitee nagaa argatte, geggeesitoota biyyaa duratti sagalee Waaqayyoo ol qabuuf waan isaaf heyyamameef in gammade. WG 144.4

Sammuun isaa Waaqayyoo wajjin turuudhaan Luuter wal’aansoo fuula isaa duraaf qophaa’e. Dhimmoota deebii itti kennuufi karoora baase, barreeffamoota isaas in qorate, heertuu Macaafa Qulqulluu ejjennoo isaa cimsuuf isaaf ta’anis walitti funaannate. Kana booda harka isaa bitaa Macaafa Qulqulluu fuula isaa duraa banamee jiru irra kaa’uudhaan, harka isaa mirgaa immoo gara samiitti ol qabee “wangeelaaf amanamaa ta’ee dhaabbachuu fi dhuga ba’umsa isaa dhiigaan mallatteessuuf illee yoo ta’e, amantii isaaf dhugaa ba’uuf” kakuu gale. —Ibid., b. 7, ch. 8. WG 144.5

Yeroo inni deebi’ee fuula yaa’ii dura dhaabbate, fuulli sodaa yookiin leeyyoon irraa hin mul’anne. Gurguddoota lafaa dura akka dhuga baatuu Waaqayyootti tasgabbii fi nagaadhaan, sodaa malee kabajaan dhaabbate. Qondaalli mootumichaa barsiisa isaa ganuuf fedhii akka qabu mortoo isaa gaafate. Luuter humni yookiin miiraan socho’uun utuu isa irratti hin mul’atin sagalee laafaa fi gad of deebisaadhaan deebii isaa kenne. Ofitti amantaa fi gammachuu yaa’ii sana dinqifachiise yoo mul’ise illee, dhi’annaan isaa kabaja addaa kan argisiisu ture. WG 145.1

Luuter akkas jedhee dubbate, “mootota ulfina qabootaa, kabajamoo ilmaan moototaa, ayyaana qaboota Gooftotaa; guyyaa kana akkan kaleessa ajajamettan fuula keessanitti dhi’aadheera. Kaayyoo isan qajeelaa fi dhugaa ta’uu isaa itti amaneef deebii faccisaa ani kennu xiyyeefannoodhaan akka na dhageeffattan guddummaa fi ulfina keessan nan kadhadha. Yoo ani wallaalummaadhaan seera dhaaddachaa cabse akka anaaf dhiiftan isinan kadhadha, sababni isaa ani kanan guddadhe mana moototaa keessatti utuu hin taane gadaamii qofaa keessatti waan tureef.” —Ibid., b. 7, ch. 8. WG 145.2

Kana booda gara gaaffiitti galuudhaan, hojiin isaa warri maxxanfaman hundi isaanii amala wal fakkaataa akka hin qabne ibse. Barreeffamoota isaa tokko tokko keessatti dhimmi amantii fi hojii gaarii kan caqase yeroo ta’u, isaan kun immoo miidhaa kan hin qabne qofa utuu hin taane bu’a qaboota ta’uu isaanii diinonni iyyuu dubbatanii turan. Isaan kana ganuu jechuun dhugaa gareen hundumtuu itti walii galan balaaleffachuu jechuudha. Inni lammaffaan immoo barreeffamoota manca’insaa fi miidhaa phaaphaasii saaxilu of keessatti qabatanii jiru. Barreeffama kana ganuu jechuun gara jabina Roomaa cimsuu fi amanti dhabinaaf balbala bal’isanii banuu ta’a. Kitaaba isaa gosa sadaffaa keessatti namoota dhuunfaa hammina jiru deggeran ifate. Kana ilaalchisee isa dhufuuf jiru caalaatti jabaatee akka lole biliisa ta’ee dubbate. Inni guutummaatti dogoggora irraa biliisa akka ta’etti of hin yaadne, haa ta’u malee kitaabota kana ganuu hin dandeenye. Sababni isaa kana gochuun akka diinonni dhugaa jajjabaatanii gara jabina guddaatiin saba Waaqayyoo balleessuuf carraa argatan godha. WG 145.3

“Haa ta’u malee ani nama malee Waaqayyo miti” jedhee itti fufee dubbate. “Kanaaf anis akkuma Kiristos mataa kootiif nan falma: ‘yoo ani hamaa dubbadheera ta’e hamminni isaa eessatti akka ta’e dhugaa ana irratti ba’aa.’ … Yaa mootii surra qabeessaa, fi ilmaan moototaa warri kabajamoon, akkasumas gita hunda irraa kan dhuftan namoonni hundinuu bakka dogoggora kootii barreeffama raajotaa fi ergamootaa keessaa akka naaf mirkaneessitan araara Waaqayyootiinan isin kadhadha. Battala isin kanaan ana amansiiftanitti dogoggora koo hunda nan sirreeffadha, akkasumas kitaabota koo ibidda keessa buusuuf isa jalqabaa nan ta’a.” WG 145.4

“Wanti ani dubbadhe balaa ani itti of saaxilee of eeggannoodhaan ilaaluu fi madaaluu koo ibsee akka argisiisu nan abdadha. Garuu wangeelli ammas akkuma bara durii sababa dhiphinaa fi gargar ba’umsaa ta’uu isaa ilaaluu nan gammada malee hin sodaadhu. Amalli sagalee Waaqayyoo, carraan isaas isa kanaadha. “Lafa irratti nagaa fiduuf kanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani goraadee fiduuf malee nagaa fiduuf hin dhufne” jedhe Yesus Kiristos. Waaqayyo dinqiidha, gorsuu isaatti jabaadha. Dheebuu lolaa qabdan guuttachuuf jecha sagalee Waaqayyoo isa qulqulluu ari’achuudhaan balaa sodaachisaa keessaa ba’uu hin dandeenye, dha’icha cimaa fi badiisa barabaraa akka ofirratti hin fidneef of eeggadhaa…. Sagalee Waaqayyoo keessaa fakkeenyota baay’ee caqasuu nan danda’a. waa’ee Fara’oon, waa’ee mootota Baabilonii fi kan Israa’el warra mootummoota isaanii jabeessuuf jecha gorsa utuu barbaadanii hojiin isaanii badiisa isaanitti fide caqasuu nan danda’a. Waaqayyo gaarota in buqqisa, isaan garuu kana hin hubanne.” —Ibid., b. 7, ch. 8. WG 145.5

Luuter kan inni dubbatte afaan warra Jarmaniin yeroo ta’u jechuma sana afaan Laatiniitiin akka irra deebi’uuf gaafatame. Dubbannaa jalqabaatiin dadhabee yoo ture illee waan gaafatametti walii galuudhaan iftoomaa fi humna isa jalqabaatiin irra deebi’ee dubbate. Gaarummaan Waaqayyoo dhimma kana keessatti isa qajeelcheera. Sammuun mootota hedduu dogoggoraa fi amantii tolchaatiin dukkaneeffamee waan tureef dubbannaa isaa isa jalqabaa keessaa, humna Luuter ittiin dubbate hin hubanne turan. Irra deebi’amuun isaa garuu tuqaalee isaa sirriitti akka hubataniif isaan gargaare. WG 146.1

Ifa akka hin argineef boqu jabinaan ija isaanii kan dunuunfachiisanii fi dhugaa amananii fudhachuu diduu kan murteessan humna Luuter ittiin dubbatetti guddaa aaran. Akkuma inni dubbachuu dhaabeen, afa yaa’iin walga’ii Sanaa aariidhaan; “gaaffii siif dhi’aateef deebii hin kennine … deebii ifaa fi sirrii deebisuutu si irra jira … Yaada kee in jijjiirta moo hin jijjiirtu?” ittiin jedhe. WG 146.2

Haaressaan kunis akkas jedhe: “surra qaboo taa fi ulfina qaboota kan taatan, deebii ifaa, dhugaa fi sirrii ana irraa erga barbaaddanii ani isiniif nan kenna, innis isa kana: amantii koo phaaphaasiidhaafis ta’e mana maree kanaaf bitamsiisuu hin danda’u, sababni isaa isaan kun lamaan walii isaanii mormuun isaanii akka guyyaa ifaadha. Kanaaf dhugaa Macaafa Qulqulluutiin yookiin yaada ifaa ta’een yoon amansiifame malee, yookiin barreeffaman caqasetti yoon walii gale malee, akkasumas sagalee Waaqayyootiin sammuun koo yoo qajeelfame malee ani ganuu hin danda’u, hin ganus. Sababni isaa kiristiyaanni faallaa sammuu isaatii dubbachuun isaaf gaarii miti. Kun ejjennoo kooti, kan biraa gochuu hin danda’u, Waaqayyo ana haa gargaaru. Ameen.” —Ibid., b. 7, ch. 8. WG 146.3

Namni qajeelaan kun akkasitti hundee dhugaa isa ta’e sagalee Waaqayyoo irra dhaabbate. Ifni samii fuula isaa irraa ife. Yeroo inni humna sobaa saaxilee fi olaantummaa amantii isa biyya lafaa mo’uuf dhugaa ba’e guddummaa fi qullaa’ummaan amala isaa, nagaa fi gammachuun onnee isaa keessaa in mul’ate. WG 146.4

Guutummaan yaa’ii Sanaa yeroof dinqifannaadhaan waan dubbatan dhaban. Luuter deebii isaa isa jalqabaa irratti kabaja argisiisuu fi tola jechuudhaan sagalee laafaadhaan dubbate. Warri Roomaa haala kana ragaa onneen isaa du’uu jalqabuuti jedhanii fudhatan. Deebii isaatiif beellama gaafachuu isaa akka jal bultii gantummaatti lakkaa’anii turan. Mootichi Charles mataan isaa qaama moloksee kanaa isa gad dhume, uffata isaa isa gad deebi’aa ilaalee tuffachuudhaan “molokseen kun gantuu na gochuu hin danda’u” jedhee dubbate. Jabinnii fi ciminni, akkasumas humnii fi iftominni yaada isaatii inni amma argisiise garee hunda dinqifachiise. Mootichi dnqifannaadhaan akkas jedhee akka dubbatuuf dirqame “molokseen kun onnee sodaa hin qabnee fi jabina hin sochooneen dubbata.” Qondaaltonni Jarman baay’een isaanii nama biyya isaanii bakka bu’e kana gammachuu fu boonuu guddaatiin ilaalan. WG 146.5

Deggertoonni Roomaa in mo’aman; haalli isaanis ifa namatti hin tolleen ilaalame. Maccafa Qulqulluu irratti hirkachuudhaan utuu hin taanee, doorsisa isa amala itti ta’ee tureen Roomaan aangoo ishee turfachuu barbaadde. Afa yaa’iin walga’ii Sanaa “Yoo ati hin gantu ta’e, gantuu of hin sirreesine irratti murtoo darbu mootichii fi mootonni biyyatti in mari’atu” jedhe. WG 146.6

Michoonni Luuter warri deebii faccisaa inni kenne gammachuudhaan dhaggeefachaa turan jecha kanatti in na’an. Garuu doktoriin kun tasgabbiidhaan akkas jedhe “Waaqayyo gargaaraa koo haa ta’u, ganuun anaaf hin danda’amu.” —Ibid., b. 7, ch. 8. WG 147.1

Utuu angafoonni waliin mari’atanii akka inni yaa’ii sana gadi dhiisee ba’uuf itti himame. Gooliin guddaan akka dhufu isaanitti dhaga’ame. Luuter harka kennachuu diduun isaa barootaaf seenaa waldaa miidhuu danda’a. Yaada isaa akka jijjiirratuuf carraan tokko akka isaaf kennamu murta’e. Yeroo xumuraaf yaa’ii duratti dhi’ate. Barsiisa isaa akka dhiisuuf gaaffiin ammas isaaf dhi’aate. “Isan duraan dubbadhe malee deebii kan biraa kennuu hin danda’u” jedhee dubbate. Dorsisaanis ta’e yookiin abdachiifamuudhaanis aangoo Roomaatiif tole jedhee akka inni hin bitamne ifa ta’e. WG 147.2

Aangoon isaanii inni moototaa fi angafoota rommisiisaa ture, moloksee gad-deebi’aa kanaan tuffatamuun isaa geggeesitoota phaaphaasii guddaa aarse. Dheekkamsa isatti fidanii lubbuun isaa dhiphinaan akka dabartu barbaadan. Luuter garuu balaa isatti dhufu hubachuudhaan waan hundumaa ulfinaa fi tasgabbii kiristiyaanummaatiin dubbate. Dubbannaan isaa oftuulummaa, miiraan kakaafamuu fi dhi’aannaa baduu irraa biliisa ture. Jiraachuu ofii isaatii fi namoota gurguddoo naannoo isaatii irraanfatee ture. Isa tokkicha phaaphaasota, luboota, moototaa fi mootumoota irra caalu dura akka jiru qofaatu isatti dhaga’amaa ture. Kiristos karaa dhuga ba’umsa Luuteriin humna fi surraa michootaa fi diinota dinqifachiisuun dubbate. Hafuurri Waaqayyoo walga’ii sana keessatti argamuudhaan onnee angafoota biyyichaa tuqee ture. Angafoonni danuun kaayyoon Luuter qajeelaa ta’uu isaa amananii fudhatanii turan. Baay’ee isaanii dhugaan isaan amansiisera, kan namoota muraasaa garuu fiixaan ba’umsa hin qabu ture. Gareen kan biraan yeroo sana amantii isaanii hin mul’ifnes turaniiru, isaan kun garuu yeroo booda ofii isaaniitiin Macaafa Qulqulluu qoratanii gara fuula duraatti deggertoota haara’umsaa warra soda hin qabne ta’uu danda’aniiru. WG 147.3

Qondaaltichi Firederiki dhi’aannaa Luuter yaa’ii duratti dhi’aate xiyyeefannoodhaan ilaalee miira gadi fagootiin dubbii isaa dhaggeeffate. Gootummaa, jabinaa fi ofitti amantaa dokterii kanaa boonuu fi gammachuu guddaatiin ilaalee kan durii caalaa isa cina dhaabbachuuf murteesse. Garee falmii geggeessan lamaan gidduu garaagarummaa jiru wal bira qabee ilaaluudhaan ogummaan phaaphaasotaa, kan moototaa fi lubootaa humna dhugaatiin mo’amee bilaasha ta’uu isaa arge. Bara hundumaa keessa biyyoota hundumaa keessatti kan dhaga’amu injifatamuu Phaaphaasitu argame. WG 147.4

Bakka bu’aan phaaphaasii dubbannaa Luuteriin bu’aa argame yeroo hubate nageenya aangoo Roomaaf isa yeroo kami irra caalaa sodaan itti dhaga’amee, haaressaa kana dhabamsiisuuf haala isaaf danda’amu hundatti dhimma ba’uuf murteesse. Dandeettii dubbannaa fi kennaa dipilomaasii ittiin beekameen karaa moloksee wa’itti hin galle kanaa michummaa fi deggersa aangoo Roomaa dhabuu fi balaa mudachuu danda’u mootii dargaggeessa kanaaf dhi’eesse. WG 147.5

Jechoonni isaa bu’aa malee hin hafne. Luuter deebii kennee guyyaa itti aanuutti Charles amantii Kaatolokii eeguu fi tursuuf himaammata mootota isa dura jiranii bakkaan ga’uuf akka murteeffate beeksisuudhaan miseensota yaa’ii Sanaa ergaan akka ga’u godhe. Luuter dogoggora isaa sirreefachuu erga didee tarkaanfiin cimaan isaa fi barsiisa gantummaa irratti fudhatamuu qaba jedhame. “Molokseen tokko gowwummaa yaada mataa isaatiin amanti kiristiyaanaa irratti ka’e. Amanti dhabina akkasii daangessuuf mootummaa koo, qabeenyaa koo, michoota koo, dhagna koo, dhiiga koo, lubbuu koo, fi jireenya koo aarsaa nan godha. Luuter akka inni saba gidduutti jeequmsa tokko hin kaafne gochuuf isa dhabamsiisuuf ka’eera; kana booda innii fi deggertootni isaa akka gantoota seera hin kabajneetti waldaadhaa baasuudhaan, ugguruudhaan, isaaniin balleessuuf qabee ittan farada. Miseensonni mootumichaas akka kiristiyaana amanamaatti kana akka raawwataniif waamicha isaaniif nan godhe.” —Ibid., b. 7, ch. 9. Haa ta’u malee waraqaan ittiin nageenyaan darban inni Luuteriif kennamee ture kabajamuu akka qabuu fi himati isa irratti utuu hin banamin fuula dura nagaadhaan mana isaa ga’uu akka qabu mootichi beeksisee ture. WG 147.6

Amma yaada wal mormu lamatu miseensota yaa’ii sanaatiin dhi’aate. Deggertoonni phaaphaasii waraqaan ittiin nageenyaan darban haaressaa kanaa akka hin jiretti akka ilaalamuuf gaafatan. Isaanis akkas jedhan “bishaanni Rahiin akkuma jaarraa tokko dura daaraa Joon Haasiin fudhatee adeeme, daaraa isa kanaas fudhachuu qaba.” —Ibid., b. 7, ch. 9. Garuu angafoonni Jarman deggertoota phaaphaasii fi diinota Luuter warra beekamoo yoo ta’an illee, tarkaanfii amantaa sabaa hir’isuu fi ulfina mootumootaa gadi buusu akkasii akka hin fudhanneef mormii isaanii dhageesisan. Isaanis du’a Luuteriin hordofee balaa dhufee ture yaadachiisuudhaan, dha’ichi hamaan akkasis irra deebi’amee biyya Jarmnii fi mootii dargageessa kanatti akka dhufu gochuuf akka ija hin jabbaanne dubbatan. WG 148.1

Yaada bu’uuraa dhi’ate kana irratti Charles mataan isaa akkas jedhe: “Amantii fi ulfinni guutuummaa addunyaa irraa kan badan yoo ta’e illee onnee moototaa keessatti da’oo argachuu qabu.” —Ibid., b. 7, ch. 9. Inni amma illee karaa deggertoota phaaphaasii warra diina Luuter ta’anii waan Zigsimuundi Haas irratti godhe maqaa waldaatii jedhee haaressaa kana irratti akka godhuuf isa dhiibu turan. Haa ta’u malee Haas yaa’ii duratti dhi’aatee isa inni fuuncaadhaan hidhamee ture ilaalchisee mootichi isa inni amantii isaatiif gidirse yaadachuudhaan Charles 5 ffaan “Ani akka Zigsimundiin hojii leeyasisaa akkasii gochuu hin barbaad” jedhe. —Lenfant, vol. 1, p. 422. WG 148.2

Haa ta’u malee Charles dhugaa Luuteriin dhi’aate utuu hin fudhatin hafe. “Ani fakkeenya abboota kootii akkeessuuf cimsee murteefadheera” jechuudhaan barreesse. —D’Aubigne, b. 7, ch. 9. Daandii dhugaa fi qajeelaa irra adeemuuf karaa aadaa keessaa ba’uu akka hin qabne murteeffateera. Sababa abbaan isaa gochaa tureef qofa phaaphaasii gara jabinaa fi manca’insa isaa wajjin deggeruuf murteeffate. Akkasitti abbootiin isaa kan fudhataniin alatti ifa kamiin illee akka hin fudhannee fi hojii isaan hin hojjetin tokko illee gochuu akka hin barbaanne ejjennoo fudhate. WG 148.3

Yeroo ammaas aadaa fi duudhaa abbootii isaaniitti hidhamanii kan jiran danuudha. Yeroo Gooftaan ifa dabalataa isaanitti ergu fudhachuu hin barbaadan; sababni isaa abboota isaaniif waan hin kennaminiif isaan birattis fudhatama hin argatu. Nuyi amma iddoo abbootiin keenya turan hin jirru; kanaaf hojii fi itti gaafatamni keenya isa kan isaanii wajjin tokko miti. Waan hojjechuu qabnu murteeffachuuf qooda sagalee dhugaa ofii keenyaan qorannu fakkeenya abboota keenyaa hordofuu Waaqayyo nuuf hin mirkaneessu. Itti gaafatamummaan keenya kan abboota keenyaa irra guddaa in caalaa. Ifa isaan fudhatanii gara keenyatti dabarsaniif itti gaafatamummaa qabna. Akkasumas ifa dabalataa sagalee Waaqayyoo irraa amma gara keenyatti ifaa jiruufis ittigaafatamna. WG 148.4

Kiristos Yihudoota amantii hin qabne sanaan akkas jedhe: “Utuu ani dhufee isaanitti hin dubbanne ta'ee, cubbuu isaanitti hin ta'u ture; amma garuu cubbuu isaaniif waan itti qabatan hin argatan.” Yoh.15:22. Moototaa fi angafoota Jarmanitti karaa Luuteriin dubbatee kan ture humna Waaqayyoo kana ture. Yeroo ifni sagalee Waaqayyoo irraa ifee ture sana yeroo xumuraaf yaa’ii Sanaa keessatti Hafuurri Isaa baay’ee isaanii kadhachaa ture. Akkuma Philaaxos jaarraa hedduu dura oftuulummaa fi jaallatamuuf jedhee fayyisaa biyya lafaatti onnee isaa cufuuf heyyamee ture, akkuma Feeliks sodaatee “Ammaaf dhaquu in dandeessa, yommuu ani fucha argadhu immoo sin waamsisa ittiin jedhee” ergamaa dhugaa sana geggeesse, akkuma Agriiphaan inni oftuulaan “Yeroodhuma gabaabduu keessatti kristiyaana na gochuuf jetta jedhee” dubbate, (H/Erg. 24:25;26:28) Charles 5 ffaa nis oftuulummaa fi himaammata lafaatti hidhamuuf jecha, ergaa samiidhaa ergame irraa deebi’uudhaan ifa dhugaa mormuuf murteefate. WG 148.5

Tarkaanfiin Luuter irratti fudhatamuuf karoorfame oduun isaa bal’inaan dhaga’amee magaalaa guutummaa keessatti goolii guddaa kaase. Haaressaan kun michoota gara jabina Roomaan warra manca’insa ishee saaxiuuf ija jabaatan hundumaa irratti gootu beekanii fi innis aarfamuu akka hin qabne murteessan baay’ee horatee ture. Angafoonni dhibbaan lakkaa’aman isaaf eegumsa gochuuf waadaa galanii turan. Ergama mootichaa isa inni to’annaa aangoo Roomaaf bitamuuf harka kennee saaxiluudhaan ifatti kan morman yertuu hin turre. Balbala manaa fi iddoo namoonni itti walitti qabamanitti barreeffamoonni Luuteriin balaaleffatuu fi kan deggeru maxxanfamanii turan. Barreeffama kana keessaa iddoo tokkotti jecha nama ogeessaa “Yaa biyya mucaan si irratti mo'uu, yaa biyya angafoonni kee ganamaan nyaataa fi dhugaatiitti dhi'aatanii siif wayyoo!” (Lall.10:16) jedhutu barreeffamee jira. Guutuummaa biyya Jarman keessatti Luuteriin deggeruuf hinnaaffaan jiru isa irratti dabaa hojjechuu, nageenya mootummaa fi cimina teessoo isaas balaa irra akka buusu mootichii fi yaa’iin sun itti amananii turan. WG 149.1

Firederiki inni kan Saaksonii sochii isaa fi kan diinota isaatii hunda hordofuudhaan dadhabbii malee dammaqee isa eeguudhaan miira dhugaa haaressaa kanaaf qabu of eeggannaadhaan akka iccitaatti qabatee ture. Haa ta’u malee deggersa Luuteriif qaban dhoksuuf yaalii kan hin goone baay’eetu ture. Angafoonni, ilmaan moototaa, gurguddoonnii fi namoonni aangoo qaban kan biraan, amantoonnii fi luboonni dhufanii Luuteriin gaafataa turan. “Kutaan doktorii isheen xiqqoon warra isa gaafachuuf dhufan hunda qabachuu hin dandeenye” jedhee Sipalaatiin namni jedhamu barreessee ture. —Martyn, vol. 1, p. 404. Namoonni akka inni uumama namaa ol ta’etti isa ilaalu turan. Warri barsiisa isaatti hin amanne illee yaada sammuu isaa xureessuu irra caalaa gara du’a jagnummaatti kan isaa geessu amanamummaa isaa dinqifachuu malee waan biraa gochuu hin dandeenye. WG 149.2

Roomaa wajjin akka inni araaramuuf fedha Luuteriin argachuuf dhamaasuu guddaatu godhame. Angafoonnii fi ilmaan moototaa bakka bu’uumsaan gara isaa dhufanii murtoo waldaa fi kan mana maree mormuudhaan murtoo yaada mataa isaatii yoo cimse, yeroo dhi’ootti mootummaa kana keessaa ari’amee da’oo akka dhabu itti himan. Luuter jecha kanaaf akkas jedhee deebii kenne: “Wangeelli Kiristos miidhamni utuu hin jiraatin lallabamuu hin danda’u…. Erga akkas ta’e sodaan yookiin balaaf yaadda’uun Gooftaa fi sagalee waaqayyo isa dhugaa irraa maaliif adda na baasa? Kun tasa ta’uu hin danda’u. Kanaa mannaa dhagna koo, dhiiga koo fi lubbuu koo dhabuu anaaf wayya.” —D’Aubigne, b. 7, ch. 10. WG 149.3

Kana booda murtoo mootiif akka inni bitamu, yoo akkas ta’e immoo wanta isa sodaachisu tokko akka hin qabne ammas itti himame. Innis deebii isaa keessatti akkas jedhe, “mootichi, angafoonni fi kiristiyaanonni hamoon illee barreeffama koo qoratanii murtoo akka kennaniif onnee koo guutuun nan heyyama; haala kana keessatti garuu sagalee Waaqayyoo ulaagaa madaallii godhachuu qabu.namoonni isaaf abboomamuu malee waan biraa gochuu hin danda’an. Sammuu koo isa Macaafa Qulqulluutti hidhamee jiru ana duraa hin xureessinaa.” —Ibid., b. 7, ch. 10. WG 149.4

Gaaffii isaaf dhi’aate kan biraa irratti immoo akkas jedhe, “waraqaa ittiin nageenyaan darban koo galchuun fedha kooti. Namummaa fi jireenya koo harka mootichaa keessa nan kaa’a, sagalee Waaqayyoo garuu gochuu hin danda’u.” --- Ibid., b. 7, ch. 10. Murtoon mana maree waliigalaa bu’uura Macaafa Qulqulluu irratti kan hunda’uu yoo ta’e, murtoo mana maree walii galaaf bitamuuf akka fedha qabu ibse. “Phaaphaasiin yaa’ii kumaatamaan yoo deggerame illee sagaleen waaqayyoo fi amantiin murtii sirrii akka kennu kiristiyaanni hundinuu abbaa murtiiti gaariidha.” —Martyn, vol. 1, p. 410. Yaaliin araaraa dabalataa gatii akka hin qabne michoonnii fi diinonni xumuratti amananiiru. WG 150.1

Utuu Luuter tuqaa tokko irratti illee harka kenneera ta’ee, Seexannii fi macci isaa injifannoo gonfatu turan. Garuu ejjennoon isaa inni hin sochoone karaa waldaan ittiin bilisoomtu fi barri haaraa fi wayya’aan jalqabamu ta’e. Dhibbaan nama tokkichaa inni dhimma amantii irratti mataa isaatiin yaaduu fi hojjechuuf ija jabaate, bara isaa keessa qofaa utuu hin taane dhaloota fuula duraa hunda keessatti waldaa fi biyya lafaa keessatti dhiibbaa gaarii uumsuu danda’eera. Jabinnii fi amanamumaan isaa warra xumura baraa keessa muuxannoo wal fakkaataa keessa darban hunda hamma dhumaatti in jajjabeessa. Humnii fi surraan Waaqayyoo maree namootaa, humna Seexanaa isa jabaa caalaa jabaatee dhaabbata. WG 150.2

Luuter utuu hin turin gara manaatti akka deebi’uuf mootota aango qabootaan ajajame, yaadachiisi kun immoo atattamaan murtii fudhachuudhaan akka hordofamu in beeka ture. Duumessi doorsifamuu Karaa isaa uwwisee ture; haa ta’u malee akkuma inni Wormisiin gad dhiiseen onneen isaa gammachuu fi galata Waaqayyootiin guutamee ture. Innis akkas jedhe, “Seexanni mataan isaa gimbii phaaphaasii in eega; Kiristos garuu isa keessatti riqaa bal’aa ijaare, Seexannis Gooftaan isa caalaa jabaa akka ta’e himuuf in dirqame.” —D’Aubigne, b. 7, ch. 11. WG 150.3

Luuter bakka sana erga gad dhiise booda eejjennoon isaa fincilatti akka hin fudhatamne hawwuudhaan, mootichaaf xlayaa barreesse. Innis akkas jedhe, “ulfina keessattis ta’e yookiin salphina keessatti, jireenya keessattis ta’e yookiin du’a keessatti sagalee Waaqayyoo isa namni ittiin jiraatu utuun hin dhiisin ulfina keetiif dhugaatti abboomamuuf qopha’aa akkan ta’e Waaqayyo inni onnee qoru ragaa kooti. Asitti dhabuunis argachuunis fayyinaaf bu’aa waan hin qabneef, dhimma jireenya ammaa kana hunda keessatti amanamummaan koo kan hin raafamne ta’ee jiraata. Garuu dhimmi bu’aa barabaraa ilaalchisee akka namni namaaf bitamu Waaqayyo hin barbaadu. Bitamuun akkasii dhimma hafuuraa keessatti waaqefannaa jedhama, inni immoo uumaa qofaaf kennamuu qaba.” —Ibid., b. 7, ch. 11. WG 150.4

Adeemsa isaa Wormisii ka’ee adeeme keessatti simmannaan Luuteriif godhamee ture isa yeroo inni achi seenee irra caalaa gowwomsaa kan of keessaa qabu ture. Angafoonni lubootaa moloksee mana sagadaa keessaa baafame sana in simatan, geggeesitoonni lafaas isa mootiin itti murteesse sana in kabajan. Innis akka lallabuuf gaafatame, mootichaan kan dhorkame yoo ta’e illee ammas iddoo aarsaatti ol ba’e. Innis akkas jedhe, “Sagalee Waaqayyoo hidhee kaa’uuf waadaa galee hin beeku, hin godhus.” —Martyn, vol. 1, p. 420. WG 150.5

Wormisiin gadi dhiisee utuu hin turin deggertoonni phaaphaasii akka mootichi labsii isa irratti baasuuf tuttuqan. Labsii kana keessatti Luuter “akka seexana bifa namaa fi uffata moloksummaa uffateetti” balaaleffatame. —D’Aubigne, b. 7, ch. 11. Akkuma waraqaan ittiin nageenyaan darban isaatii yeroon irra darbeen, hojii isaa akka dhaabuuf tarkaanfiin irratti fudhatame. Namni hundumtuu nyaataa fi bishaan isaaf kennuudhaan, jechaanis ta’e yookiin gochaadhaan, mul’inattis ta’e yookiin dhoksaattis akka isa hin gargaarre yookiin hind deggerre, ofitti butuu akka hin qabne dhorkaman. Bakka argametti qabamee aanga’ootatti dabarfamee akka kennamu ta’e. Hordoftoonni isaas akka hidhaman, qabeenyi isaanis akka saamamuuf labsiin ba’e. Barreeffamoonni isaa akka balleeffamanii fi faallaa labsii kanaa hojjetee kan argames murtii kana jalatti akka hammatamu labsiin ba’e. Qondaalli Saksonii fi angafoonni warri michoota Luuter ta’an, akkuma inni Wormisiin gadi dhiiseen achii adeemanii turan, uggurri labsii mootis yaa’ii duratti fudhatama argate. Amma deggertoonni Roomaa in gammadan. Isaanis carraan haara’umsaa akka waan mallattoodhaan cufameetti lakkaa’an. WG 151.1

Waaqayyo garuu yeroo balaa kana keessa garbicha isaatiif karaa ba’umsaa qopheesse. Iji inni yeroo hunda dammaqee taa’u sochii Luuteriin in hordofa ture, onneen dhugaa fi gara laafessi isa oolchuuf murteeffatee ka’e. Du’a isaa malee Roomaan kan itti quuftu kan biraa akka hin qabne ifaadha; qarriffaa leencaa keessaa ooluu kan inni danda’u dhokachuu qofaadhaani. Haaressaa kana oolchuudhaaf karoora akka baasuuf Waaqayyo Firederiki isa kan Saaksoniif ogummaa kenne. Michoota dhugaa waliin ta’uudhaan kaayyoon qondaaltichaa galma ga’e, Luuteris ija michootaa fi diinotaa duraa dhokfame. Gara mana isaatti adeemaa utuu jiruu qabamee warra wajjin adeemaa jiru irraa adda baafamuudhaan ariitiidhaan bosona kutee darbee gimbii Wartiburgi isa tulluu irra jiru keessatti iddoo baqaa akka argatu godhame. Qabamuu fi dhokfamuun isaa dhoksaadhaan ture, Firederiki mataan isaa eessa akka inni dhokfame yeroo dheeraaf utuu hin bariin ture. Wallaaluun isaa kunis karoora malee miti; sababni isaa qondaaltichi bakka Luuter jiru hamma hin beeknetti waan mul’isu hin qabu. Innis nageenya haaressaa kanaatti mataa isaa bohaarse, nagaa ta’uu isaa beekuutti quufe. WG 151.2

Haala kanaan Luuter hidhaa keessa utuu jiruu birraan, bonnii fi arfaasaan darbee ganni dhufe. Ifti wangeelaa waan dhaame yeroo fakkaate kana, Aliyaanderii fi deggertoonni isaa guddaa gammadanii turan. Garuu qooda kanaa haaressaan kun ifti carallaan isaa caalaatti akka ifuuf man kuusaa dhugaa keessaa qodaa ibsaa isaa guttachaa jira. WG 151.3

Wartiburgi keessatti eegumsi michummaa utuu godhamuufii, goolii fi jeequmsa lolaa keessaa adda ba’ee jiraachuu isaatiif Luuter yeroof gammadeera. Haa ta’u malee; nagaa fi tasgabbiidhaan jiraachuun qofaan yeroo dheeraaf isa hin gammachiifne. Jireenya hojii fi wallaansoo cimaa qabu namni amaleeffate kun harka dachaafatee ta’uu hin dandeenye. Yeroo qofummaa isaa kana keessa haalli waldaa isa duratti ol ka’ee mul’atee abdii kutannaadhaan akkas jedhee boo’e. “Nama gaddisiisa! Guyyaa dheekamsa Isaa isa xumuraa kana keessa akka gimbiitti Waaqayyo dura dhaabbatee Israa’eliin kan oolchu namni tokko illee hin jiruu!” __ Ibid., b. 9, ch. 2. Ammas waa’ee ofii isaatti deebi’ee falmii keessaa ba’uun isaatiif akka sodaattuutti akka hin hammeefamneef sodaate. Dhibaa’ummaa fi fedhii mataa isaa barbaaduu isaatiif of ceepha’e. Haa ta’u malee; yeroodhuma sana illee waan namni tokko hojjechuu danda’u gararraa hojjechaa ture. Qalamni isaa dhibaa’ee hin beeku ture. Diinonni isaa callisuu isaatiin kan of gowwomsan yoo ta’e illee, inni dammaqee hojjechaa akka jiru ragaa qabatamaa yeroo argan in dinqifatan, guddaa bita galanis. Barreeffamoota xixiqqoo (tracts) hedduu bu’aa qalama isaa kan ta’an guutummaa Jarman keessa tamsaase. Kakuu Haaraa afaan Jarmanitti hiikuudhaan tajaajila bu’a qabeessa guddaa namoota biyya isaaf kenne. Phaaximoo bakka dhagaa sana keessa taa’ee wangeela lallabuu fi cubbuu fi dogoggora yeroo Sanaa ifachuuf waggaa tokko guutuu itti fufee hojjete. WG 151.4

Garuu Waaqayyo garbicha isaa kana waltajjii sabaa irraa kan inni adda baaseef dheekkamsa diinotaa keessaa isa oolchuu fi hojii bu’a qabeessa kanaaf yeroo callisaa kennuuf jedhee miti. Hojii kana irra kan caalu bu’aan guddaan akka argamuuf jedheeti malee. Luuter gimbii tulluu irraa sana keessa qofaa isaa nagaatti yeroo jiraate sana, deggersa lafaa irraa adda ba’ee galata namaa irras fagaatee ture. Akkasitti oftuulummaa fi ofitti amantaa milkaa’insaan dhufu irraa fayye. Tulluu namatti hin tolle isa akka tasaa ol itti ba’e sana irratti nagaan adeemuuf kan inni qophaa’ee dhiphinaa fi gad of deebisuudhaan ture. WG 152.1

Namoonni biliisummaa wangeelli isaan gonfachiisetti yeroo gammadan, warra Waaqayyo fuuncaa dogoggoraa fi amantii tolchaa ittiin cabsuuf itti fayyadame ol qabuutti luucca’u. Seexanni yaada namootaa Waaqayyo irraa jal’isee namoota warra bakka bu’oota isaa ta’an irra kaa’uu barbaada; innis harka taatee hundumaa gara gaarummaatti qajeelchu dhiisanii, meeshaa harka isaa keessaa qofa akka ol qabaniif isaan geggeessa. Geggeesitoonni amantii warri akkasitti galateeffamanii fi kabajaman ija isaanii Waaqayyo irratti hirkachuu irraa kaasanii yeroo baay’ee gara mataa isaanii amanachuutti geggeefaman. Kana irraa kan ka’e sammuu namoota geggeessummaaf gara sagalee Waaqayyoo ilaaluu gara isaanii akka ilaalan godha. Yeroo baay’ee hojiin haara’umsaa hafuura deggertoota kanaa irraa kan ka’e duubatti harkifama. Waaqayyo garuu hojii haara’umsaa balaa kana irraa in eega. Inni hojiin kun mallattoo namaa utuu hin taane mallattoo Waaqayyoo akka qabaatu barbaada. Iji namootaa gara Luuter isa dhugaa ibsuutti deebi’ee ture; dhokfamuun isaas iji hundumtuu gara barreessaa dhugaa barabaraatti akka deebi’uuf ture. WG 152.2