Wal’aansoo Isa Guddaa
Seensa
Seensa cubbuutiin dura, Addaam uumaa isaa wajjin yeroo fudhachuutti gammada ture; erga namni seera irra darbuudhaan Waaqayyo irraa adda of baasee booda garuu sanyiin namaa carraa guddaa kana irraa cite. Haa ta’u malee, karoora fayyinaatiin karaan ittiin jiraattotni lafaa hundinuu samii wajjin hariiroo qabaatan baname. Waaqayyo Hafuura Isaatin namootaa wajjin hariiroo uume. Garboota isaa warra filatetti mul’achuudhaan ifa waaqummaa biyya lafaatti dabarse. “Qulqullootni Waaqayyoo Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamanii dubbatan” 2 Phe. 1:21. WG 8.1
Seenaa ilmaan namaa Waggoota kuma lamaa fi dhibba shanan warra jalqabaa keessatti mul’ati barreeffamaan kaa’ame hin jiru ture. Warri Waaqayyo idaan barsiise beekumsa argatan warra kaaniif dabarsaa, abbaa irraa ilmatti darbaa dhaloota itti aanee dhufutti ce’aa ture. Dubbiin Waaqayyoo bifa barreeffamaatiin qophaa’uu kan jalqabe bara Musee keessadha. Mul’atni Hafuura Qulqulluu biraa ta’e Kitaaba Hafuura Qulqulluun barreeffametti dabalamuu eegale. Kana gochuun waggoota kuma tokkoo fi dhibba jahaaf itti fufe… Musee isa seenaa uumamaa fi seera barreesse irraa eegalee hanga Yohaannis isa dhugaa Wangeelaa bu’uura ta’an barreesseetti. WG 8.2
Kitaabni qulqulluun barreessaan isaa Waaqayyo akka ta’e argisiisa; garu harka namootaatiin barreeffaman; akkaataa adda addaatiin barreeffamuun kitaabota adda addaa keessatti mul’atu amaloota barreessitoota adda addaa mul’isa. “Dhugaan mul’ate hundinuu kara Waaqayyoo mul’ate” (2 Xim. 3:16); haa ta’u malee jechoota namaatiin ibsaman. Waaqni inni dhuma hin qabne Hafuura Qulqulluu isaatti fayyadamuudhaan onnee fi sammuu garboota isaatii irratti ifa ibse. Inni abjuu fi mul’ata, mallattoo fi lakkoofsa kenne; warri yeroo sana dhugichi isaanitti mul’ates waan baratan sana afaan namootaatiin barreessan. WG 8.3
Abboommiin Kurnan Afaan Waaqayyootiin dubbataman, Harka Waaqayyootiinis barreeffaman. Isaan kan Waaqayyooti malee barreeffama namaa miti. Haa ta’u malee kitaabni qulqulluun, dhugaa isa Waaqayyo kennee wajjin afaan namootaatiin ibsamuudhaan, Waaqummaa fi namummaa gamtoome dhiyeessa. Gamtoominni akkasii Kiristoos Yesuus isa ilma Waaqayyoo fi ilma namaa ta’e keessatti argame. Kanaaf, “Sagalichis foon uffatee, nu gidduu jiraate” inni jedhame akkuma Yesuusiif dhugaa ta’e, jechi kun kitaaba qulqulluufis dhugaadha (Yoh. 1:14). WG 9.1
Kitaabni qulqulluun, jaarraa adda addaa keessatti barreeffamus, namoota sadarkaa fi gita hojii adda addaa irra jiraniin fi sammuuttis hafuurattis hubannaa adda addaa qabaniin barreeffamus, gosa barreeffamaa adda addaa fi mata duree adda addaa mul’isee jira. Barreessitoota adda addaatiin gosti barreeffamaa adda addaa dhiyaataniiru; dhugaamti tokkichi kan barreessaa isa tokkoo kan barreessaa isa kaaniirra humna guddaadhaan barreeffameera. Barreessitootni adda addaa mata dureema tokko hariiroo adda addaa fi karaa adda addaa barreessuu isaaniitiin, namoota irra keessa, dhibaa’ummaadhaa fi walaallammiidhaan dubbisaniif waan walii hin galle itti fakkaatee itti mul’achuu danda’a. Barataa jabinaa fi hubannaadhaan dubbisu garuu kitaabni qulqulluun sirriitti kan walii galu ta’uu isaa ifatti adda baafata. WG 9.2
Namoota adda addaatiin waan barreeffameef dhugaan tokkichi xiyyeeffannaa adda addaatiin dhiyaate. Barreessaan inni tokko mata duree dhiyaateef keessaa waan tokkoon keessi isaa kan xuqamu yeroo ta’u; waan sana muuxannoo isaa wajjin kan wal qabatu yookiin dandeettii hubannaa isaa irratti hundaa’uu dhaan wal qabsiisee dhiyeessa. Kan biraan immoo fuula biraa irratti xiyyeeffata; tokkoon tokkoon isaanii, geggeessaa Hafuura Qulqulluu jala ta’uudhaan, dhugaa tokkoo tokkoo isaanii keessaa kallattii isa onnee isaanii caalaatti tuqe yeroo dhiyeessan tokkichummaan dhugichaa bakka hundumaatti kan eegamedha. Dhugaan akkasittiin tokkummaa fi guutummaatti dhiyaate haalaa fi mudannaa jireenya ilmaan namaa hundumaa keessatti waan barbaachisu hunda qabatee dhiyaate. WG 9.3
Waaqayyo dhugaa isaa bakka buutota ilmaan namootaatiin biyya lafaatti mul’isuu jaallatee, innumti ofii isaatii karaa Hafuura Qulqulluu namoota kanneeniif hojii kana hojjechuudhaaf ga’umsa isaaniif kenne. Maal akka dubbatanii fi maal akka barreessan filachuu irratti ofuma isaatii isaan geggeesse. Dhugaan kun qodaa lafaa keessa haa kaa’amu iyyuu malee kan Samii irraa dhufedha. Dhuga ba’umsi dhiyaate afaan namootaa isa guutuu hin taaneen dhiyaatus dhuga ba’umsa kan Waaqayyooti; Ijoolleen Waaqayyoo warri amananii fi abboomaman isa keessatti ulfina humna Waaqummaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guute guutummaatti argu. WG 10.1
Waaqayyo sagalee isaa keessatti beekumsa fayyina ilmaan namootaatiif barbaachisu hunda dhiyeessee jira. Kitaabni qulqulluun Mul’ata jaalala Waaqayyoo aango qabeessaa fi kan hin jijjiiramne ta’ee fudhatamuu qaba. Kitaabni qulqulluun safartuu amala namaa, mul’istuu barsiisa amantaa fi madaallii muuxannooti. “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa Hafuura Waaqayyootiin barreeffame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leenjisuudhaaf dhimma ni baasa” 2 Xim 3:16, 17. WG 10.2
Haa ta’u malee, Waaqayyo jaalala isaa karaa sagalee isaatii mul’isuun isaa barbaachisummaa itti fufiinsaan geggeessuu Hafuura Qulqulluu hin hambisu. Qooda hambisuu, garboota isaaf dubbii isaa banuu irratti, hubachiisuu fi barsiisa sagalee isaatii hojii irra oolchuudhaaf akka gargaarutti Hafuurri qulqulluu fayyisaa keenyaan abdachiifameera. Kitaabni qulqulluu Hafuura Qulqulluudhaan kan barreeffame waan ta’eef karaa kamiin iyyuu barsiisis Hafuura Qulqulluu bira ta’u kitaaba qulqulluu faallessuu hin danda’u. WG 10.3
Kitaabni qulqulluu safartuu barsiisaa fi muuxannoo hundumaa akka ta’e sagalee Waaqayyoo keessatti barreeffamee waan jiruuf, Hafuurri Qulqulluu Kitaaba qulqulluu faallessuudhaaf kennamee hin beeku, fuula durattis hin kennamu. Kanaaf Yohaannis akkana jedhe: “Warra hafuraan dubbanna jedhan hunda hin amaninaa, Waaqayyo biraa yoo ta’an hafuura isaan ittiin dubbatan qoraatii ilaalaa malee, raajinni sobduun baayyeen gara biyya lafaatti ba’aniiru.” 1 Yoh. 4:1. Isaayyaasis akkas jedhe: “warra akka abboommii kanaa fi dhugaa kanaa hin dubbanneef lafti hin bari’u” Isaayyaas 8:20. WG 11.1
Warra hafuura qulqulluu arganneerra; kana booda Kitaaba qulqulluudhaan geggeeffamuun nu hin barbaachisu jedhaniin ceephoo guddaan hojii Hafuura Qulqulluu irratti geggeeffama. Isaan miira isaanii isa ittiin geggeeffaaniin Waaqayyotu keessa keenyatti dubbachaa jira jedhu. Garuu hafuurri isaan geggeessaa jiru Hafuura Waaqayyoo miti. Kitaaba qulqulluu dagachuudhaan miira ofii hordofuun kun gara bita galummaatti, gowoomsaa fi badiisatti geggeessa. Sun kan fayyadu sagantaa inni hamaan sun baase fiixaan baasuuf dha. Tajaajilli Hafuura Qulqulluu waldaa Kiristoos keessatti baayyee barbaachisaa waan ta’eef, seexannis maquma kana meeshaa godhachuudhaan, warra fiixeetti ba’an qabatee, hojii Hafuura Qulqulluu fi madda jabinaa isa Waaqayyo ofuma isaatii kenne kana namootni akka waan hin barbaachifneetti akka lakka’an taasisa. WG 11.2
Kitaaba qulqulluu wajjin walii galuudhaan Hafuurri Qulqulluu baroota hundumaa keessatti wangeela tamsaasuudhaaf karoorfame. Baroota keessatti, yeroo kakuu moofaa fi kakuun haaraan kenname kessatis, Hafuurri Qulqulluun mul’ata sagalee waaqayyoo keessatt ihammatame kennuu dabalatee yeroo itti sammuu namootaa ibsuu addaan kute hin qabu. Kitaabni qulqulluu ofuma isaatiiyyuu akkamitti namotni kara Hafuura Qulqulluu dhimmoota kenniinsa kitaaba qulqulluu wajjin wal hin qabnne keessatti illee; akeekkachiisa, dheekkamsa, gorsaa fi qajeelfama fudhachaa akka turan ni dubbata. Baroota adda addaa keessattis raajonni waan isaan dubbatan tokko illee hin ibsamne maqaa dhama’aniiru. Akkuma kana erga Kitaabni qukqulluu barreeffamee dhumee booda illee, Hafuurri Qulqulluu hojii isaa itti fufuudhaan ijoollee Waaqayyoo sammuu isaanii ibsuu, akeekkachiisuu fi jajjabeessuu itti fufee jira. WG 11.3
Yesuus Bartoota isaaf waadaa seenee ture: “Inni isiniif dubbatu Hafuurri Qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isn ni barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin ni yaadachiisa.” “Hafuurri dhugaan sun yemmuu dhufu, gara dhugaa hundumaa keessatti isin ni geessa … waan dhufuuf jirus isinitti ni mul’isa” Yoh. 14:26; 16:13. Abdiin kun bara bartootaa qofaatti kan daangeffame utuu hin ta’in, baroota hundumaa keessatti waldoota Kiristoos keessatti kan itti fufee hojjetu ta’uu isaa kitaabni qulqulluu ifatti barsiisa. Fayyisaan bartoota isaaf “amma andaara lafaatti ani isinii wajjinan jira” jedhee mirkaneesseera (Mat. 28:20.) Phawulosis waldaa kiristaanaa keessatti kennaan hafuura qulqulluu kan mul’atu ta’uu labseera; “inni warra Waaqayyoof qulqulla’an, hojii itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, dhagna Kiristoos sana cimsuudhaaf kana godhe. Kunis amma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyoo beekuu namoota ga’an taanee, guddannees safara guutummaa Kiristoos bira amma geenyutt ita’a” Efe. 4:12, 13. WG 12.1
Efesoonitti Phawuloos amantootaaf yeroo kadhate, “Waaqayyo gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, abbaan ulfinaa hafuura ogeessota isin godhu, Waaqayyoon beekuus isa isinitt imul’isu, akka isiniif kennuuf nan kadhadha. Waamichi isaa abdii maalii akka of keessaa qabu, ulfinni warri Waaqayyoof qulqulla’an itti darbanii argachuuf jiranis badhaadhummaan isaa maal akka ta’e beekuudhaaf, ija qalbii keessanii akka isiniif ibsuuf kadhata kooti. Kunis nuyi warra amanneef humni isaa safara malee guddaa akka ta’e, aangoon isaa inni jabaanis nu gidduutti akka hojjetu akka beektaniif ture.” Efe. 1:17-19. Tajaajilli Hafuura Waaqummaa dubbii Waaqayyoo isa gadi fagoo ta’e hubachiisuudhaaf sammuu isaamii banuun eebba Phaawuloos waldaa Efesooniin ittiin eebbisedha. WG 12.2
Erga hafuurri Qulqulluun haala ajaa’iba ta’een guyyaa Pheenxeqoosxee mul’ateen booda, Pheexiroos namoota qalbii jijjiirrannaa, maqaa yesuusiin cuuphamuutiin dhiifamuu cubbuu akka argataniif yeroo waamicha godhu akkas jedhe: “ Kennaa Hafuura qulqulluus ni fudhattu. Abdiin Waaqayyo abdachiise isinii fi ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraataniif, Waaqayyo keenya goftichi itti waamu hundumaafis” HoE. 2:38, 39. WG 12.3
Guyyaa Gooftaa isa battalumatti ta’uu wajjin wal qabsiisuudhaan, Gooftaan karaa raajicha Yo’el mul’achuu Hafuura Qulqulluu adda ta’e abdachiise. Yo’el 2:28. Abdiin kun gar tokkeen isaa kan rawwate guyyaa phenxeqoosxee sanadha; guutummaatti kan raawwatu garuu cufiinsa hojii wangeelaa irratti mul’achuu Hafuura qulqulluu adda ta’e sanaanidha. WG 13.1
Wal’aansoon gaarii fi hamaa gidduutti ta’u xumura baraa jala ciminaan dabalaa adeema. Baroota hundumaa keessatti dheekkamsi seexanaa waldoota Kiristoos irratti mul’achaama ture; Waaqayyo immoo saba isaatiif, akka isaan humna isa hamaa Kanaan mormanii jabaatanii dhaabachuu danda’aniif, ayyaanaa fi Hafuura Isaa isaaniif kenneera. Yeroo bartootni isaa wangeela kana gara biyya lafaatti fuudhanii ba’anii fi dhaloota itti aanuuf barreessanitti karaa addaatiin ga’umsi Hafuura qulqulluu biraa isaaniif kennameera. Haa ta’u malee, yeroo waldattiin ergaa isa xumuraa dabarsitutti, seexanni immoo humna caaluun hojjeta. Inni yeroo gadi bu’e “yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera.” Mul. 12:12. Inni “hojii aangoo, milikkitootaa fi dinqii fakkaataniinis ni dhufa” 2 Tas. 2:9. Sammuun beekumsa guddaa qabuu fi inni ergamoota hundumaa caalu sun waggoota kuma jahaaf guutummaatti hojii gowoomsaa fi badiisaa irratt ibobba’ee jira. Oogummaa fi muuxannoo gadi fagoon, gara jabeenyi baroota kana keessa horatame hundi walitti dhufuudhaan fincila isa xumuraa irratti ijoollee Waaqayyoo irratti jiruu irra oolu. Yeroo qorumsaa akkasii keessatti duuka buutotni Kiristoos akeekkachiisa deebi’ee dhufuu Yesuusiin biyya lafaatti labsu; Sabni isaa “mudaa kan hin qabne” ta’anii Isa dura dhaabachuudhaaf of qopheessuu qabu. 2 Pex. 3:14. Yeroo kanatti ayyaana Waaqayyoo fi Humna isaatiin guutamuun adda ta’e waldaa kiristaanaaf kan guyyaa bartootaa caalaa ni barbaadama. WG 13.2
Ifa hafuura qulqulluutiin, wal’aansoon hamaa fi gaarii gidduutti baroota dheeraadhaa itti fufe, barreessitoota bara kanaatiif ibsame. Baroota adda addaa keessatti, Kiristoos isa mootii jireenyaa, bu’uura fayyinaa ta’ee fi Seexana isa mootii hammeenyaa, bu’uura cubbuu fi seera Waaqayyoo irra daddarbuuf jalqaba isa ta’e gidduutti wal’aansoo godhamu akkan ilaaluuf yerootii gara yerootti naaf heyyamamee ture. Diinummaan seexanni Yesuusii wajjin qabu duuka buutota yesuus irrattis mul’ateera. Jibbiinsi seera Waaqayyoo, gowoomsaa inni soba dhugaa fakkeessee dhiyeessu, seerri namootaa seera Waaqayyoo bakka bu’uun, namoonni uumaa dhiisanii uumama waaqessuutti geggeeffamuun, baroota hundumaa keessatti kan mul’atan hundi tokkichumadha. Yaaliin seexanni taasisu amala Waaqayyoo haala dogoggoraatiin ibsuudhaan, akka namootni waa’ee uumaa isaanii hubannaa dogoggoraa qabaatan taasisee, akka isaan jaalalaan utuu hin taane ija sodaa fi jibbaan Waaqayyoon ilaalan gochuudha. Seera Waaqayyoo karaa irraa maqsuun isaa akka namootni seera eeguu irraa biliisa ta’anitti akka yaadan gochuudha. Warra gowoomsaa isaatiin morman ari’achuu irratti baroota hundumaa keessatti jabeessee hojjechaa jira. Isaan kun seenaa abbootaa, raajotaa, bartootaa, wareegamtootaa fi haaressitootaa keessatti argamuu danda’u. WG 14.1
Wal’aansoo isa xumuraa keessattis seexanni qajeelfamumaa fi hafuuruma isa baroota durii keessatti fayyadametti dhimma ba’uudhaan waan Kanaan dura raawwate raawwachuu itti fufa. Ciminni isaa dabaluudhaan waan erga biyyi lafaa uumamee jalqabee argamee hin beekne mul’achuu irraan kan hafe wanti Kanaan dura ta’e hundi ammas isaanumatu mul’ata. Gowoomsaan isaa bayyinaan al-kallattiidhaan yeroo ta’u haleellaan isaa gara jabinaan ta’a. Yoo isaaf danda’ame warra fo’aman illee karaa irraa kaachisa. Mar. 13:22. WG 14.2
Yeroo hafuurri Waaqayyoo dhugaa gurguddoo sagalee Isaa keessa jiran akkan hubadhuuf sammuukoo anaaf banee taatee darbee fi dhufu natti mul’ise, wal’aansoo baroota darban hunda taasifaman seenaa darbe keessaa hubachuudhaan addumaan wal’aansoo isa xumuraa ariitiidhaan dhufaa jiru warra kaantti ifa argame akkan himuuf waamichi naaf godhameera. Kana hojiirra oolchuudhaaf, taatewwan madaallii dhugaa seenaa waldaa darbanii keessatti baroota adda addaa keessatti kennaman addaan baasee dhiyeesseera; taatewwan aarii seexana gammachiisanii fi diinummaa waldaa ishee biyya lafaa jaallattuu, akkasumas dhugaba’umsa warra “amma du’aatti lubbuu isaanii hin mararsiifanneen” kan turfametti addaan qoodeera. WG 14.3
Barreeffama kana keessatti gaaddidduu wal’aansoo nu dura jiruu arguu dandeenya. Isaaniin ilaalchisee ifa sagalee Waaqayyoo fi ibsa Hafuura Qulqulluu irratti hundaa’uudhaan, meeshaa isa jal’aa sanaa fi balaa, warri guyyaa Gooftaan dhufu “Mudaa malee” ta’uu fedhan, dhabamsiisuu qaban ifatti baafnee ilaaluu malla. WG 15.1
Taatewwan gurguddoon haara’umsa irratti xiyyeeffatan kan seenaan beekudha; sirriitti kan beekamanii fi addunyaa Pirotestaantotaatiin fudhatama kan argatanidha; isaan kun haqa eenyu iyyuu mormuu hin dandeenye dha. Seenaan ani gabaabsee kitaaba kana keessatti hammachiise kun, gootummaa warra ilaalamuu qaban, haqootni jiran walitti cuunfamanii bakka xinnoo irratti akkamitti akka itti dhimma ba’an dabalatee haala wal fakkaatuun kan dhiyaatanidha. Darbee darbee bakka barreessaan seenaa taatewwan adda addaa akkuma danda’etti walitti qabetti, seenaa gabaabaa, ilaalcha mata duree sana irratti jiru yookiin akkaataa seenaa bal’inaan jiru cuunfee akka mijatutti yoo dhiyeesses, jechootni isaa sun waraabamaniiru; bakka tokko tokkotti garuu maqaan barreessaa hin dha’amne. Kunis kan ta’e barreefamni su n kan fuudhame akka jecha barreessaa sanaatti caqasuuf yaadamee utuu hin taane, jechi sun mata duree sana jalatti waraabamuudhaaf qopha’aa waan ta’eef qofadha. Warra yeroo keenya keessa haara’umsa fuula duratti tarkaanfachiisaa jiranis ilaalcha isaanii fi muuxannoo isaanii ilaalchisee barreeffamoota isaanii warra maxxanfaman ilaalchisee akkasuma godhamee jira. WG 15.2
Kaayyoon kitaaba kanaa wal’aansoo Kanaan dura turan ilaalchisee dhugaa haaraa fiduudhaan haqootaa fi qajeelfamoota taatewwan dhufaniif ta’an dhiyeessuu miti. Qooda kanaa, akka qaama wal’aansoo ifaa fi dukkana gidduu jiruutti ilaaluudhaan, barreeffamootni duraanii kunniin barbaachisummaa haaraa ni qabaatu; kara isaanii ifti fuula duratti ifee warra akka haaressitoota warra duraanii sagalee Waaqayyoo fi dhuga ba’umsa Yesuusiif dhugaa ba’uudhaaf waaman, daandii isaanii irratti ni ibsa. WG 16.1
Taatewwan wal’aansoo guddaa dhugaa fi soba gidduutti taasifaman saaxiluuf; tooftaalee seexanaa mul’isuuf; akkasumas karaa milka’aa ittiin seexanaan morman argisiisuuf; furmaata quubsaa rakkoo jallinni fidee dhiyeessuuf; jalqabaa fi xumura cubbuu ilaalchisee akkaataa itti Waaqayyo dhimma kana irratti uumamaa wajjin jaalalaa fi gara laafinaan dabarse irratti ifa jiru guutummaatti agarsiisuuf; dabalees seerri Waaqayyoo qulqulluu fi kan hin jijjiiramne ta’uu isaanii agarsiisuun kaayyoo kitaaba kanaati. Kana dubbisuudhaan lubbuun humna dukkanaa jalaa baraaramee hirmaattuu dhaala ifaa kan qulqullootaa akka ta’uu fi galatni isaa isa nu jaallachuudhaan ofii isaa dabarsee nuuf kenneef akka ta’u kadhannaa nama barreesseeti. WG 16.2