Wal’aansoo Isa Guddaa

8/46

Boqonnaa 4—Waldeensota

Baroota dheeraadhaaf olaantumaan phaaphaasii biyya lafaatti gadda yoo haguuge iyyuu, ifni dhugaa guutummaatti lafa irraa duguugamee balleeffamuu hin dandeenye. Baroota hundumaa keessa kan Waaqayyoof dhugaa ba’an turaniiru -- araarsaan tokkichi namaa fi Waaqayyo gidduu jiru Yesuus qofa akka ta’e kan amanan, Kitaabni qulqulluun qajeelfama jireenyaa tokkicha akka ta’e kan amanan, warri sanbata isa dhugaa qullaa’ummaatti eegan turaniiru. Isaan kun biyya lafaa irraa gatii ammamii qabu! Utuu isaan hin jiraannee dhalootni itti aanu homaa dhugaan maal akka ta’e hin baru ture. Isaan akka barsiisota sobduutti lakka’aman, yaadni isaan kaasan ija shakkiidhaan ilaalame, maqaan isaanii ni xureeffame, barreeffamootni isaanii ni ukkaamfame, maqaa hin qabne kennaniif, miidhaas irraan ga’an. Haa ta’u malee isaan jabaatanii dhaabatan, baroota hundumaa keessa amantii isaanii qulqullinatti eeganii dhaala qulqulla’aa godhanii dhaloota dhufutti dabarsan. WG 67.1

Seenaan saba Waaqayyoo inni bara dukkana olaantummaa Roomaa keessa ture galmee biyya lafaa keessatti baayyinaan yoo hin barreeffamne ta’e iyyuu, galmee isa samii irratti guutummaatti barreeffameera. Galmee lafaa keessatti jiraachuu isaanii qofa argisiisuuf waan xiqqoon ni barreeffama ture. Garuu ari’atamuun isaan irra ga’e hin barreeffamu. Seenaa warra barsiisa ishee fi labsii ishee irra darbanii balleessuun seera Roomaa keessaa tokko ture. Kan isheen barsiisota sobduudha jettee itti murteessite hundi barsiisa isaanii fi barreeffama isaanii wajjin balleeffama. Shakkii agarsiisuu yookiin aangoo barsiisa phaaphaasichaa gaaffii jala galchuu qofti isa sooressas ta’e hiyyeessa, guddaas ta’e xinnaa ajjeesisuudhaaf ga’aadha. Room seenaan gocha gara jabinaa ofii isheetii raawwatte sun akka balleeffamuuf abboomte. Labsiin phaaphaasichaa akka jedhutti galmeen waa’ee kanaa dubbatan hundumtuu ibidda keessa buufamanii akka gubaman ajaja. Utuu manni maxxansaa hin jiraatin dura kitaabonni lakkoofsaan xiqqoo waan ta’aniif, akka warri Roomaa gubanii hin balleessineef dhoksanii hambisuun salphaa hin turre. WG 67.2

Daangaa bulchiinsa Roomaa jalatti qajeelfama biliisummaatiin kan hin jeeqamin waldaan tokko illee hin jiru. Phaaphaasichi utuu hin turin aangoo isaa babali’fachuudhaan harka diriirsee warra karaa isaa dura dhaabatan hunda caccabsuudhaaf danda’e; kanaafis tokko tokkoon waldootni jiran bittaa isaa jala galuu jalqaban. WG 68.1

Biyya Biritaaniyaatti kiristaanummaan inni bara jalqabaa hundee gadi fageeffatee ture. Wangeelli inni jaarraa jalqabaatti warri Biritaaniyaa fudhatan yeroo sana Roomaadhaan hin faalamin jira. Kennaan tokkichi waldaan Biritaaniyaa isheen jalqabaa roomaa irraa fudhatte yoo jiraate ari’atamuu ture. Kiristaanotni Biritaaniyaatii baqatanii ba’an baayyeen isaanii biyya Iskootlaanditti da’oo argatan; achumaan dhugaan gara biyya Ayirlaanditti ce’e; biyyoota kana hundumaa keessatti wangeelli gammachuudhaan simatame. WG 68.2

Yeroo Saakson biyya Biritaaniyaa weerare ture kan Waaqayyoon wallaaluun kan ishee to’ate. Bulchitootni biyyaa garboota isaaniin geggeeffamanii kiristaanotni gara gaarrenii fi lafa ol ka’oo bosona keessa jiraniitti baqachuuf dirqisiifaman. Haa ta’u malee ifni yeroodhaaf dhookatee ture deebi’ee qabsiifame. Jaarraa tokko booda biyya Iskootlaand keessatti ifni wangeelaa baayyisee ol ka’uudhaan biyya fagootti mul’achuu eegale. Kolumbaa kan jedhamu namni amantiitti jabaan tokko Ayerland irraa duuka buutota isaa wajjin dhufee amantoota hunda lafa bishaaniin marfamte Ayi’onaa bakka jedhamtutti walitti qabuudhaan bakka sana wiirtuu hojii wangeelaa godhatan. Hojjettoota wangeelaa kanneen keessaa warri sanbata isa dhugaa beekan waan turaniif dhugaan sanbataa bakka sanatti isaaniif ni ibsame. Ayi’onaa keessatti manni barusaa banamuudhaan achi irraa hojjettootni wangeelaa biyya ISkootlaand, Inglaand, Jarmanii, Swiizerlaandii fi Xaaliyaaniitti ergamaa turan. WG 68.3

Room garuu ija ishee Biritaaniyaa irra waan keewwatteef to’annaa ishee jala galchite. Kanaaf jaarraa jahaffaa keessa hojjettootni wangeelaa ishee gara bartuu Saaksonitti jijjiiraman. Isaan warra oftooltota biratti faara tolaadhaan waan simatamaniif amantii Roomaa namoota kumaatamaan lakka’amanitti dhugaa ba’uu jalqaban. Akkuma hojichi guddachaa adeemeen geggeessitootnii fi amantootni phaaphaasichaa kiristaanota wara jalqabaa dura dhaabachuu eegalan. Wanti wal faalleessu haala nama rifachiisuun wal bira qabamee dhiyaate. Inni boodaa salphaa, kan gad of deebise, barsiisa amantii, fi sirna kitaaba qulqulluu irratti hundaa’e yeroo ta’u inni jalqabaa immoo itti fakkeessuu, agarsiisaa fi arrabsoo phaaphaasii kan of keessaa qabu ture. Bakka bu’aan Room sun akka waldootni kiristaanaa olaantummaa phaaphaasichaatiif beekamtii kennaniif isaan gaafate. Warri Biritaaniyaa garuu akka namoota hundumaa jaallachuuf fedhii qaban ibsaniifii, phaaphaasiifis kabaja duuka buutuu Kiristoos tokkoof kennan caalaa isaaf kennuu akka hin dandeenye itti himan. Akka isaan waldaa Room jalatti bulaniif yaaliin irra deddeebi’amee taasifame; kiristaanotni gooftaa duratti gad of deebisan kun garuu, of tuulmaa bakka bu’aa waldaa Roomaatiin argisiifame kana ajaa’’ibsiifachaa, ija jabinaan Kiristoos malee gooftaa kan biraa hin beeknu jedhenii deebisaniif. Amma hafuurri sirriin inni kan phaaphaasichaa of mul’ise. Geggeesssaan waldaa Roomaa akkas ittiin jedhe: “yoo obboloota warra nagaa isiniif fidanii dhufan hin simattan ta’e, diinota warra waraana isinitti fidanii dhufan simattu. Yoo akkaataa jireenyaa isa kan Saaksonii wajjin tokko hin taatan ta’e, isaan irraa rukuttaa du’aan isin ga’u ni fudhattu.” --J. H. Merle D'Aubigne, History of the Reformation of the Sixteenth Century, b. 17, ch. 2. Jechoonni kun doorsisuma afaanii hin turre. Waraanni, haxxummaa fi gowoomsaan warra amantii isa kan kitaaba qulqulluuf dhugaa ba’an kana irratti geggeeffame hanga waldaan Biritaaniyaa barbadooftutti yookiin aangoo phaaphaasichaa jala of galchitutti ture. WG 69.1

Biyyoota daangaa bittaa Roomaa irraa fagaatanii turan keessatti kiristaanotni argaman jaarraa hedduudhaaf faalama phaaphaasii irraa biliisa ta’anii turaniiru. Warra Waaqa dhugaa hin beekne kanaan marfamanii waan turaniif barsiisa sobaatiin xuqamaniiru; haa ta’u malee kitaaba qulqulluu akka safartuu amantii isa tokkichaatti ilaaluu waan itti fufaniif dhugaa isa keessa jiru harka caalu eegaa turan. Isaan kun abboommiin Waaqayyoo amma iyyuu eegamuu akka qabu waan amananiif sanbata isa abboommii arfaffaa irra jirus kabajaa turan. Waldootni amantii fi shaakala akkasii qaban Afrikaa giddu galeessaa fi warra Armeeniyaa biyya Asiyaatti argaman keessa turaniiru. WG 70.1

Haa ta’u malee, warra aangoo phaasichaa mormanii dhaabatan keessaa Waaldeensotni warra beekamoodha. Isaan kun biyyuma phaaphaasichi teessoo isaa godhatee sobnii fi malaammaltummaan isaa babal’ate keessatti jabinaan ittiin morman. Jaarraa hedduudhaaf waldootni Piidmont keessa jiraatan ofii isaanii danda’anii jiraatan; booda garuu yeroon itti waldaan Roomaa akka isaan ishee jala galaniif itti dirqisiiftu ni dhufe. Haleellaa ishee isheen isaan irratti geggeessiteen erga humni isaanii laafee booda geggeessitootni waldattii maal na dhibdeedhaan olaantummaa phaaphaasichaa isa biyyi lafaa guutummaan waan kabajaa jiru fakkaatuuf beekamtii kennan. Haa ta’u malee aangoo phaaphaasii kanaaf dursa hin kenninu kan jechuutti cimanii dhaabatan muraasni turaniiru. Isaan Waaqayyoof amanamuudhaan amantii isa dhugaa ta’e eeganii tursuudhaaf murteeffatan. Adda ba’uun ni uumame. Warri amantii isa jalqabaatti qabaman baqachuuf murteessan; muraasni isaanii biyya isaanii gad dhiisanii biyya ambaatti alaabaa dhugaa ol kaasan; kaan immoo sulula cal’isaan guutee fi holqa dhagaa gaarren keessa jirutti baqatanii bakka biliisummaadhaan itti Waaqayyoon waaqeffatan godhatan. WG 70.2

Amanitin jaarraa hedduudhaaf warra Waaldeensotaan barsiifamaa ture barsiisa sobaa waldaan Roomaa barsiiftu irraa guutummaatti faallaa ta’ee adda ba’e. Amanitaan isaanii guutummaatti kan hundaa’e dubbii Waaqayyoo isa barreeffamee fi sirna Kiristaanummaa dhugaa ta’e irratti ture. Haa ta’u malee qonnaan bultootni gad of deebisoon sun, addunyaa kan biraan kan itti cufamee fi yeroo hunda horii kan tiksanii fi lafa wayinii kan taraaruudhaan jiraatan sun, dhugaa isa ari’annaa fi barsiisa sobaa waldaa gantuu irraa itti dhufu dura isaan dhaabu kana bira ofuma isaaniitiin hin geenye. Amanitin isaanii amantii haaraa ammuma fudhatame miti. Amantaan isaanii kan isaan abboota isaanii irraa dhaalan ture. Kan isaan itti qabaman amantii waldaa bartoota Kiristoos warra jalqabaati. --“amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta’utti warra Waaqayyoof qulqulla’anitti dabarfame” Yihuudaa 3. Waldaan isheen dhugaatti kan Kiristoos taatee fi eegduu qabeenya dhugaa inni Waaqayyo akka sabni isaa biyya lafaaf akka kennaniif isaan erge waldaa ishee caasaa olaantummaatiin teessoo ishee magaalaa guddittii addunyaa keessa dhaabbatte utuu “waldaa ishee lafa onaa keessa jirtu” kana dha. WG 71.1

Wantota akka waldaan dhugaa kun waldaa Roomaa irraa akka adda baatu godhe keessaa tokko waldaan Roomaa sanbata isa kitaabni qulqulluu jedhu irratti jibba isheen qabdudha. Akkuma dursee raajiidhaan dubbatame, aangoon phaaphaasii dhugaa lafatti gadi dabale. Seerri waaqayyoo biyyoo keessa buufamee, barmaatnii fi sirni namootni hundeessan immoo ol kaafame. Waldootni warri phaaphaasicha jala jiran dursanii iyyuu akka guyyaa Dilbataa akka guyyaa qulqulla’aatti akka eegan godhamaniiru. Dogoggora guddaa fi itti fakkeessuu kana keessatti warrumti saba Waaqayyoo ta’an illee utuma guyyaa sanbataa isa dhugaa kabajaniiyyuu guyyaa dilbataa akka hojii hin hijjenne dhowwamuudhaan joonjeffamaniiru. Haa ta’u malee, kunis geggeessitoota phaaphaasichaa garaa hin ciibsine. Guyyaa dilbataa qulqullinatti eeguu qofa utuu hin taane guyyaa sanbataa isa dhugaa akka salphisaniif gaafataman; warra sanbata dhugaaf kabaja mul’isan jechoota jajjaboodhaan isaan ceepha’an. Namni kam iyyuu biliisummaadhaan Waaqayyoof abboomamuu kan danda’u yoo aangoo Roomaa jalaa baqatee deeme qofadha. WG 71.2

Namoota biyya Awurooppaa keessaa kitaaba qulqulluu afaan isaaniitti hiikame argachuutti Waldeensotni warra jalqabaati. Haara’umsi dhufuu isaatiin wagga dhibbaan lakka’aman dura ture kan isaan kitaaba qulqulluu afaan dhalootaa isaaniitti hiikame qabaatan. Dhugaa hin faalamin of harkaa qabaachuun isaanii caalaattuu xiyyeeffannaa jibbamuu fi ari’atamuu akka isaan ta’an isaan godhe. Waldaan Roomaa Baabiloon ishee Kitaaba qulqulluu keessatti ibsamtedha jechuudhaan labsan; jireenya isaanii du’aaf saaxiluudhaan malaammaltummaa isheetiin mormuudhaaf ishee dura dhaabatan. Ari’atama wal irraa hin cinne jala turuu isaanii irraa kan ka’e kaan isaanii dhugaa isa mareedhaaf dhiyaachuu hin qabne suuta suuta gad dhiisaa yeroo deeman, kaan isaanii immoo amma dhumaatti dhugaatti jabaatanii dhaabatan. Jaarraa dukkanaa fi gantummaa waldaa Roomaa sana hundumaa keessatti waaldeensotni olaantummaa waldaa roomaa hin fudhannu jechuudhaan mormanii, bifa fakkeenyaaf sagaduun waaqa tolfamaa waaqessuudha jechuudhaan guyyaa sanbataa isa dhugaa eegan turaniiru. Mormii isa akka ibiddaa sana keessatti isaan amantii isaanii cimsanii eeggataniiru. Eebooodhaan waraanamanii gucaan yoo gubaman iyyuu isaan dubbii fi ulfina Waaqayyootiif ija jabinaan dhaabatan. WG 72.1

Holqi dhagaa fi gaarrenii, Waaldensotaaf baroota dhiphinaa fi ari’atamuu sana hundumaa keessatti bakka itti baqatanii oolan ture. Iddoo kanaa ture ifni dhugaa dukkana dhaloota giddu galeessaa sanaaf kan ifaa ture. Iddoo kanaa ture kan waggoota kumaaf amanitin inni buara durii kan dhugaa ba’amaa ture. WG 72.2

Waaqayyo saba isaa warra dhugaadhaaf amanamuudhaaf murteessaniif ulfina kan akka isa mana qulqullummaa isaaniif kenne. Warra amanamoota baqatanii ba’aniif qajeelummaan Waaqayyoo gaarreen hundumaa keessatti mallattoo isaaniif ta’ee ture. Ijoollee isaaniitti ulfina isa gaarren sana hundumaa gararraa jiru argisiisuudhaan waa’ee isa hin jijjiiramnee fi gargaggaluun isa bira hin jirree, isa tulluu bara baraan jiraatuu itti himan. Waaqayyo garreen kanneen walitti hidhee jabeessee isaan dhaabe; Waaqayyo isa humni isaa daangaa hin qabne malee kan achii isaan buqqisuu danda’us hin jiru. Seera isaa isa mootummaan samii fi lafaa irratti bu’uurefamanis akkasuma godhee dhaabe. Hirreen namootaa namoota qaqqabee isaan balleessuus ni danda’a ta’a; haa ta’u malee seera Waaqayyoo keessaa tokkittii jijjiiru yookiin wadaa Waaqayyo ijoollee isaatiif gale tokkitti haquu irra hirreen sun tulluuwwan jabaatanii dhaabatan hundeedhaan buqqisee galaanatti darbachuutu salphata. Sabni Waaqayyoo amanamummaa Isaaf qaban irratti akka tulluu hin jijjiiramnee jabaatanii dhaabachuu qabu. WG 72.3

Tulluuwwan sulula marsanii walitti hidhamanii dhaabatan hundi humna uumuu Waaqayyoo fi eegumsa inni godhu kan raga ba’anidha. Baqattootni sun mallattoolee argama Waaqayyoo warra hin dubbanne sana jaallachuu baratan. Carraa jireenya ulfaataa isaan mudate kanaaf al tokko illee hin guungumne; tulluuwwan kanneen keessatti yeroo tokkoof illee qofummaan itti hin dhaga’amne. Waan Waaqayyo hammeenyaa fi gara jabina namootaa jalaa iddoo baqaa isaaniif kenneef ni galateeffatan. Waaqayyoon bakka sanatti biliisummaadhaan waaqeffachuu danda’uu isaaniitiif ni gammadan. Yeroo baayyee diinotni isaanii yeroo isaan ari’atan jabinni tulluuwwan sanaa ittisa isaaniif ta’a ture. Foxxoqa lafaa hedduu isaa keessaa faarfannaan galataa ni dhaga’ama ture, loltootni Roomaas isaan dhaabsisuu hin dandeenye. WG 73.1

Amantiin duuka buutota Kiristoos qulqulluu fi of kennuudhaan kan guute ture. Qajeelfanni dhugaa isaaniif mana, lafa, hiriyyaa, firaa fi lubbuu isaanii hundumaa irra gatii guddaa isaaniif qabaate. Qajeelfama kanadha egaa kan isaan onnee dargaggootaa keessatti dhangalaasuuf kan fedhii guddaa qabaatan. Dargaggootni ijoollummaa isaanii irraa eegalanii seera Waaqayyoo qulqullummaatti eeguu akka qaban kitaaba qulqulluu irraa barsiifamaa guddatan. Kitaabni qulqulluu baayyinaan hin argamu ture; kanaafuu, sagaleen isaa inni gati jabeessi sammuutti qabatama ture. Baayyeen isaanii kakuu moofaa keessaas ta’e kakuu haaraa keessaa irra caallaa isaa sammuu isaanii keessaa sirriitti irra deebi’anii dubbatu. Yaadni Waaqayyoo miidhagina uumamaa fi eebba jireenya guyyaa hundumaa wajjin wal qabatee dhiyaata. Ijoollee xixiqqoon illee akka Waaqayyo waan hundaa isaaniif kennee fi isaan jajjabeessu baruudhaan ija galataatiin gara Isaa ilaalu turan. WG 73.2

Maatiin akka ijoolleen isaanii qannoo jaallachuutti hin qabamneef jaalala dhugaa fi oogummaadhaan ijoollee isaanii ofitti qaban. Isaan dura kan jiru qorumsaa fi jireenya ulfaataadha, tarii du’as ta’uu mala. Daa’imummaadhaa jalqabanii jireenya ulfaataa obsaan baachuu akka danda’anii fi to’annaa jala buluu of kennuu garuu immoo ofii sammuu isaaniitiin yaaduu fi hojii irra oolchuu akka qaban barsiifamaniiru. Baayyee xinnoo ta’anii utuu jiraniiti kan isaan arraba isaanii akka eeggatanii fi oogummaa cal jechuu keessa jiru kan baratan. Jechi tokkittiin maal na dhibdeedhaan dubbatamtu gurra diinota isaanii keessa buunaan, lubbuu isa dubbatee qofa utuu hin taane kan namoota isaa wajjin jiranii dhibbaan lakka’amanii du’aaf saaxiluu danda’a; akkuma yeeyyiin waan ajjeeftee nyaattu barbaacha oliif gadi fiigdu, akkasuma diinotni dhugaa, warra biliisummaa amantii barbaadan balleessuudhaaf isaan adamsa. WG 74.1

Waaldeensotni badhaadhummaa isaanii isa biyya lafaa dhugaadhaaf jedhanii aarsaa gochuudhaan, soora isaanii har’aa borii dhamaatii guddaadhaan argachaa turan. Gaarren sana keessaa Lafti qotamuu danda’u hundi eeggannoodhaan qotameera; sulullii fi lafti gabbataa hin taane immoo sana caalaa akka hin daballetti eegameera. Dhaalli ijoolleen isaanii argatan barumsa diinagdee fi of ganuu ture. Akka Waaqayyo jireenyi sirna akka qabduu fi wanti isaan barbaachisu jabaatanii hojjechuu, eeggannaa gochuu fi amantiidhaan kan argamu ta’uu barsiifamaniiru. Manni barumsaa Waaqayyo leenjii fi guddinaaf kenne, adeemsi isaa hojjetanii agarsiisuu fi dadhabbiidhaan kan guute yeroo ta’u, guutuu fi waan namna biyya lafaa cubbuutti kufte keessa jiraatuuf barbaachisu ture. Dargaggootni akka lafa qotaniif yeroo barsiifaman, barmaatni warra banoota ol’aanoo qabaniis hin dagatamne. Akka aangoo fi humni hundinuu kan Waaqayyoo ta’ee fi wanti hundinuu akkaataa tajaajila Waaqayyoof ta’utti jijjiiramuu fi fooyya’uu akka danda’u barsiifaman. WG 74.2

Waldootni Va’udo’is qulla’ummaa isaaniitiin waldoota bartoota warra jalqabaa wajjin wal fakkaatu turan. Ol’aantummaa phaaphaasichaa fi geggeessitoota isaaniitiin mormuudhaan, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama dhugaa isa tokkicha ta’uu isaa ol kaasan. Luboonni isaanii faallaa luboota waldaa Roomaa, Kiristoosiin isa “tajaajilamuuf utuu hin taane tajaajiluufin dhufe” jedhe kan hordofan ta’an. Isaan hoolota Waaqayyoo marga lalisaa irraa nyaachisuudhaan bishaan jireenyaa isa ta’e dubbii Waaqayyoo irraa obaasan. Oftuulmaa fi Ol of qabuu namootaa irraa haala baayyee fagaateen, gamoo miidhagaa waldaa Roomaa keessatti utuu hin taane, gaaddisa gaarrenii jalatti, sulula Alayin keessattii fi yeroo ari’atamni hammaatummoo da’annoo dhagaa jajjabaa jalatti ture kan namootni dubbii dhugaa hojjettoota Kiristoos irraa dhaga’uuf walitti qabamaa turan. Lubootni kun wangeela lallabuu qofa utuu hin taane, dhukkubsatoota gaafataa, ijoollee barsiisaa, warra dogoggore qajeelchaa, wal dhabdee jiru hiikaa fi obboloota gidduutti jaalala ol kaasaa turan. Yeroo nagaatti kennaa jaalalaa amantoota irraa walitti qabamuun jiraachaa kan turan yeroo ta’u; akkuma Phaawuloos dunkaana hodhaa tures, hundumti isaanii oogummaa ittiin ofii isaanii jiraachisuu danda’an akka baratan godhameera. WG 75.1

Dargaggootni luboota isaanii irraa barataniiru. Xiyyeeffannaan barnoota dimshaadhaaf haa kennamu iyyuu malee, Kitaabni qulqulluus barumsa kennan keessaa isa angafa. Xalayootatti dabalatee wangeelli Maatewos fi Yohaannis warra sammuutti akka qabatan godhamnidha. Akkasumas gara galcha kitaaba qulqulluu baayyisuu irrattis ramadamaniiru. Barreeffamootni qullaa’oon tokko tokko kitaaba qulqulluu guutummaa isaa kan hammatu yeroo ta’u, kaan immoo kitaaba qulqulluu keessaa bakka murtaa’e qofaa fi ibsa namoota bal’isanii ibsuuf yaalaniin barreeffame kan qabu ture. Qabiyyeen dhugaa inni warra ofii isaanii Waaqayyoon olitti lakka’aniin dhookatee ture akkasitti darbee dhufe. WG 75.2

Holqa lafaa, yeroo tokko tokko, baayyee gadi fagoo fi dukkana’aa ta’e, keessatti gucaa fi xombora qabsiisuudhaan, obsaa fi dhamaatii guddaadhaan, kitaabni qulqulluu boqonnaa boqonnaadhaan gara galchamee barreeffame. Akkasitti ture kan hojichi itti fufee jaalalli Waaqayyoo akka warqee kan calaqqise; hojicha keessatti kan hirmaate Waaqayyo ta’uu isaa kan sirriittii fi haala ifa ta’een hubachuu danda’an, warra sababii dhugaatiif ari’atamuudhaan hojicha keessa ture qofatu hubata. Ergamootni samiidhaa ergamanii warra hojii kana hojjetantti marsanii turan. WG 76.1

Seexanni akka phaaphaasotnii fi lubootni Roomaa sagalee dhugaa kana kosii fakkeessitummaa fi barsiisa sobaa jala akka owwaalaniif ariifachiisaa ture; haa ta’u malee, haala ajaa’ibsiisaa ta’een dubbiin Waaqayyoo utuu hin faalamin baroota dukkanaa sana keessa akka darbu taasifame. Inni chaappaa namootaa utuu hin taane Hafuura Waaqayyoo qaba. Namootni, Kitaaba Qulqulluu isa ifaa fi salphaa ta’e fuudhanii walxaxaa fi kan dhuga ba’umsa isaanii wajjin wal faallessu gochuudhaaf dhamaatii jabaa godhaniiru; garuu, akkuma Dooniin Noh roobaa fi qilleensa hamaa sanaan hin raafamin, dubbiin Waaqayyoos habomboleettii hamaa isa balleessuudhaaf ka’e hundumaa mo’ee argame. Akkuma albuudni kan akka warqee fi meetii garaa lafaa jalatti argaman, namootni isa argachuu barbaadanis lafa qotanii amma bira ga’anitti akkuma dhama’an, akkasuma Kitaabni qulqulluus qabiyyee dhugaa warri garaa isaanii guutuu jabaatanii gad of deebisuu fi kadhachuudhaan barbaadan qofaatti mul’atu of keessaa qaba. Waaqayyo Kitaaba qulqulluu kan qopheesse akka namni hundinuu, daa’imman, dargaggoonni, fi ga’eessotni baroota hundumaa qorataniif dha. Waaqayyo dubbii isaa akka mul’ata ofii isaatiitti namootaaf kenne. Dhugaan haaraan bira ga’amu tokkoon tokkoon isaa eenyummaa barreessaa isaatii mul’isa. Qorannaan Kitaaba Qulqulluu akka namni qoratu sun Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya dhuunfaa fi jabaa ta’e qabaatuuf, akkasumas jaalalli Isaa maal akka ta’e akka beeku kan taasisu dha. Meeshaa hariiroo Waaqayyoof nama gidduu jirudha. WG 76.2

Waldeensotni Waaqayyoon sodaachuu akka jalqaba oogummaatti haa qabatan iyyuu malee, biyya lafaa wajjin hariiroo uumuu, namootaa fi sochii jireenyaaf beekamtii kennuun sammuu fi hubannaa namootaa bal’isuu keessatti barbaachisaa ta’uu isaa arguudhaaf agartuu kan dhaban hin turre. Manneetii barnootaa gaarren keessaa sana keessaa dargaggootni gara manneetii barnootaa xaaliyaanii fi Faransaayiin jiruutti ergamu turan; gaarren naannoo isaanii keessa jiru caalaa achitti gosa barnootaa adda addaa, barsiisaa fi daawwannaa argatu. Dargaggootni yeros achitti barnootaaf ergaman kun qorumsa adda addaatiif saaxilaman; jallina argan, bakka buutota seexanaa warra barnoota dogoggoraa fi soba balaafamaa isaan barsiisan achitti argan. Haa ta’u malee, barnootni isaan daa’imummaa isaaniitii kaasanii baratan yeroo akkasii kana jala darbuudhaaf isaan qopheesseera WG 77.1

Manneetii barumsaa sana keessatti, hiriyyoota uummachuudhaaf hin deemne. Uffatni isaanii qabeenyaa isaanii isa gati jabeessa kan ta’e sagalee Waaqayyoo haguuguudhaaf sirriitti kan qophaa’e ture. Hojiin ji’ootaa fi waggootaaf itti dadhabame kun, akka isaan firii isaa sodaa fi shakkii tokko malee warra dhugaa fudhachuudhaaf onneen isaanii banaa fakkaatu hundaaf akka qoodaniif ture. Dargaggoon Waldeensotaa jilba haadha isaanii gidduu ta’anii kaayyoo kanaan leenjifamaniiru; kaayyoo kana hubachuudhaanis waan isaan irraa eegamu haala milkaa’aadhaan raawwataniiru. Manneetii barnootaa kanneen keessatti namootni dhugaa kana fudhatanii jijjiiraman argamaniiru; adeemsi kunsi amma guutummaa manneetii barnootaa sana jijjiirutti yaadamee ture. Haa ta’u malee geggeessitootni phaaphaasii yaalii guddaa yoo godhe illee barumsa dogoggoraati kan jedhee waamu kana maddi isaa eessa akka ta’e bira ga’uu hin dandeenye. WG 77.2

Hafuurri Kiristoos Hafuura Misiyoonummaati. Rukuttaan onnee haareffamee inni jalqabaa warra hin amanin gara fayyisaatti fiduudha. Hafuurri kiristaanota Waldeensotaas akkas ture. Waldaa keessatti dhugaa qulqullinatti eeguu qofa utuu hin taane Waaqayyo sanaa ol akka isaan irraa eegu itti dhaga’ama ture. Dirqamni addaa isaan irra jiru ifni isaanii warra dukkana keessa jiruuf darbee akka ifu gochuudha. Humna Waaqayyoo isa guddaadhaanis waanjoo warri Roomaa namoota irratti fe’an cabsuudha. Waldeensotni Tajaajiltoota ta’an akkamitti hojii misiyoonummaa akka hojjetan leenjifamaniiru. Namni tajaajila kanatti seenuu fedhu hundinuu dursee muuxnnoo hojii wangeela barsiisuu qabaachuutu irraa eegama. Waldaa naannoo isaanii jiru irratti ramadamuu isaaniitiin dura yoo xiqqaate bakka biraa deemanii wagga sadii hojjechuutu irraa eegama. Tajaajilli akkasii kun qorumsa lubbuu lubootaa irra ga’uu, isa of ganuu fi aarsaa ta’uu gaafatu, wajjin wal isaan barsiisuuf ta’a. Dargaggootni hojii qulqulla’aa kanaaf dibaman ulfinaa fi qabeenya biyya lafaa utuu hin taane qorumsa, balaa fi ajjeefamuu isaan dura jiru ilaalu turan. Tajaajiltootni Wangeelaa kunniin akkuma Yesuus bartoota isaa ergaa turetti lama lamaan ergaman. Dargaggeessi tokkoon tokkoon isaa nama umuriin isa dura ta’ee fi muuxannoo qabu, nama isa leenjisuu fi itti gaafatmummaa fudhateefi gorsaa fi qajeelfama isaaf kennuu danda’uu wajjin ramadama. Lamaan isaanii yeroo hundaa walii wajjin deemu utuu hin taane, yeroo baayyee kadhannaa fi gorsaaf wal arganii amantiitti wal jajjabeessu. WG 78.1

Kaayyoon ergamaniif mo’icha isaa akka mirkaneeffatutti, amala isaanii isa dhugaa eeggannaa gudddaadhaan dhoksanii dhiyaatan. Misiyoonummaaf kan ba’e tokkoon tokkoon isaa oogummaa fi dandeettii addaa tokko qabaachuu qaba. Oogummaa sanaan akka waan hojii biyya lafaaf akka waan waamicha qabaniitti isa jalaan hojii misiyoonummaa isaanii raawwatn. Yeroo baayyee akka daldaaltotaa fi dhiyeessitootaatti hojjetaa turan. “Isaan suufii, meeshaa miidhaginaa, fi kanneen biroo gabaa biyya fagoo keessatti fudhatama qaban fuudhanii adeemuudhaan bakka utuu misiyoonummaaf dhufne jedhanii ari’atamanitti simannaa guddaa argachaa turan.” -- Wylie, b. 1, ch. 7. Yeroo hundumaa onnee isaanii gara Waaqayyootti olkaasuudhaan oogummaa ittiin qabeenyaa isa warqee fi meeshaa miidhaginaa hundumaarra sana caalu namoota kana biraan ga’an gaafatu turan. Isaan kitaaba qulqulluu guutummaa isaas ta’e gar tokkee isaa dhoksanii baachuudhaan yeroo carraan isaa argame hundumaatti xiyyeeffannoo maamiltoota isaanii gara isaatti harkisu. Yeroo baayyee fedhiin Waaqa dhugaa argachuu keessa namootaatii dammaquudhaan kitaabni qulqulluun hangi ta’e isaan biratti fudhatamee hafa. WG 78.2

Hojiin misiyoonummaa isaanii kun yeroo baayyee sululaa fi dirreewwan gaarren isaanitti dhiyoo ta’an duuba jiranitti jalqaba. Garuu bakka sana irraa fagaatee adeema. Miila qullaa fi uffata karaa dheeraa deemuudhaan irratti xuraa’ee fi goggogeen akkuma Barsiisaa isaanii magaalota gurguddoo keessa qaxxaamuranii biyya fagoo jiraniin wangeela ga’an. Bakka hundumaatti sanyii gati jabeessa kana ni facaasan. Karaa dhiigni warra dhugaadhaaf jedhee dhangala’ee darbe hundumaa irratti waldootiin ni biqilan. Hojii namoota amanamoo kanaatiin lubbuun meeqa akka fayye guyyaan Gooftaa mul’isuudhaaf jira. Dhoksaattis ta’e mul’inatti, dubbiin Waaqayyoo gammachuudhaan manneetii fi onnee namootaa keessatti fudhatamaa ture. WG 79.1

Waaldensotaaf kitaabni qulqulluun galmee seenaa waantota ta’anii darbanii fi mul’ataa fi itti gaafatamummaa yeroo ammaa qofa kan mul’isu utuu hin taane, balaa fi ulfina fuula dura jirus kan bakkeetti baasudha. Dhumni waan hundumaa fagoo akka hin taane amananii, yeroo Kitaaba qulqulluu kadhannaa fi imimmaaniin qoratan hundumaatti keessi isaanii xuqamuudhaan dhugaa gati jabeessa kana warra kaaniif qooduun dirqama isaanii akka ta’e fudhachaa turan. Kitaaba qulqulluu fuula tokkoo tokkoo isaa irratti karoora fayyinaa ifatti waan arganiif Yesuusitti amanuu isaaniitiin jajjabina, abdii fi nagaa argatan. Akkuma ifni hubannaa isaanii ibsee fi onnee isaaniif gammachuu kennetti, isaan immoo dabarsanii warra dukkana dogoggora phaasii keessa jiraniif ifa kana qooduuf hawwiin isaanii dabalaa ture. WG 79.2

Akka namootni baayyeen geggeessaa phaaphaasichaa fi luboota isaatii jalatti cubbuu isaaniitiif dhiifama argachuuf jecha akkanumaan qaama isaanii dhiphisan arganiiru. Hojii gaarii hojjechuu isaaniitiin akka fayyinni argamu waan isaan barsiisaniif, yeroo hundumaa gara ofii isaanii ilaalaa, sammuun isaanii jireenya cubbuun guute qabaachuu isaanii irratti xiyyeeffataa, dheekkamsa Waaqayyoof kan saaxilaman ta’uu isaanii yaadaa, qaama isaanii fi lubbuu isaanii yoo dhiphisan iyyuu, lubbuu isaaniif boqonnaa hin argatan turan. Lubbuun of beektu barsiisa Roomaatiin hidhamte. Hiriyyoota isaanii dhiisanii fi gatanii bakka “gadaamii” jedhanitti galan. Irra deddeebiidhaan laguudhaan ooluu fi of miidhuudhaan, eegduu halkan walakkaa ta’uudhaan, yeroo dheeraadhaadhaaf dadhabbii guddaadhaan qorra keessa jilbeenfachuu, karaa dheeraa adeemuu, of adabuudhaan of dhiphisuu, namootni kuma hedduutti lakka’aman nagaa sammuu argachuuf akkanumaan dadhabu turan. Miira cubbamaa ta’uu isaaniitiin gadi qabamaa, akka waan Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan adamsuutti of irratti eegaa, amma uumamni iddoo isaa gad dhiisutti turanii, abdii tokko malee gara owwaalaatti gadi bu’aniiru. WG 80.1

Waaldeensotni lubbuu beelofte kanaaf buddeen jireenyaa cabsuudhaaf dharra’an, ergaa nagaa abdii Waaqayyo kenne keessatti argamu isaaniif saaquudhaaf, Fayyinni isaanii tokkichi Kiristoos keessatti akka argamu itti mul’isuudhaaf hawwan. Barsiisni amantii inni cubbuuf dhiifama argachuun hojii gaarii isaan hojjetan irratti hunda’a jedhu sobadha. Eenyummaa namaa irratti hundaa’uun jaalalli Kiristoos akka hin mul’anne godha. Ilmoon namaa inni kufe ofii isaa gaarii godhee Waaaqayyoon duratti dhiyeessuu waan hin dandeenyeef Yesuus namootaaf du’e. Hojiin Yesuus du’a isaatii fi ka’uu isaatiin hojjete bu’uura Kiristaanummaan irratti hundaa’e dha. Lubbuun Kiristoos irratti hirkachuun ishee, akkuma harki qaamatti dameenis muka wayiniitti maxxanee jiraatu ta’uu qaba. WG 80.2

Barsiisni phaaphaasii fi luboota isaatii akka namootni amalli Waaqayyoo, Kan Kiristoosis, jabaa, dukkana’aa fi daangessaa ta’etti ilaalan godheera. Araarsituu ta’uun lubootaa fi qulqulloota isaanii akka hin hafneef jecha Yesuusiin akka waan inni gara laafina hin qabneetti nama kufeef dhiyeessan. Warri sammuun isaanii dubbii Waaqayyootiin ife kun garuu lubbuu kanatti Yesuus isa gara laafessa, fayyisaa jaalalaan guute, isa harka isaa diriirsee, cubbuu, ba’aa fi dadhabbii keessan hunda qabadhaatii gara koo kottaa jedhee hundumaa afeeru namoota kanatti argisiisuuf hawwan. Isa seexanni akka namootni kallattiidhaan gara Waaqayyoo dhufanii cubbuu isaanii himatanii dhiifamaa fi nagaa hin argannee fi abdii Waaqayyoo hin ilaalletti karaa irra tuule qulleessuun dharraa isaanii ture. WG 81.1

Waldeensotni misiyoonummaadhaaf bobba’an kaka’umsa guddaadhaan sammuu dhugaa addaan baasee qorachuu danda’u hundaaf dhugaa gati qabeessa qoodan. Kitaaba qulqulluu keessaas hanga ta’e of eeggannoo guddaadhaan irra deebi’ee oomishe. Lubbuu subbuudhaan hubamteef Waaqni ijaa baafannaa akka inni murtii haqaa kennuuf jiru qooduun gammachuu isaa ture. Inni hidhii roqomuu fi ija imimmaaniitiin jilba isaatiin jilbeenfatee obbolootaaf abdii gati jabeessa isa cubbamaaf abdii tokkicha ta’e isaaniif hira. Kanaaf ifni dhugaa duumessa dukkanaa duubatti deebisaa, amma aduun qajeelummaa fayyina Waaqayyootiin onnee isaanii irratti ifutti, sammuu dukkanaa’e baayyee isaa saaqee seene. Kanaaf jecha kitaaba qulqulluu keessaa bakka tokko tokko dhaggeeffattootni sirriitti dhaggeeffachuu isaanii amma mirkaneeffatanitti irra deddeebi’uudhaan akka isaaniif dubbifamu gaafataa turan. Keessattuu dubbisni kunniin kan baayyinaan irra deddeebi’amuun isaanii barbaadaman turan: “Dhiigni ilma Isaa Yesuus Kiristoos cubbuu hundumaattii nu qulqulleessa.” 1 Yoh 1:7. “Museen lafa onaa keessatti bofa sibiila diimss muka irratti akkuma fannise, ilmi namaas akkasuma muka irratti ol fuudhamuun ni ta’a. kunis ilma namaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf ta’a.” Yoh. 3:14,15. WG 81.2

Namootni baayyeen barsiisa warra Roomaatiin hin dogoggorre. Kan namni yookiin ergamootni bakka isa cubbamaa bu’anii araarsan akkasumaan akka ta’e hubataniiru. Yeroo ifni dhugaan sammuu isaanii keessatti ife gammachuu guddaadhaan sagalee isaanii dhageessisan. “Kiristoos luba kooti; dhiigni isaa aarsaa koti; iddoon aarsaa isaatiis bakka cubbuu himannaakooti.” Isaan isa “amantiidhaan malee Waaqayyoon gammachiisuun hin danda’amu” jedhu irra deddeebi’uudhaan guutummaatti hojii Yesuus hojjete irratti of gatan (Ibroota 11:6.) “Fayyinni Yesuus Kristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jala ilmaan namootaaf hin kennamne.” WG 82.1

Lubbuun cunqurfamte hubachuudhaaf waadaan jaalala fayyisaa kun waan amma ta’uu danda’uu olii fakkaatee itti mul’ate. Kanaafuu, haara baafannaa guddaa isaaniif fide, ifni guddaan isaan irratti ba’e, waan samiitti ol fudhatamanis isaanitti fakkaate. Harki isaanii amantaadhaan harka Yesuus keessatti dhiifaman; milli isaanii dhagaa barootaa irra dhaabame. Sodaan du’aa guutummaatti bade. Amma maqaa fayyinaa isaanii kabajuu isaaniitiif hidhamuu fi guca ta’uu dharra’uu jalqaban. WG 82.2

Bakka dhookataatti sagaleen Waaqayyoo altokko tokko lubbuu tokkittiidhaaf, al tokko tokko immoo namoota muraasaaf qoodamaa fi ifni dhugaa ifaa ture. Yeroo baayyee halkanootni hedduun akkasitti darbu turan. Namni ergaa araaraa qabatee deemu kun amma namootni dhaggeeffatan kun sirriitti hubachuu isaanii mirkaneeffatutti utuu hin dadhabin irra deddeebi’ee dubbisuu isaa ajaa’ibsiifannaadhaan ilaalu turan. Yeroo baayyee jechootni akkas jedhan ni dhaga’amu turan: “Waaqayyo kennaa koo ni fudhataa? Waaqayyo cubbuu koo naaf dhiisaa?” deebiin isaas akkas kan jedhutu dubbifamaaf: “isin dadhabdootni, ba’aan keessan kan isinitti ulfaate, gara koo kottaa, anis isinan boqochiisaa.” Maatewoos 11:28. {GC 74.3} WG 82.3

Amantiin abdii wajjin wal argatte, deebiin gammachuus deebifame: “kana booda karaa dheeraa deemuun hin jiru; kana booda deemsa dadhabsiisaan godhamu hin jiru. Ani gara Yesuusiin akkuman jiruttin dhufa, cubbamaa fi xura’aa, Inni kadhannaa qalbii jijjiirrannaa fudhachuu hin didu. ‘cubbuun kee siif dhiifameera.’ Kan koo, kanumti kooyyuu naaf dhiifama!” WG 82.4

Lolaan gammachuu qulla’aa ta’ee onnee keessa guuta, maqaan Yesuusis galataan ol qabama. Lubbuun gammadan kunniin ifa kana warra kaaniif qooduudhaaf gara mana isaaniitti deebi’u, amma danda’an waan isaaniif ta’e irra deebi’anii warra kaaniif gochuudhaaf ni dhama’u; karaa dhugaa fi jiraataa ta’e akka argatan ni himu. Namoota dhugaa dheebotaniif dubbiin Waaqayyoo kallattiidhaan humna haaraa fi adda ta’e garaa isaanitti dubbatu jira. Inni warra dhaga’an sana amansiise, Sagalee Waaqayyooti. WG 83.1

Ergamaan dhuggaa akkasitti itti fufe; dhiyaannaan isaa, gad of deebisuun isaa, kaka’umsi isaa fi of kennuun isaa kan yeroo hunda yaadatamu ta’ee jiraate. Iddoo baayyeetti dhaggeeffattootni isaa eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu hin gaafanne. Isaan jalqaba, ajaa’ibsiifannaadhaan, booda immoo galataan guutamuu isaanii irraa kan ka’e sammuu isaanii keessatti gaaffii uumuudhaaf yeroo hin arganne. Yeroo isaan mana isaaniitti isa afeeran, inni immoo hoolota keessaa warra badan barbaaduun qaba jedha ture. Inni ergamaa samii irraa dhufedhaa laata? jedhanii wal gaafatu. WG 83.2

Bakka hedduutti ergamaan dhugaa kun irra deebi’ee hin argamne. Inni darbee biyya kan biroo deeme, yookiin immoo bakka dhaqe sanatti du’e, yookiin immoo mana hidhaa keessatti hafe ta’a, yookiinis lafeen isaa bakka dhugaa ba’aa ture sanatti nyaatame ta’a. haa ta’u malee dubbiin inni facaasee darbe gonkumaa hin badu. Isaan hojii isaanii onnee namootaa keessatti hojjechaa turan; firiin isaa inni eebbifamaan guyyaa murtii qofa beekama. WG 83.3

Waldeensotni Misiyoonummaaf bobba’an mootummaa seexanaa fi humnoota dukkanaa of eeggannaa guddaadhaan weeraraa turan. Yaaliin dhugaa babal’isuudhaaf godhamu mootii jal’inaa fi bakka buutota isaatiin ija sodaatiin ilaalamaa ture. Geggeessitootni phaaphaasummaa balaa hojiin namoota gad deebi’oo kun fiduu danda’u mallattoo arguu jalqaban. Ifni dhugaa kun dhowwaa tokko malee guutummaatti akka ifuuf yoo heyyamame, duumessa dogoggoraa ulfaataa namoota hundumaatti gadi dhiifame hunda guutummaatti haxaa’ee balleessa. Sammuu namoota hundumaa gara Waaqayyoo qofatti deebisuudhaan suuta suuta olaantummaa Roomaa barbadeessa. WG 83.4

Jiraachuun namoota amantii isa jalqabaa qabatanii dhaabatanii qofti gantummaa Roomaa irratti itti fufiinsaan waan dhugaa ba’uuf jibba hamaa fi ari’annaa irratti kakaase. Kitaaba qulqulluu isa isaan harka jiru kennuudhaaf diduun isaaniis kan Roomaa cal hin jechisiifne ta’e. Lafa irraa isaan balleessuudhaaf murattee kaate. Amma ijoollee Waaqayyoo kanneen maneen isaanii warra gaarren keessa jiran keessaa balleessuudhaaf irratti duulte. Namootni karaa isaan ba’anii galan hordofan karaa isaanii irratti ramadamuudhaan gochi Aabel namni qulqulluun harka Qaayeel isa ajjeesaa harkatti kufuu baayyinaan irra deddeebi’ame. WG 84.1

Irra deddeebi’uudhaan lafa isaanii isa gabbataa iddoo itti kosii gatan gochaa, manni jireenyaa isaanii fi bakki waaqeffannaa isaanii diigamaa, akka dirreen biqilaa magarsaa turee fi manneetiin qajeelotaa lafa onaatti akka deebi’u godhame. Yeroo bineesi hamoon dhiiga sana baranii caalaatti beela’an, dheekkamsi phaaphaasichaa dhiphina warra miidhamaa jiranii kana arguudhaaf caalaatti boba’a. warri dhugaa isa qulqulluu ta’eef dhugaa ba’an kun gaarren sana keessa sakatta’amanii, sulula keessa dhookatan hunda keessa adamsamuudhaan kaan isaanii bosona guddaa keessatti, kaan immoo holqa dhagaa keessatti ajjeefaman. WG 84.2

Garee jibbaman kana irratti himannaan balleessaa dhiyaatu tokko hin jiru. Diinotni isaanii illee utuu hin hafin namootni kun namoota namoota nagaa fi callisoo ta’uu isaanii dhugaa ba’u turan. Badiin isaanii inni guddaan Waaqayyoon akka fedha phaaphaasichaatti waaqessuu diduu isaaniiti. Yakka kanaafdha kan tuffatamuun, arrabsamuun fi dhiphifamuun seexana biraas ta’e namoota biraa irra ga’e. WG 84.3

Yeroo Roomaan amantaa jibbame kana lafa irraa balleessuuf murteesitetti, phaaphaasichi akka waan isaan barsiisa sobaa barsiisaniitti labsii irratti baasuudhaan qalamuudhaaf akka dabarfamanii kennaman godhe. Isaan hojii hiikuudhaan, yookiin amanamummaa dhabuudhaan, yokiin naamusa dhabuudhaan hin himatamne; isaan akka isaan dhiyaannaa, waaqeffannaa fi qulqullummaa dhiiga hoolicha isa dhugaatti harkisu qabanitti labsame. Phaaphaasiin seera akkas jedhu baase: “yoo amantaan jibbamaa, yakkamaa fi yaada micciiramaa kun karaa isaa kana dhiisee hin deebi’u ta’e akka boofaatti haa ajjeefamu.” --Wylie, b. 16, ch. 1. Geggeessaa oftuulaan kun jechoota sana akka irra deebi’ee dhaga’uuf jiru beekeeraa laata? Akka maqaan isaanii galmee isa samii irratti galmaa’ee jiruu fi guyyaa murtiitti akka isaan mormuuf jiru beekeeraa? “Isaan kanneen keessaa isa xinnaadhaaf kan goote, akka waan anaaf gooteeti” jedhe Yesuus (Maatewoos 25:40.) WG 85.1

Labsiin kun miseensota waldichaa hundumaaf akka duula barsiisa sobaa kana irratti hirmaataniif waamicha godhe. Hojii gara jabinaa kana irratti hirmaachuuf akka isaan kakaasutti “adabbii fi dhiphifamuu waldaa irraa itti dhufu hundumaa haqeef; warra duula kana irratti hirmaatan hundumaa kakuu fi waadaa seenanii jiran kam irraa iyyuu biliisa isaan taasise; qabeenyaa seeraan ala harka isaanii galfatan hunda mirkaneesseef; warra barsiisa sobaa barsiisu jedhaman kana ajjeesuudhaan cubbuu isaaniif dhiifama akka argatan himame. Warra waldeensotaa wajjin waliigalteen qaban hundi akka haqamu gochuudhaan ragaan isaanii hundi akka balleeffamu godhe. Gargaarsa isaaniif godhamu ni dhowwe. Namni hundinuu qabeenyaa isaanii akka saamu ni ajaje.” --Wylie, b. 16, ch. 1. Galmeen kun hafuura golgaa duuba goree dhimmicha geggeessu sirriitti agarsiisa. Achi keessatti kan dhagaa’ame sagalee Kiristoos utuu hin taane, aaduu jawwichaati. WG 85.2

Geggeessitootni phaaphaasummaa amala safartuu seera Waaqayyoo calaqqisiisu hin qaban turan. Haa ta’u malee safartuu ofii isaanii qopheessuudhaan waan Room feete qofaaf hundumtuu isa jalatti buluu akka qabuuf amansiisuuf yaalii godhu. Gochi baayyee hamoo ta’an hedduun raawwatamaniiru. Luboonnii fi phaaphaasotni malaammaltummaa fi Waaqayyoon arrabsuudhaan beekaman hojii seexanni isaanitti ramade hojjechaa turan. Uumama isaanii keessatti araarri iddoo hin qabu. Hafuurri inni Kiristoosiin fannisee fi inni bartoota gorraasise, isumatu bara kanatti Neeroo isa dheega dheebotu kakaasaa ture, hafuuruma sanatu hojii warra Waaqayyoon jaallataman lafa irraa duguuguu geggeessaa jira. WG 85.3

Ari’atamuun jaarraa hedduudhaaf saba Waaqayyoon sodaatan kana irratti geggeeffame warra fayyisaa isaanii kabajaniin obsaa fi amanamummaadhaan baatame. Duula isaan irratti duulamee fi gara jabinaan qalamuu isaan eeggatuun utuu hin daangeffamin, namoota misiyoonummaadhaan dhugaa gati jabeessa kana facaasu erguu ittuma fufani. Amma du’aatti adamsaman; haa ta’u malee dhiigni isaanii sanyii faca’eef bishaan obaafame waan ta’eef kan utuu ija hin godhatin hafe hin jiru. Akkasittidha kan Waldeensotni dhalachuu Luuteriin dura jaarraa hedduudhaaf kan dhugaa ba’aa turan. Akkasumas namoota dubbii Waaqayyoo fi dhuga ba’umsa Kiristoosiif jecha dhiphina fudhachuudhaaf qopha’oo ta’an hundumaatiin dhugichi amma dhuma barichaatti ni daddarba (Mul’ata 1:9.) WG 86.1