Wal’aansoo Isa Guddaa

37/46

Boqonnaa 33—Gowwomsaa Jalqabaa Isa Guddaa

Seexanni sanyii namaa gowwomsuudhaaf yaalii isaa kan inni eegale jalqaba seenaa ilmaan namaa irratti ture. Inni samii keessatti fincila eegale, lola mootummaa Waaqayyoo irratti adeemsisaa jiru keessatti jiraattonni biyya lafaa isaa wajjin akka hiriiran hawwe. Addaamii fi Hewaan seera Waaqayyoof abboomamuutti gammachuu guutuu qabaachaa turan, dhugaan kun immoo, falmii isa seexanni seerri Waaqayyoo seera hacuuccaa fi uumama isaatiif waan gaarii kan mormu ta’uu isaa samii keessatti falmeen kan mormu qofa osoo hin taanee, haqa guddaa kanaaf dhuga baatuu barabaraati. Itti dabalees, mana miidhagaa warra cubbuu hin qabne sana lamaaniif qophaa’e yeroo ilaale hinaaffaa jabaatu seexana keessatti uumame. Biyya lafaa qabeenya dhuunfaa isaa godhachuu fi ishee irrattis mootummaa mataa isaatii isa Waaqa guddaatiin mormu hundeessuuf Waaqayyoottii adda isaan baasee to’annaa ofii isaa jala isaan galchuudhaan isaaniin kuffisuuf murteesse. WG 390.1

Addaamii fi Hewaan waa’ee diina balaafamaa kanaa akeekkachiifamanii turan sababa ta’eef, amala isaa isa sirrii osoo hin dhoksiin utuu inni isaanitti dhi’aateera ta’ee, silaa takkaadhaan ittiin mormanii of irraa deebisu turan. Garuu kaayyoo isaa bifa fiixaan ba’umsa olaanaa qabuun milkeessuuf akka isaaf mijatuuf jecha, akeeka isaa dukkana keessa dhoksee hojii isaa hojjete. Seexanni bofa isa yeroo sana uumama jiran keessaa baay’ee ajaa’ibsiisaa ture meeshaa godhatee gara Hewaanitti dhi’aatee: “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” jedhee gaafate. Uma. 3: 1. Hewaan utuu seexanaa wajjin falmiitti seenuu irraa of qusatteetti ta’ee, silaa balaaf hin saaxilamtu turte. Garuu seexanaa wajjin falmitti seenuu ishee irraan kan ka’e gowwomsaa isaa keessatti kufte. Har’as taanaan namoonni baay’een karaa wal-fakkataa ta’e injifatamu. Waa’ee seera Waaqayyoo ilaalchise jireenya isaanii keessatti mamii keessumsiisanii falmii geggeessu; qooda seera Waaqayyo eeguu tiyoorii namaa isa meeshaa gowwomsaa seexanaa ta’e fudhatu. WG 390.2

“Dubartittiin immoo bofichaan, Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya; garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa, Waaqayyo, ‘Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin bu'inaa! Kanaa achi in duutu’ jedheera jette. Bofichi immoo deebisee dubartittiidhaan, Hin duutan; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka jedheen.” Lakk. 2-5. Inni akka isaan ogummaa guddaa kanaan duraa qaban irra kan caalu akka qabatanii fi jireenya sadarkaan olaanaa ta’e jiraachuudhaaf dandeettii qabaacuudhaan akka Waaqayyoo ta’uu akka isaan danda’an isaanitti hime. Hewaan qoramsatti harka kennite; Addaamis karaa ishee dhiibbaan irra ga’e. Isaan akka dubbate kana jechuu isaa miti jedhanii dubbii bofichaa amananii fudhatan; akka wanta Inni bilisummaa isaanii sarbaa jiruutti isaaniitti dhagaa’amee uumaa isaanii shakkan, akkasumas, akka wanta seera Isaa cabsuudhaan ogummaa fi ulfina guddaa argataniittis yaadan. WG 390.3

Addaam garuu, erga cubbuu hojjetee booda, waa’ee jecha isa “Guyyaa gaafa muka kanattii nyaatte dhugumaan ni duuta” jedhuu maal hubate? Akka seexanni jireenya olaanaa argatta jedhee isa amansiisetti jireenya olaanaa argateeraa? Wanti gaarummaa olaanaa of keessaa qabu seera Waaqayyoo cabsuudhaan kan argamuu fi seexanni gargaaraa sanyii namaa ta’uun isaa akka mirkanaa’uu isaan amansiisee ture. Addaam garuu, dubbiin duraan dursee karaa Waaqayyoo dubbatame faallaa kanaa ta’uu isaa hubate. Namni adaba cubbuu isaaf jecha gara biyyoo isa irraa dhufeetti akka inni deebi’u Waaqayyo dubbateera: “Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in tata.” — S/uum 3:19. “Iji keessan ni banama” jedhee inni seexanni dubbate karaa kana qofa dhugoomee argame: Addaamii fi Hewaan erga yakkanii booda gowwummaa isaanii akka hubataiif jecha iji isaanii ni baname. Isaan hamaa ni beekan, ija cubbuu isa hadhaa’as ni dhandhamatan. WG 391.1

Walakkaa Jannata Qannoo keessatti muka jireenyaa iji isaa walitti fufinsaan lubbuu jiraachisu humna qabutu guddatee ture. Addaam utuu Waaqayyoof abboomamee jiraachu itti fufeera ta’ee, silaa itti fufee muka kanattii biliisa ta’ee nyaachuuf carra ni qabaata ture, barabaraaniis ni jiraata ture. Garuu yeroo cubbuu hojjete muka jireenyaa nyaachu irraa daangeffamee (ittifamee) du’atti saaxilame. Dubbiin Waaqayyoo inni: “Biyyoo irraa dhufte, biyyootti ni deebita” jedhu jireenyi guutummaa guutuutti kan badu ta’uu isaa agarsiisa. WG 391.2

Kan hin duune ta’uun namaa inni haala abboomamuu keessatti abdachiifamee ture sababa cubbuu irraan kan ka’e irraa fudhatame. Addaam wanta ofii isaatii hin qabne sanyi isaatiif dabarsuu (dhaalchisuu) hin danda’u. Utuu Waaqayyoo karaa aarsaa Ilma Isaa jireenya barabaraa hin argamsiifne ta’ee, silaa sanyii namaa cubbuutti kufee jiruuf abdiin tokko illee hin jiru ture. “Namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal ga'e.” “Inni humna du'aa cabsee, jireenya, badiisa ooluus karaa wangeelaa ifatti baase.” Room. 5: 12; 2Xim. 1: 10. Bara baraan jiraachuun karaa Kiristoos qofa argama. Yesuus akkana jedhee dubbate: “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee” jedhe. Yoh. 3: 36. Ulaagaa ka’ame kanaa wajjin namni walii gale kam iyyuu eebba yookaan qabeenya ulfina qabeessa tola kenname kana argachuu ni dandaa’a. Namni “Obsaan waan gaarii hojjechaa, ulfina hin darbine, jireenya hin badnes Waaqayyo biraa argachuu barbaadu” hundinuu “jireenya barabaraa” ni argata. Room 2:7. WG 391.3

Abboomamuu diduu keessatti Addaamiif jireenya kan waadaa seene gowwomsituu isa guddicha qofa. Dubbiin Eeden keessatti: “Isin dhuguma hin duutan” jedhamee karaa bofichaa dubbatame sun, mata duree lubbuun hin duutu jedhu irratti lallaba yeroo jalqabaa lallabame ture. Haa ta’u iyyuu malee, barsisni yookaan lallabni aboo seexanaa qofa irratti bu’uureffame kun iddoo aarsaa Kiristiyaanota danuu irraa dhagaa’amaa kan jiru yeroo ta’u, akkuma abboota keenya warra jalqabaa namoota harka caalaa biratti saffisa olaanaa ta’een fudhatama argachaa jira. Dubbiin Waaqayyoo inni Raajii Hisqeel 18:20 irratti: “Lubbuun cubbuu hojjette ni duuti” jedhee caafamee jiru jijjiiramee “Lubbuun cubbuu hojjettu hin duutu, barabaraan jiraatti” jedhamee hiikkaa dogoggoraa akka qabaatu taasifameera. Sagalee Waaqayyoo shakkanii dubbii seexanaa amananii jaalalaan fudhachuu namootaa ajaa’ibsiifachuu hin dandeenyu. WG 391.4

Namni erga kufee booda utuu muka jireenyaattii nyaachuudhaaf heyyama argateera ta’ee, silaa barabaraan jiraata ture, cubbuunis barabaraan jiraata ture. Garuu, maatiin Addaam dhorkaa ka’ame ce’anii ija mukicha jireenya kennu sanattii akka hin nyaanneef jecha Kiruubelii fi billaan akka ibiddaa boba’u “Karaa isa gara muka jireenyaatti geessu” ni eegan. S/Uum. 3:24. Kanaaf cubbamaan hin duune tokko illee hin jiru. WG 392.1

Garuu kufaatii booda, seexanni ergamoota isaa hiriirsee namni uumamaan iyyuu kan hin duunee dha jedhanii akka amananiif yaalii addaa godhe. Erga barsiisa sobaa kana namoota fudhachiisanii booda immoo, goolabbii “cubbamoonni barabaraan dhiphachaa jiraatu” jedhu irra akka isaan ga’an isaan taasisan. Amma mootichi dukkanaa, Waaqayyoon Waaqa gar jabeessa haaloo ba’u, warra isa hin gammachiifne hunda gaannamitti gadi-darbatee dheekkamsa isaa akka dhandhaman taasisu fi yeroo isaan ibidda barbaraatiin dhiphina guddaa dhiphatan samii irra taa’ee gammachuudhaan ilaalu fakkeessee Waaqayyoon haqaaqee dhi’eessuudhaaf bakka buutota isaatti fayyadamee hojjechaa jira. WG 392.2

Abbaan soba haala kanaan amala isaa uumaa fi soortuu sanyii namaatti uwwise. Gara jabinni amala seexanaati. Waaqayyo garuu jaalala; uumamni Inni uume hundinuus hanga gaafa fincilaa isa guddicha sanaan cubbuun seenutti qulqulluu, mudaa kan hin qabnee fi jaallatamoo turan. Namni akka namni cubbuu hojjetuuf kan qoruu fi yoo isaaf danda’ame immoo isa balleessuuf kan yaalu hamajaajii dhala namaa Seexana mataa isaati; Lubbuun harka isaatti kufuu ishee erga mirkaneefatee booda immoo badiisa qaqqabsiise sana ilaalee bohaara. Seexanni utuu isaaf heyyamamee sanyii namaa hunda kiyyoo isaatti galchuu barbaada. Utuu humni Waaqayyoo gidduu hin seenne ta’ee, silaa ilmi yookaan intallii Addaam tokko illee jalaa ba’uu hin dandaa’an turan. WG 392.3

Seexanni, akkuma amanannaa isaan Waaqayyo irratti qaban raasee akka isaan ogummaa bulchinsa Waaqayyoo fi haqa qabeessummaa seera Isaa irratti shakkii qabaatan gochuudhaan maatii keenya warra jalqabaa injifate, har’as tooftaa wal-fakkataadhaan ilmaan namootaa injifachuudhaaf dhama’insa gochaa jira. Haxxummaa fi fincilli isaanii qajeelaa ta’uu isaa agarsiisuuf jecha seexannii fi ergamoonni isaa ofii isaanii caalaatti Waaqayyoon hamaa fakkeessanii dhi’eessu. Gowwomsituu inni guddichi, akka wanta bulchaa haqa maleessaaf bitamuu diduu isaa irraan kan ka’e samii irraa dogoggoraan arii’amee fi kanaanis akka wanta jal’inni guddaan isa irratti hojjetameetti agarsiisuuf jecha, amala gara jabina isaa isa sukanneessaa gara Abbaa keenya isa waaqarratti naannessuu barbaada. Waanjoo seera Waaqayyoo isa asii fi achi hin mixxiqne jalatti garboomanii buluu fi bulchinsa isaa isa hammayyaa jalatti bilisummaa isaan argachuu dandaa’an waliin madaalee biyya lafaatti agarsiisa. Lubbuu Waaqayyoo wajjin walii galtu gara ofii isaatti harkisuuf akkasitti milka’aa. WG 392.4

Barsiisni cubbamoonni du’an ibidda fi dhagaa boba’u keessatti barabaraan gubatu jedhuu; akkasumas turtii gabaabaa biyya lafa irratti dabarsan keessatti cubbuu hojjetaniif umurii Waaqayyo jiraatu guutummaa isaa kan gubatan ta’uu isaanii kan barsiisu, onnee jaalalaa fi araaraa, akkasumas, garaa haqa qabeessa mara keessatti fudhatama hin qabu. Haa ta’u iyyuu malee, barsiisni kun amma iyyuu bal’inaan kan barsiifamuu fi qaama barsiisa bu’uraa hordoftoota amantii Kiristiyaanota hedduu keessatti hammatamee jira. Doktooriiniin qu’annoo amantii (Theology) qorate tokko akkana jedhe: “Dhiphina ibidda barabaraa ilaaluun barabaraan gammachuu tolootaa dabalaa adeema. Yeroo namoota isaanii wajjin uumama wal-fakkaataa qabanii fi haala wal-fakkaataa keessatti dhalatan dhiphina sana keessatti ilaalan, faallaa kanaa immoo isaan adda ba’anii yeroo dhaabbaatan namoota gammadoo akka isaan ta’an isaan hubachisa.” Namni kan biraan immoo akkana jedhe: “Yeroo labsiin adabaa qodaa dheekkamsaa irratti barabaraan raawwatamu, utuuma qodaan araaraa ijaajjanii ilaalanii aarrii gubannaa isaanii barabaraan gara samiitti ol-ba’a. Qulqulloonni, qooda gidiraa kanatti hirmaatan “Ameen, Haaleluyyaa! Gooftaa si haa galatu!” jedhu. WG 392.5

Barsiisni akkanaa sagalee Waaqayyoo keessaa bakka kamitti caafamee jiraa? Toloota fayyanii samii jiran keessaa miirri gara laafinaa fi namaaf o’uu, keessumaa immoo miirri namummaa jireenya isaanii keessaa badaa? Miirri kun hundinuu gara maal na dhibdee fi gara jabina hammaataatti jijjiramaa? Tasa akkana miti; wanti akkanaa barsiisa Macaafa Waaqayyoo miti. Namoonni yaada waraabbilee armaan olii keessatti ibsaman dhi’eessan kun namoota baratanii fi amanamoo ta’uu ni danda’u ta’a. Haa ta’u iyyuu malee isaan haxxummaa seexanaatiin kan gowwomfamanii dha. Seexanni jechoota jajjaboo Macaafa Qulqulluu keessatti caafamanii jiran gar-malee akka isaan hubatan gochuudhaan, jechoota hadhaa’oo fi hamoo uumaa keenya ibsan osoo hin taane amala isaa ibsanitti akka isaan fayyadaman godheera. “Ani jiraataa dha! ‘Namni jal'aan karaa isaatii akka deebi'uu fi akka jiraatu malee, ani du'a nama jal'aatti hin gammadu. Deebi'aa! Isin yaa mana Israa'el maaliif duutu? Karaa keessan isa hamaattii deebi'aa!’ jedha Waaqayyo gooftaan’ jedhi!” His. 33: 11. WG 393.1

Yeroo cubbamoonni ibidda dhuma hin qabne keessatti dhiphatan, akkasumas, yeroo isaan gaannam keessatti gidirfamanii iyyaan Waaqayyo ni gammada jennee yoo amanne yookiin yoo yaadne Waaqayyoof bu’aa maaliitu argama. Wawwaannaan dhiphina isaanii gurra Waaqa Isa jaalalli isaa dhuma hin qabnee keessatti muuziqaa minya’aa ta’uu ni dandaa’aa? Waaqayyo cubbamoota irratti dhiphina dhuma hin qabne fiduun Isaa, cubbuu isa nageenyaa fi toora Yuunivarsii mancaase irratti jibba qabu agarsiisuufi dha jedhanii dubbatu. Kun garuu arrabsoo jibbisiisaa Waaqayyoo irratti dubbatamu dha! Akka wanta walitti fufinsaan boba’uun ibiddichaa sababa Waaqayyo cubbuu jibbuuf ta’eetti fakkeessanii dhi’eessu. Akkaataa barsiisa barsiisota Tiiyoolojii kanaatti, dhiphinni abdii tokko utuu of keessaa hin qabaatin cubbamoota irratti raawwatamu kun, akka cubbamoonni aaranii maraatan gochuu bira darbee akka isaan Waaqayyoon arrabsanii fi abaaran godha. Kun immoo akka isaan ba’aa yakka isaanii of irratti dabalan taasisa. Ta’us garuu, cubbuun haala kanaan bara dhuma hin qabneef akka dabalaa adeemu gochuudhaan ulfinni Waaqayyoo hin dabalu. WG 393.2

karaa barsiisa gantummaa isa waa’ee barabaraan gubachuu barsiisu kanaa hammeenyi biyya lafaatti dhufe tilmaama sammuu namaan olidha. Amantiin Macaafa Qulqulluu inni jaalala, gaarummaa fi gara laafinaan guute, amantii tolchaatiin (superstition) dukkanaa’ee kafana sodaa uffate. Halluu sobaa seexanni amala Waaqayyootti dibe yeroo yaadnu, yoo namoonni Uumaa keenya Isa araara qabeessa sodaatan, rifatanii fi jibban nu ajaa’ibsiisaa? Eenyummaan Waaqayyoo waltajjiwwan lallabaa hedduu irraa bifa jibbisisaa ta’ee biyya lafaa keessatti tatamsa’aa jira; sababa kanaaf jecha namoonni kumaatamatti, akkasumas miliyoonotatti lakka’amaan gantootaa fi shakitoota ta’aniiru. WG 393.3

Tiiyoorii barabaraan gubachuu barumsa sobaa isa daadhii wayinii Baabilon isa ciiggaasisaa, isa isheen saba hundumaa obaafte keessaa isa tokko. Mul 14:8; 17:2. Luboonni Kiristoos gantummaa jabaa kana fudhatanii iddoo qulqullaa’aa irra dhaabbatanii barsiisuun isaanii dhugaadhumatti iccita (dhoksaa) namaaf hin hubatamne dha. Isaan akkuma sanbata sobaa Roomaa irraa fudhatan, barsiisa sobaa kanas ishee irraa fudhatan. Barsiisni kun namoota gaggaarii fi gurguddoo hedduutiin barsiifamaa turuun isaa dhugaadha; haa ta’u iyyuu malee, ifni mata duree kana irratti nuuf ife isaaniif hin ifne. Isaan ifa yeroo isaaniitti isaaniif ife qofaaf itti gaafatamu. Nutis immoo ifa yeroo keenyatti nuuf ifeef itti gaafatamna. Sababiidhuma abboonni keenya kanaan dura barsiisaa turaniif jecha, dhuga ba’umsa sagalee Waaqayyoo dhiifnee barsiisa sobaa duukaa yoo buune, firdii Baabiloonitti faradame keessatti kufna. Daadhii dheekkamsa ishee isa suukanneessaa keessaas ni dhugna. WG 394.1

Barsiisni barabaraa gubachuu kan isaaniif hin liqimfamne baay’een isaanii immoo dogoggora faallaa keessatti kufaniiru. Macaafni Qulqulluun waa’ee Waaqayyoo yeroo dubbatu, Waaqa jaalalaa fi gara laafessa ta’uu Isaa ibsa waan ta’eef, Waaqayyo ibidda Gaannam isa barabaraan gubatutti uumama Isa dabarsee ni kenna jedhanii hin amanan. Garuu, barsiisa “Lubbuun uumamaan hin duutu” jedhu amanuu irraan kan ka’e, sanyiin namaa hundinuu xumura irratti ni fayya jedhanii goolabuu irraan kan hafe filannoo kan biraa hin argan. Namoonni baay’een, akeekkachiisni Macaafa Qulqulluu keessatti caafamanii jiran namoota sodaachisuu fi gara abbomamuutti fiduuf karoorfaman malee kallattiidhaan hin raawwataman jedhanii amanu. Sababa kana irraan kan ka’e, cubbamaan, waan fedhe iyyuu yoo ta’e xumura irratti nan fayya jedhee of-amansiisuudhaan, wanta seerri Waaqayyoo isa irra barabaadu raawwachuu dhiisee gammachuu ofittummaadhaan guutametti gad-of-dhiisee jiraata. Barsiisni ayyana Waaqayyotti ga’isaa haqa Isaa tuffatu akkasii kun, garaa foonii gammachiisuu bira darbee cubbuu keessatti cubbamoota jajjabeessa. WG 394.2

Namni hundinuu ni fayya jedhanii warri amanan, barsiisa isaanii isa lubbuu balleessu kana deggeruuf jecha akkataa isaan heertuu Macaafa Qulqulluu jal’isanii itti hiikan agarsiisuudhaaf, dubbii isaan dubbatan qofa caqasuutu barbaachisa. Tajaajilaan barsiisa lubbuun hundinuu ni fayyiti jedhutti amanu tokko, sirna awwaalcha dargaggeessa amantii hin qabnee fi balaa tasaadhaan du’e tokko irratti heertuu Macaafa Qulqulluu waa’ee Daawitin dubbatu tokko dubbisuuf filate: “Daawit mootichi waa'ee du'a ilma isaa Amnooniif gadduu dhiisee.” 2Sam. 13: 39. WG 394.3

Lallabaan kun itti fufee akkana jedhe: “hireen yookaan carraan warra jireenya cubbuu keessa utuu deddebi’aa jiranii lafa kana gad-dhiisanii adeemanii, tariis jireenya machii utuu jiraatanii warra du’anii, hojii yakkaa isa akka dhiigaa isaan diimessee jiruttii deebi’anii uffata isaanii utuu hin miicatin warra du’anii, yookiis, akkuma dargaggeesicha kanaa shaakala amantii utuu hin qabaatin warra du’anii maal ta’a?” jedhamee si’a baay’ee gaafatameera jedhe. Nuuf Wangeelli quubsaadha; deebiin Macaafa Qulqullus rakkoo hammaataa fura. Amnoon ilmi Daawit nama baay’ee cubbamaa ture; Inni nama cubbuu isaaf hin gaabbine ture, inni ni machaa’e, machaa’ee utuu jiruus ajjeefame. Daawit raajii Waaqayyoo ture; addunyaa isa dhufu keessatti hamaa fi gaarii keessaa wanti Amnooniin mudatu maal akka ta’e beekuutu isa irra ture. Daawit wanta onnee isaatti dhaga’aamee akkamitti ibse: “Daawit mootichi waa'ee du'a ilma isaa Amnooniif gadduu dhiisee erga jajjabaatee booddee, garaan isaa Abiishaalomin in yaade.” Lakk 39. WG 394.4

“Kanaaf iyyuu jecha kana irraa goolabbii maalitu goolabamuu dandaa’a? Dhiphinni barabaraa qaama amantii isaa keessatti kan hin haammatamne ta’uu isaa mitii? Iddoo kanatti, nama hundumaaf qulqullummaa fi nagaa xumuraa, caalaatti gammachisaa, hubannaa caalaa fi arjummaa caalaatu ta’a isa jedhu kan deggeru yaada mo’ataa argina. Inni du’a ilma isaa argee jajjabaate. Maaliif akkana ta’e? Daawit ija raajiitiin yeroo ilaalu, gara jireenya ulfina qabeessaa mucaa isaa fuul-dura jiruu arguu danda’ee ture. Mucaan isaa qorumsa hundumaattii gargar ba’ee, waanjoo cubbuuttii hiikamee, xuraa’ummaa cubbuuttiis dhiqamee erga guutummaa guutuutti qulqullaa’ee booda, wal-ga’ii warra ol-ba’anii fi hafuurota gammadanii keessaa akka inni qooda qabaatu argee ture. Wanti Daawitiin gammachiise tokkichi, llmi isaa jireenya cubbuu fi gidiraa isa ammaa kanattii hiikamee bakka Hafuurri Qulqulluu onnee isaa isa dukkanaa’e irratti hafuura dinqisiisaa baafatu, bakka sammuun isaa ogummaa samii fi jaalala barabaraan hin badnef banamu dhaquu isaati. Inni akkasitti dhaaltota samii warra kaanii wajjin gammachuu samii hirmaachuuf uumama qulqullaa’ee wajjin kan qophaa’e ta’a.” WG 395.1

“Yaada kana keessatti, dhaaltuu samii ta’uun wantoota nuti jireenya keenya isa har’aa keessatti hojjennu irratti kan hin hundoofne; yookiis shaakala jijjirama onnee nuti har’a goonu, amantii keenya isa har’aa fi jireenya amantii har’a qabaannu irratti kan hin hundoofne ta’uu isaa hubanna. WG 395.2

Lubni hojjetaa Waaqayyooti ofiin jedhu kun, akkaataa kanaan dubbii sobaa isa Jannata Qannoo keessatti “Ati dhuguma hin duutu.” “Guyyaa gaafa mukichattii nyaattan, iji keessan ni banama, akka Waaqayyoos ni taatu!” jedhamee bofichaan dubbatame irra deebi’ee dubbate. Cubbamoonni baay’ee hamoo ta’an — warri nama ajjeesan, warri hatanii fi warri ejjan — erga du’anii booda gara jireenya barabaraatti galuuf akka isaan qophaa’an labse. WG 395.3

Namichi heertuu Macaafa Qulqulluu akka kanatti jal’isu kun goolabbii kana irra ga’uu kan inni danda’e maal irratti hundaa’eeti? Innis hima tokkittii isa Daawit eegumsa Waaqayyootti of kennate ibsu irratti hunda’eeti. Onneen isaa “waa'ee du'a ilma isaa Amnooniif gadduu dhiisee erga jajjabaatee booddee, garaan isaa Abiishaalomin in yaade.” Gaddi isaa inni guddaan yeroo murtaa’e booda ni bade, yaadni isaas ilma isaa isa du’e irraa garagalee gara ilma isaa isa lubbuudhaan jiruu fi isa adaba qajeelaa waa’ee balleessaa ofii isaatiif sodaatee ofii isaa ari’atee jiru irratti deebi’e. kun immoo, Amnoon inni macha’anii fi fira dhigaa wajjin saal-quunnamtii geggeesse, battaluma du’e sanatti qulqullaa’ee michummaa ergamootaa waaqaa keessaa hirmaachuuf jecha samiitti godaanuu isaaf ragaadha! Jechi kun, oduu durii (sheekkoo) onnee foonii gammachiisuuf odeeffamudha. Kun barsiisa seexanaa qofa osoo hin taane hojii isaas sirriitti ni hojjeta. Barsiisni akkasii gar-malee xuraa’ummaa kan itti caalchisu ta’uun isaa nu ajaa’ibsiisaa? WG 395.4

Daandiin sobaa barsiisaa tokkicha kanaan faana dha’ame daandii sobaa barsiisonni hedduun irra bu’anii jiran kan biraanis jiraachuu isaa ibsa. Heertuu Macaafa Qulqulluu keessaa jechoonni muraasni yaada ijoo guutummaa heertichaa keessaa kutamanii fudhatamu. Haala kanaan hiikkaa isaanii isa sirrii faalleessanii argamu. Kutaaleen dubbisa Macaafa Qulqulluu gargar citan kun immoo erga jal’ifamanii booda, barsiisa hundeen isaa sagalee Waaqayyoo irratti hin ijaaramne raggaasisuuf jecha akka wabiitti dhi’aatu. Amnoon inni machaa’an samiitti galuu isaa mirkaneessuuf jecha dhuga ba’umsi dhi’aate, warri machaa’an mootummaa Waaqayyootti kan hin galle ta’uu isaanii ilaalchisee dhuga ba’umsa Macaafa Qulqulluu keessatti kenname jiru kan faalleessudha. 1Qor 6:10. Warri mamtoonnii fi amantii hin qabne haala kanaan dhugaa gara sobatti jijjiru. Namoonni hedduuniis haxxummaa isaaniitiin gowwomfamanii siree nageenya sobaa (foonii) namaaf kennu irra ururfamanii rafaniiru. WG 395.5

Utuu namni hundinuu gaafa du’u kallattiidhaan gara samiitti darba ta’ee, silaa jiraachuu caalaa du’a hawwuu ni dandeenya turre. Namoonni baay’een amantaa akkanaa fudhachuu isaanii irraan kan ka’e jireenya isaanii dhabamsiisaniiru. Yeroo rakkina, burjaaji fi abdii kutannaadhaan liqimfaman funyoo jireenyaa kutanii gara gammachuu addunyaa barabaraatti balali’uun salphaa namatti fakkata. WG 396.1

Waaqayyo warra seera Isaa irra daddarban akka adabu sagalee Isaa keessatti ragaa quubsaa kenneera. Waaqayyo araara qabeessa waan ta’eef cubbamoota irratti murtii haqaa hin murteessu jedhanii warri ofii isaani gowwomsan hundinuu gara fannoo Qaraaniyoo qofa ilaaluu qabu. Ilmi Waaqayyoo Inni mudaa tokko illee hin qabne fannoo irratti du’uu isaa “gatiin cubbuu du’a” ta’uu isaa qofa osoo hin taane, seera Waaqayyoo irra daddarbuun hundinuus gatii isaa isa haqa qabeessa argachuu kan qabu ta’uu isaa ragaa ba’a. Kiristoos Inni cubbuu hin qabne namaaf jedhee cubbuu ta’e. Hanga onneen Isaa cabee jireenyi Isaa darbutti waraansa cubbuu baate. Yeroo fuulli Abbaa Isaatii Isa jalaa dhokfamees ni dandamate. Aarsaan kun hundinuu cubbamaan akka fayyuuf taasifame. Karaa cubbamaan adaba cubbuuttii ittiin furamuu danda’u kan biraan tokko illee hin jiru. Araara gatii guddaa akkanaatiin dhi’aate kana keessaa hirmaachuu kan didu hundinuu yakkaa fi adaba cubbuu isaa ofiidhuma isaatii baata. WG 396.2

Waa’ee warra Waaqa-maleeyyii fi qalbii hin jijjirannee, waa’ee warra barsiisonni namni hundinuu xumura irratti ni fayya jedhan (Yuuniversaalistii) akka qulqulootaa, akka ergamoota gammadootti samii keessa ka’anii kana wanta Macaafni Qulqulluu itti dabalaan barsiisu mee haa ilaallu. WG 396.3

“Ani isa dheeboteef burqituu bishaan isa jireenya kennuu irraa tola nan kennaaf.” Mul. 21: 6. Waadaan kun warra dheebotan qofaaf kenname. Bishaanni jireenya akka isaan barbaachisu warra hubatanii fi waan kan biraa hunda dhiisanii warra isa barbaaddatan irraan kan hafe nama kamiif iyyuu hin kennamu. “Inni mo'u kana itti darbee argachuuf jira; ani Waaqayyo isaa nan ta'a, innis ilma koo in ta'a.” Lakk. 7. Iddoo kana irrattis haal-dureetu (ulaagaatu) ka’amee jira. Waan hundumaa dhaaluuf cubbuudhaan mormuu fi isa injifachuu qabna. WG 396.4

Waaqayyo karaa raajicha Isaayasiin akkana jedhee Labseera: “Namni qajeelaan ija hojii isaatti gammaduuf waan jiruuf, gammadi ittiin jedhaa!” “Namni jal'aan garuu wanta nama irratti hojjete hundumaa argachuuf waan jiruuf, isaaf wayyoo!” Isa 3:10, 11. Solomoon inni ogeessichi immoo akkana jedhe: “Namni cubbamaan si'a dhibba hamaa hojjetee bara dheeraa yoo jiraate illee, warri Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura jiraatan isa caalaa gaariitti akka jiran ani beeka. Namni hamaan garuu Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura waan hin deddeebineef, bara isaa akka gaaddisaa dheereffachaa hin adeemu.” Lall 8: 12, 13. Phaawuloosis, warri cubbamoonni “guyyaa dheekkamsaatiif guyyaa firdiin Waaqayyoo inni qajeelaan itti mul'atuuf dheekkamsa” of irratti walitti in qabaa akka jiran, “Waaqayyo” immoo “nama hundumaafuu adda addaan akkuma hojii isaatti gatii” isaa akka kennuuf dubbate. “Dhiphinnii fi gidiraan lubbuu nama hamaa godhu hundumaatti in dhufa.” Room 2:5, 6, 9. WG 396.5

“Namni halaleen, yookiis xuraa'aan yookiis sassataan mootummaa Kiristosii fi mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye beekaa! Namni sassataan waaqayyolii tolfaman waaqessuu isaa ti.” Efe. 5: 5. “Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa! Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa!” Ibr. 12: 14. “Warri uffata isaanii miiccatan haa gammadan! Isaan muka jireenya namaaf kennu bira ga'uudhaaf aboo qabu; karra sanaanis mandarichatti ol in galu. Garuu warri akka saree [waan hundumaa xureessan], warri qoricha namatti godhan, warri halaleen, warri gumaa, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri wanta sobaa jaallatan, warri hojjetanis hundinuu alatti in hafu.” Mul 22: 14, 15. WG 396.6

Waaqayyo waa’ee amala Isaa fi akkaata itti cubbuu adabu ilmaan namootaatti mul’iseera. “Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha. Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka, irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa; haa ta'u iyyuu malee, isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu.” S/Ba’uu 34:6, 7. “Warra jal'oota hundumaa garuu in balleessa.” “Warri irra-daddarbituun garuu wal duukaa in duguugamu, qacceen warra jal'ootaas lafa irraa in balleeffamu.” Faar. 145: 20; 37:38. Humnii fi aboon mootummaa Waaqayyoo fincila dhabamsisuuf jecha hojii irra ni oolfama. Ta’us garuu, akkaata firdiin Isaa inni qajeelaan hojii irra itti oolfamu, amala Waaqayyoo — araara-qabeessummaa, obsaa fi arjummaa Isaa wajjiin kan wal-hin faallesine dha. WG 397.1

Waaqayyo fedha fi murtee namaa kami iyyuu humnaan hin dirqamsiisu. Inni abboomamuu waanjoo garbummaa jalatti isaaf godhamutti hin gammadu. Inni Waaqa jaallatamuun Isaaf malu waan ta’eef, akka uumamni harka Isaa Isa jaallatan fedha. Waa’ee ogummaa, qajeelummaa fi gara laafina Isaa sirriitti beekanii akka Isaaf abboomaman barbaada. Namoonni amala Isaa kana sirriitti hubatan hundinuu, siluma iyyuu amala isaa ajaa’ibsiifatanii gara Isaatti dhihaatan sababa ta’eef Waaqayyoon ni jaallatu. WG 397.2

Qajeelfamni garraamummaa, araaraa fi jaalalaa, inni fayisaa keenyaan barsiifamee fi mul’ifame gara-galcha amalaa fi fedha Waaqayyooti. Kiristoos wanta Abbaa Isaa irra fudhateen ala waan biraa tokko illee akka hin barsiifne dubbateera. Qajeelfamni mootummaa Waaqaa abboommii Fayisaa keenyaa isa “Diinota keessan jaalladhaa” jedhuu wajjin guutummaa guutuutti kan wal-sime dha. Waaqayyo gaarummaa Yuunivarsii fi, akkasumas gaarummaa warra firdii Isaa fudhatanii giddu galeessa godhachuudhaan cubbamoota irratti firdii qajeelaa dabarsa. Inni akka seera mootummaa Isaa fi qajeelummaa amala Isaatti kana gochuu yoo danda’e isaan ni gammachiisa. Inni milikkita jaalala Isaatiin isaan ni marsa, beekumsa seera Isaa isaaniif ni kenna, itti dabalees, kennaa araara Isaatiin isaan faana ni bu’a. Isaan garuu, jaalala Isaa gatii dhabsiisu, seera Isaa ni balleessu, araara Isaas fudhachuu hin barbaadan. Kennaa Isaa walitti fufinsaa fudhachaa Abbaa kennichaa immoo ulfina dhowwatu. Waaqayyo akka Inni cubbuu isaanii jibbu sababa beekaniif jecha isaan Waaqayyoon hin jaallatan. Waaqayyo jal’ina isaan hojjetaniif yeroo dheeraa ni obsa, haa ta’u iyyuu malee, yeroo dhumni isaanii murtii barabaraa itti argatu yeroon murteessaa tokko ni dhufa. Egaa gaafa sana warri finciltootni kun gara isaa akka goraniif jecha fuuncaadhaan ofitti isaan hidhaaree? Fedha Isaas akka hojjetaniif isaan giddisiisaare? WG 397.3

Warri seexana geggeessaa isaanii godhanii fo’atanii fi humna isaatiin to’atamanii jiraatan bakka argama Waaqayyootti seenuuf qophaa’oo miti. Of-tuulummaan, gowwomsaan, kajeellaan foonii, gara jabinni amala isaanii keessatti gad-fageenyaan maxxaneera. Namoota warra biyya lafaa kana irratti jibbaa, akkasumas, tuffachaa turanii wajjin barabaraan jiraachuudhaaf samiitti galuu ni danda’uu? Dhugaan sobaa wajjin tasa walii hin galu; gadi of deebisuun warra ol-ol of qabanii fi kooran hin gammachiisu; qulqullummaan xuraa’ummaa biratti fudhatama hin qabaatu; jaalalli bu’aa giddu galeessa hin godhanne warra mataa isaanii jaallatan biratti fudhatama hin qabu. Egaa, warra bu’aa biyya lafaa fi jaalala mataa isaaniitiin liqimfamanii jiran kanaaf samiin madda gammachuu akkamii isaaniif kennuu dandaa’aree? WG 397.4

Warri bara jireenya isaanii guutuu Waaqayyo irratti fincila geggeessuudhaan dabarsan, akka tasaa gara samitti ol-ba’anii, waa’ee guutummaa (muda-maleeyyummaa) isa guddaa fi qulqullummaa isa yeroo hundumaa achi jiru, — namoota jaalalaan guutaman mara, lubbuu fuulli isaanii gammachuudhaan ife mara, muuziqaa sagalee mi’a’adhaan ulfina Waaqayyoo fi Hoolichaaf dhi’aatu, ifa utuu gargar hin citin fuula Isa teessoo irra taa’ee jiru irraa warra fayyan irratti ifu arguu ni danda’uu? Warri onneen isaanii Waaqayyoon, dhugaa fi qulqullummaa jibbuudhaan guutame tuuta samii fi faaruu galataa isaaniitti makamuu ni danda’uu? Ulfina Waaqayyoo fi Hoolichaa fuul-duras dhaabbachuu ni danda’uu? Lakki, tasa hin dandaa’an; amala mootummaa Waaqayyoo madaalu akka qabaataniif yeroon araaraa isaaniif kennamee ture. Haa ta’u iyyuu malee isaan jechoota samii haasa’uu hin barre, sammuu isaaniis dhugaa jaallachuutti hin leenjifamne waan ta’eef amma yeroon darbeera. Jireenyi fincilaa Waaqayyo irratti geggeeffamaa ture hundinuu samiif kan hin malle isaan taasise. Qulqullinni, muda-maleyyummaani fi nagaan samii dhiphina isaanitti ta’a; ulfinni Waaqayyos ibidda xaph godhu isaanitti ta’a. Isaan iddoo qulqullaa’aa sana keessaa baqachuu hawwu. Fuula Isa isaan fayyisuuf du’e jalaa dhokachuuf jecha badiisa ofitti waamu. Dhumni cubbamootaa kan inni murtaa’u filannoo isaanii irratti hundaa’eeti. Samii keessaa dhibamuun isaanii fedha isaanii irratti hundaa’eeti. Waaqayyo garuu gaafa hundumaa iyyuu qajeelaa fi araara qabeessa. WG 398.1

Akkuma bishaan badiisaa, ibiddi guyyaa guddicha isa dhufuuf jiru sanaa firdii Waaqayyoo fi cubbamoonni kan hin fayyine ta’uu isaanii mul’isa. Cubbamoonni aboo Waaqayyotiif hin bitaman. Fedhi garaa isaanii hojii fonqolchaa adeemsisuu irratti bobba’ee yeroo dheeraa waan dabarseef jecha, yeroo jireenyi xumuramu, yaada isaanii isa ammaa gara kallattii fallaatti deebisuuf, dandii cubbuu irraa gara abboomamuutti deebisuu fi jibba irraa gara jaalalattii deebiisuuf yeroon baay’ee kan barfate ta’ee argama. WG 398.2

Waaqayyo Qaa’el isa ajjeessaa qusachuudhaan, cubbamaan Waaqayyoof hin bitamne jireenya abboomamuu diduudhaan guutame geggeessaa itti fufee akka inni jiraatuuf eyyama kennufiin balaa inni hordofsiisuu danda’u maal akka inni ta’e biyya lafaatti agarsiiseera. Dhiibbaa barsiisaa fi jireenya Qaa’el irraan kan ka’e horteen Qaa’el danuun isaanii hamma “jal’inni namaa lafa irratti baayatu” fi “wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jal’aa duwwaa ta’utti” cubbuu hojjechutti geggefamaniiru. “Lafti immoo fuula Waaqayyoo duratti manca’aa ta’e, humnaan wal irratti ka’uudhaanis in guute.” S/Uum. 6:5, 11. WG 398.3

Waaqayyo araara biyya lafaatiif qabu irraan kan ka’e jiraattota (namoota) jal’oota bara Nohin keessa ishee irra turan haxaa’ee balleesse. Waaqayyo araara Isaa irraan kan ka’e namoota xuraa’ota Sodoom keessa jiraachaa turan balleesse. Namoonni yakka hojjetan geggeessaa humna gowwomsaa seexanaatiin deggeramanii beekamtii fi iddoo olaanaa argatu. Akkataa kanaanis yeroo hundumaa namoota warra kaan fincilatti geggeessu. Bara Qaa’elii fi Nohiitti, akkasumas bara Abraahamii fi Looxitti akka kana ture; bara keenyattis akkuma kana dha. Waaqayyo xumura irratti warra araara Isaa fudhachuu didan kan inni balleessu araara Yuunivarsiif qabu giddu galeessa godhateeti. WG 398.4

“Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kioristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.” Room. 6: 23. Jireenyi dhaala qajeelotaa yeroo ta’u, du’i garuu hiree cubbamootaati. Museen saba Israa’eliin akkana jedhe: “Ilaa! Ani har'a wanta gaarii fi jireenya, wanta hamaa fi du'a isin dura kaa'eera.” K/Deeb. 30: 15. Duuti inni heertuu kana keessatti caqafame du’a isa Adaam irratti labsame miti. Sababiin isaa sanyiin namaa hundinuu gatii irra daddarbaa isaa adaba ni fudhata waan ta’eef. Inni faallaa jireenya barabaraa kan ta’e “du’a lammaffaadha.” WG 399.1

Sababii cubbuu Adaamiif jecha, duuti sanyii namaa hundumaatti darbe. Namni hundinuu gara awwalchaa ni dhaqa. Garuu karaa kennaa karoora fayyinaa hundinuu awwalaa isaanii keessaa ni kaafamu. “Warra qajeelotaa fi warra jal'ootaafis du'aa ka'uun” jira. “Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka du'an, akkasuma immoo harkisaa Kiristoosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu.” H/Erg. 24:15; 1Qor. 15: 22. Garuu gartuu du’aa kaafaman kana lamman gidduutti garaagarummaan ni godhama. “Warri du'anii awwaalaman sagalee isaa yeroon itti dhaga'an in dhufa. Isaan awwaala keessaa in ba'u, warri waan gaarii hojjetan jireenya argachuudhaaf in ka'u, warri waan hamaa hojjetan immoo firdiitti dhiyaachuudhaaf in ka'u.” Yoh 5:28, 29. Warri du’aa ka’uu jireenyaa keessaa “qooda qaban” “kan qulqullaa'anii fi eebbifamanii dha!” “Duunni lammaffaan warra akkasii irratti humna hin qabu.” Mul. 20: 6. Garuu warri karaa qalbii jijjirrannaa fi amantii araara Waaqayyoo harka keessa hin galfatin, cubbuu isaaniif adaba — “gatii cubbuu” fudhachuu qabu. Isaan “akkuma hojiin isaaniitti” dheerinnii fi ulfaatinni adaba isaanii garaagara ta’a. Garuu jireenyi isaanii du’a lammaffaatin xumurama. Waaqayyo Waaqa araaraa fi qajeelaa sababa ta’eef cubbamaa cubbuu keessatti fayisuu hin danda’u. Jireenya isaa isa cubbuun balleessee fi isa ofiidhuma isaatii kan waa’ee hin baafne godhe sana harkaa fuudha. Barreessan Hafuura Waaqayyootiin geggefamee barreesse akkana jedhe: “Inni jal'aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru.” Raajiin kan biraanis akkana jedhee dubbateera: “Akka waan hin jirrees in ta'u.” Faar. 37: 1; Oba. 1: 16. Isaan salphinan haguugamanii abdii kutannaa fi irranfatamuu barabaraa keessatti gadi dhidhimu. WG 399.2

Cubbuun, akkasumas boo’ichi fi badiisi warri firii cubbuu ta’an akkaataa kanaa gara xumuraatti dhufu. Daawit abbaan faarsaa akkana jedha: “Ati saba lafa irraa hundumaa ifattee, warra jal'ootas balleessitee, maqaan isaaniis yeroo hundumaa baruma baraan akka hin yaadatamne in goote. Diinonni bara baraan caccabanii dhumaniiru, ati mandaroota isaanii iddoodhaa balleessiteetta, seenaan isaaniis badeera.” Faar 9:5, 6. Yohaannis yeroo Mul’ataa keessatti mootummaa barabaraa arge, faaruu galataa sagalee Noottaa tokkoon illee jeequmsa hin qabne dhaga’e. Uumamni samii fi lafa irra jiran hundinuu yeroo isaan Waaqayyoof ulfina kennantu dhagaa’ama. Mul 5:13. Yeroo sanaan booda lubbuun baduu fi ibidda barabaraa keessatti dhiphatee Waaqayyoon arrabsu tokko illee hin jiraatu; cubbaman gaannam keessa taa’ee iyyi isaa faaruu warra fayyanii wajjin wal- maku hin jiraatu. WG 399.3

Dogoggora bu’uraa “lubbuun uumaman hin duutu” jedhu keessa barsiisa “namni erga du’ee booda of-beeka” jedhutu jira- Barsisni kun, akkuma barsiisa barabaraan gubachuu, barsiisa yaada sammuu fi miira namummaa keenyaa keessaa maddu, faallaa barsiisa Macaafa Qulqulluuti. Akka amantii beekamaatti, namoonni erga du’anii booda samiitti godaanan waan lafa irratti raawwatamu, keesumaa immoo jireenya michoota isaanii warra biyya lafaa irratti hafan keessatti wanta raawwatamu beeku jedhanii baayyonni amanu. Haa ta’u iyyuu malee, rakkina warra jireenyatti jiranii beekuun, cubbuu michootni isaanii warri jaallatamoon hojjetan arguun, akkasumas, gadda, dhiphinaa fi gidiraa jireenya keessatti isaan mudatu arguun akkamitti warra du’anii jiraniif madda gammachuu ta’uu dandaa’a? Michoota isaanii warra biyya lafaa keessatti hafan kana irra warri naanna’an (marsan) hangam gammachuu samii dhandhamachuu danda’u? Barsisni inni lubbuun warra qalbii hin jijjirrannee battaluma hafuurri isaanii qaama isaaniittii gargara ba’utti gara ibbidda gaannamitti gadi bu’a jedhu hammam fincila kaasa! Michootni isaanii warri utuu qalbii hin jijjirratin gara awwalchaa dhaqan yeroo isaan darbanii gara wawwaannaa barabaraa dhaqan arguun gadda gadi fagoo akkamiitiin onnee isaanii guuta! Namoonni baay’ee yaada gaddisisaa kana irraan kan ka’e gara maraatummaatti oofamaniiru. WG 399.4

Waa’ee kanaa ilaalchisee heertuun Macaafa Qulqulluu maal jedha? Daawit, namni erga du’ee booda kan of-hin beekne ta’uu isa dubbata. “Yeroo hafuurri isaa keessaa baatu, inni deebi'ee biyyoo in ta'a; guyyuma sanas akeeki isaa in bada.” Faar. 146:4. Solomoonis dhuga ba’umsa wal-fakkataa qaba: “Warri jiran akka du'an beeku, warri du'an garuu waan tokko iyyuu hin beekan.” “Jaalalli isaanii fi jibbi isaanii, hinaaffaan isaaniis egaa badeera; wanta aduu jalatti hojjetamu hundumaattiis si'achi qooda tokko illee hin qaban.” “Iddoo lafa jalaa lafa dhaquuf jirtu sana, hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.” Lall 9:5, 6, 10. WG 400.1

Yeroo Waaqayyo umurii isaa irratti wagga kudha shan dabaluufiidhaan deebii kadhata isaa isaaf kenne, mootichi Hisqiyaas araara Waaqayyoo isatti agarsiise sana ilaalchisee galata guddaa Waaqayyoof dhi’eesse. Faaruu isaa kana keessatti sababa maaliitiif gammachuu guddaa akkanaa akka gammade dubbateera: “Idoon lafa jalaa si hin galateeffatu, duunis si hin faarfatu; warri du'anii boollatti gad bu'an amanamummaa kee hin abdatan. Akkuma ani har'a si galateeffadhu, warra jireenyatti jiran duwwaatu si galateeffata.” Isa 38:18, 19. Har’a garuu Barsiisni qu’annoo amantii (Tii’oloojii) bebbeekamoo baay’een isaanii, akka wanta qulqullonni warri du’a gammachuu samii keessa jiranii fi arraba hin duunen Waaqayyoon galateefachaa jiraniitti fakkeessanii dhi’eesu. Mootichi Hisqiyaas garuu du’a keessatti abdii ulfina qabeessa akkasii hin argine. Inni dubbii dubbate keessatti dhuga ba’umsa abbaa faarsaa wajjin walii galuu isaa mul’ise: “Erga du'ee namni si yaadatu hin jiru, iddoo lafa jalaa keessaa immoo eenyutu si galateeffata?” “Warri du'oon, iddoo warra calluma jedhaniitti kan gad bu'an, Waaqayyoon jajachuu hin danda'an.” Faar. 6: 5; Faar. 115: 17. WG 400.2

Pheexiroos waa’ee Daawitiin isa abbaa amantii ilaalchisee gaafa guyyaa Pheenxeqoosxee “inni du'eera awwaalameeras, awwaalli isaas hamma har'aatti iyyuu nu bira jira,” “Daawit ofii isaa gara waaqaatti ol hin baane” jedhee dubbate. H/Erg 2:29, 34. Daawit hanga guyyaa du’aa ka’uutti awwalcha keessa turun isaa qulqullonni battala du’anitti gara samii kan hin dhaqne ta’uu isaa nuuf mirkaneessa. Daawit xumura irratti gara mirga Waaqayyoo taa’uu kan inni danda’u, karaa du’aa ka’uu fi Kiristoos du’a injifatee ka’uu Isaa amanuu qofaadhani. WG 400.3

Ergamaan Phaawuloos akkana jedha: “Warri du'an hin kaafaman erga ta'ee, Kiristoosis immoo du'aa hin kaafamne. Kiristoos du'aa hin kaafamne erga ta'ee, amantiin keessan immoo waa'ee hin baasu, cubbuun keessan ammuma iyyuu isin irra jira. Yoos immoo warri Kiristoositti amananii obbaafatan baduu isaaniiti.” 1 Qor 15:16-18. Waggoota kuma afur guutuuf cubbamoonni battaluma du’an gara samiitti galaa turan yoo ta’e, akkamitti Phaawuloos du’aa ka’uun yoo hin jiru ta’e “warri Kiristoositti amananii obbaafatan baduu isaaniiti” jedhee dubbachuu danda’e. Yoo akkana ta’e du’aa ka’uu hin barbaachisu ture. WG 400.4

Kitimamtichi Tiyendil waa’ee haala warra du’anii ilaalchisee akkana jedhe: “Isaan, yeroo ammaa kana, iddoo ulfina qabeessa Kiristoosii fi ergamoonni warri filatamoon keessa jiran keessa jiru jedhee hin amanu. Kun tuqaa amantii kootii mitis. Sababiin isaa, yoo kun dhuguma ta’e, namoonni fooniin du’aa ka’uu isaanii ilaalchisee lallabni lallabamu kan waa’ee hin baafne ta’uu isaatu natti dhagaa’ama.” —William Tyndale, Preface to New Testament (ed. 1534). Reprinted in British Reformers—Tindal, Frith, Barnes, page 349. WG 401.1

Namni du’a keessatti barabaraan jireenya eebbaa jiraata jedhee yaadni namoota abdachiisu, akka namoonni hedduun waa’ee du’aa ka’uu ilaalchisee barsiisa Macaafa Qulqulluu dagatan gochuun isaa haqa hin haalamne dha. Waa’ee kanaa ilaalchisee wanti Dr. Addaam Kilerk dubbate akkana jedha: “Waa’een barsiisa du’aa ka’uu Kiristiyaanota bara har’aa caalaa Kiristiyaanota bara duriitiin barsiifamaa waan ture fakkaata! Kun akkamitti ta’uu danda’ee? Bartootni waa’ee kanaa irra deddeebi’anii barsiisuu qofa osoo hin taane, akka amantootni dhugaa kanatti ciman, dhugaa kanatti gammadanii fi dhugaa kanaaf abboomamaniif isaan dadamaqsaa turan. Dhaaltonni bara har’aa keessa jiran garuu waa’ee isaa baay’inaan hin dubbatan! Ergamoonni lallabaniiru, Kiristiyaanonni bara duriis ni fudhatan; nutis har’a akkuma isaanii ni lallabna, dhaggefattoonni keenyas nu amanu. Macaafa Qulqulluu keessa waa’ee du’aa ka’uu caalaa barsiisni xiyyeeffannoo olaanaadhaan barsiifame hin jiru; akkuma kana immoo, lallaba bara har’aa keessatti waa’ee du’aa ka’uu caalaa wanti dagatame hin jiru.” — Commentary, remarks on 1 Corinthians 15, Paragraph 3. WG 401.2

Haalli kun, hanga dhugaan ulfina qabeessi waa’een du’aa ka’uu ilaalchisee caafamee jiru guutummaa guutuutti dukkaneefamuu fi ija namootaa duraa badutti itti fufee ture. Kana irraan kan ka’e, barressaan amantii beekamaa tokko jecha Phaawuloos 1 Tas 4:13-18 dubbate irratti yaada yeroo kennu akkana jedhe: “Jajjabina qabatamaa hundumaa qabaachuuf barsiisni eebbifamaan inni qajeelonni kan hin duunedha jedhu bakka barsiisa dhufaatii Gooftaa isa lammataa isa shakkiidhaan guutee nuuf qabata. Yeroo nuti duunu Gooftaan nuuf dhufa. Wanti nuti eggachu fi dammaqnee eeguu qabnu isa kanadha. Yeroo sana warri du’an gara ulfinaatti darbaniiru. Firdiin akka isaaniif kennamuufis ta’e eebba argachuuf hanga fiingeen afuufamutti hin eegan.” WG 401.3

Garuu Yesuus Kiristoos yeroo bartoota Isaa dhiisee adeemuuf ture, akka isaan dhihootti gara Isaa dhaqan isaanitti hin himne. “Dhaqeen iddoo isiniif qopheessa” isaaniin jedhe. “Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha.” Yoh. 14: 2, 3. Phaawuloos itti dabalee: “Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a; warri Kiristoositti amananii du'an dura in kaafamu. Kana booddee nuyi warri utuu hin du'in hafne immoo, isaanumaa wajjin qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamna; ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna” jedhee nutti hima. Itti dabalees: “Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa!” jedha. 1Tas. 4:16-18. Sagalee jajjabinaa isa iddoo kana irratti caqafamee fi isa armaan olitti lallabaa warra “lubbuun hundinuu xumura irratti ni fayyiti” jedhanii amananiin (Yuuniversaalistii) caqafamee gidduu garaagarummaa hammam bal’aatutu jira! Inni lammaffaan warra firoota isaanii du’aan dhabanii gaddan yeroo jajjabeessu, namni du’e tokko hammam cubbamaa kan ture yoo ta’e illee, yeroo hafuura baafannaa isa xumuraa dabarsee kennu ergamoota biratti fudhatama abdii jedhu isaaniif kenne. Phaawuloos immoo gara dhufaatii Gooftaa isa gara fuul-duraatti, akkasumas gara guyyichi isa gaafa hidhaan awwalchaa cite “warri Kiristoositti boqotan” du’aa ka’an sanatti sammuu amantootaa qajeelchuudhaan isaan jajjabeesse. WG 401.4

Namni kam iyyuu gara mana warra eebbifamaniitti utuu hin galin fuul-dura, dhimmi isaanii sakatta’amuu qaba, akkasumas, amallii fi hojiin isaanii fuula Waaqayyoo duratti ilaalamee darbuu qaba. Namni hundinuu wantoota macaafota keessatti waa’ee isaatiif caafamee jiru irratti hundaa’ee murtii fudhata. Akkaataa hojii isaattis badhaasa argata. Murtiin kun immoo kan inni raawwatamu yeroo namni du’u miti. Jecha Phaawuloosiin qalbifadhaa: “Guyyaa itti harka nama fo'ate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaa'eera; namicha fo'ate sana du'aa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera.” H/Erg. 17: 31. Ergamaan kun iddoo kanatti gara fuul-duraatti guyyaan firdii biyya lafaa yeroo adda ba’eetti murtaa’ee ka’amee kan jiru ta’uu isaa ifa godhee kaa’a. WG 402.1

Yihudaaniis waa’ee yeroo wal-fakkataa kanaa akkas jedhee ibsa: “Isa Waaqayyo ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa taa'umsa isaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa bara baraatiin dukkana jalatti hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegu yaadadhaa!” Itti fufee immoo dubbii Heenok dubbate irra deebi’ee dubbata: “Kunoo, gooftichi kumaatama qulqulloota isaa wajjin in dhufa! Inni nama hundumaa irratti faraduudhaaf” in dhufa. Yihu 6, 14, 15. Yohannis abban Mul’ataa “Warra du'anis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii” akka “arge” “Macaafonni” akka “banaman; …warri du'an immoo akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii” akka “argatan” arguu isaa dubbata. Mul. 20: 12. WG 402.2

Garuu warri du’an gammachuu samii dhandhamachaa jiru yoo ta’e yookiis ibidda gaannam keessitti gubachaa jiru yoo ta’e, firdiin gara fuul-duratti kennamuuf jiru maaliif barbaachise? Tuqaa barbaachisaa kana irratti barumsi Macaafa Qulqulluutiin kennamee jiru dhokata yookiis kan wal-faallessu miti; sammuun nama kamii iyyu hubachuu ni danda’a. Haa ta’u iyyuu malee, tiiyoorii yeroo kanaa keessaa sammuun dhugaa barbaadu ogummaa yookiin haqa (qajeelummaa) maalii arguu dandaa’a? Qulqulloonni erga haalli isaanii fuula murtiitti qoratamee booda, erga baroota dheeraa fuula Waaqayyoo dura jiraatanii booda, sagalee jajannaa isa “‘Ba'eessa goote, hojjetaa gaarii dhaa fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!” jedhu fudhatuu? Yookiis immoo, warri cubbamoonni abbaa murtii biyya lafaa harkaa murtii isaanii isa “‘Isin abaaramoo nana, na biraa adeemaa! Gara ibidda bara baraa isa Seexanaa fi ergamoota Seexanaatiif qophaa'e dhaqaa'!” jedhu fudhachuuf jecha gaannam keessaa waamamuu? Maat. 25: 21, 41. Kun qoosaadha! Himata leyyaasisaa qajeelummaa fi ogummaa Waaqayyoo irratti dhi’aatudhas! WG 402.3

Tiiyooriin “lubbuun hin duutu” jedhu barsiisa sobaa Roomaan amantii waaqa tolfamaa irraa ergifattee waldaa Kiristiyaanaa keessa galchite keessaa isa tokko dha. Maartiin Luutar barsiisa akkanaa kana: “oduu durii xuraa’oo qaama labsii (barsiisa) Roomaa isa akka tuullaa Kosii ijaaran” keessatti ramada. — E. Petaval, The problem of Immorality, page 255. Haaressaan kun, warri du’an waan tokko illee kan hin beekne ta’uu isaanii ilaalcisee jecha Solomoon Macaafa Lallabaa keessatti barreesse irratti yeroo yaada kennu akkana jedhe: “Warri du’an wanta tokko illee kan hin beekne ta’uu isaanii kutaan nuuf raggasisuu inni kan biraan isa kana dha. Ogeessichi akkana jedha. Achi hojiin, saayinsii, beekumsi, ogumman hin jiru. Solomoon, warri du’an kan rafan ta’uu isaanii, wanti tokkos kan isaanitti hin dhagaa’amne ta’uu isaa dhugaa ba’a. Warri du’anii awwalcha keessa jiran guyyootas ta’e waggoota lakkaa’uu hin dandaa’an, yeroo du’aa ka’aniis umurii daqiiqaa tokkoo illee waan rafan isaanitti hin fakkaatu.” Martin Luther, Exposition of Solomon’s Book called Ecclesiastes, pp 152. WG 402.4

Toloonni battaluma du’an gara badhaasa barabaraatti, jal’onni immoo gara adaba du’aatti kan darban ta’uu isaanii kan ibsu wanti tokko illee Macaafa Qulqulluu keessatti hin caqafamne. Yesuusii fi bartoonni Isaas waa’ee kanaa ilaalchisee yaada tokko illee hin kennine. Macaafni Qulqulluun, warri du’an battaluma sanatti gara samii akka hin dhaqne dubbata. Isaan hanga guyyaa du’aa ka’uutti akka nama rafeetti boqotanii kan turan ta’uu isaaniitu ibsame. 1Tas. 4:14; Iyoob 14:10-12. Guyyaa gaafa bu’aa dhagna namaa keessaa wanti akka fo’aa meetii cituu fi inni akka harkee warqee irraa hojjetame cabu yaadni namaa ni bada. Lall 12:6. Warri iddoo awwalchaatti gadi bu’an callisuu guddaa keessa jiru; wanta aduu jalatti hojjetamuus tasa waan beekan hin qaban. Iyob 14:21. Nama qajeelaa dammaqinaan hojjetee dadhabeef yeroo boqonnaa eebbifamaa ta’a. Umuriin isaan awwaalcha keessatti dabarsan yoo dheeraates yoo gabaabbates isaanitti hin beekamu. Isaan ni rafu, sanaan booda immoo fiingee Waaqayyootiin jireenya ulfina qabeessa hin duunetti ni ka’u. “Malakanni in afuufama, warii du'an immoo bifa hin badneen in kaafamu… Wanti hin badne iddoo wanta badu kanaa yommuu bu'u, wanti hin duunes iddoo wanta du'u kanaa yommuu bu'u, inni, “Duuni badduu ba'e, mo'ichi argameera” jedhame ni raawwatama. Hirriba isaanii isa gadi fagoo keessaa yeroo waamaman, sammuun isaanii iddoo itti yaaduu dhaabee kaasee yaadu eegalu. _ Mirri isaanii inni dhumaa isa gaafa du’aan waraanamaniiti; yaadni isaanii inni dhumaa immoo isa gaafa humna hawwaalaa jalatti kufaniiti. Yeroo awwalcha keessaa ba’an, yaadni gammachuu isaanii inni jalqabaa sagalee malakataatiin dhagaa’ama: “Mo’ichi kee merree yaa du’aa? Arfiin kees meerree yaa si’ol (awwalaa).” — 1 Qor 15:55. WG 403.1