Wal’aansoo Isa Guddaa
Boqonnaa 17—Labsitoota Barii Ganamaa
Dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti mul’ate hundumaa irra caalaa murteessaa fi kabajamaa kan ta’e tokko Kiristos hojii fayyisuu isaa xumuruuf isa inni deebi’ee dhufuudha. Saba Waaqayyoo warra “naannoo fi gaaddidduu du’aa” jala yeroo dheeraaf jooraniif abdiin gati jabeessii fi gammachiisaan mul’achuu abdii isa “du’aa ka’uu fi jireenya” ta’ee “warra ari’ataman gara manaatti deebisee fiduuf” abdachiiseen kennameera. Barsiifni dhufaatii lammataa furtuu caafata qulqullaa’aati. Guyyaa gaafa maatiin warri jalqabaa lamaan gaddaan faana isaanii Eedeen keessaa fudhatanii kaasee ijoolleen amantii dhufaatii isa human badiisaa sana cabsee gara Jannata badeetti isaan deebisuuf abdachiifamee eeggachaa turan. Qulqulloonni bara durii ulfinaan dhufuu Masihii akka xumura abdii isaaniitti ilaalaa turan. Henok inni warra Eeden keessa jiraataa turan irraa dhaloota torbaffaa ta’e, inni jaarraa sadiif lafa irra jiraatee Waaqayyoo wajjin adeeme, dhufaatii fayyisaa fagootti akka ilaaluuf isaaf heyyamamee ture. Inni waa'ee isaan kanaa immoo raajii dubbatee, “Kunoo, gooftichi kumaatama qulqulloota isaa wajjin in dhufa! Inni nama hundumaa irratti faraduudhaaf taa'ee nama adduma addaan in adaba” jedhe. Yihu. 14, 15. Iyyoob inni abbaa amantii ta’e halkan dhiphinaa sana keessatti amanannaa hin sochooneen akkas jedhee dubbate: “Furiin koo jiraataa akka ta'e, guyyaa booddeettis lafa irratti dhugaa baasuudhaaf akka inni ka'u ani beeka… Ani ofii kootii isa nan arga; anumatu ija kootiin isa arga malee, kan biraa miti; ani garuu isa yaaduu irraa kan ka'e nan gaggabe.” Iyyoob 19:25-27. WG 237.1
Dhufaatiin Kiristos inni mootummaa qajeelummaa hundeessuuf dhufu barreesitoonni warri qulqulloonni dubbii isaanii akka onnee tuquu danda’utti akka barreesaniif isaan daddammaqse. Barreesitoonni Walaloo fi raajoonni Macaafa Qulqulluu barreessan dhimma kana irratti jechi isaanii ibidda samiitiin akka callaqisu godhanii kaa’aniiru. Abbaan Faarfannaa waa’ee humnaa fi kabaja mootii Israa’eliin faarfatee ture: “Tulluu mandara Xiyoon isa miidhagummaatti guutuu ta'e irraa, Waaqayyo keenya in dhufa, callumas hin jedhu... Inni saba isaatiif firdii kennuudhaaf, bantiiwwan waaqaa warra gara olii jiran, lafas itti in waama.” Faar.50:2-4. “Bantiiwwan waaqaa haa gammadan, laftis gammachuu haa qabaatu, Kun fuula Waaqayyoo duratti in ta'a… inni in dhufa, eyyee, inni lafaaf firdii kennuudhaaf in dhufa; guutummaa biyya lafaaf qajeelummaadhaan saba hundumaafis amanamummaadhaan firdii in kenna.” Faar.96:11-13. WG 238.1
Raajichi Isaayaas akkas jedhe: “Warri kan keetii garuu in jiraatu, reeffi isaaniis du'aa in ka'a; isin warri awwaala keessa ciiftan, ka'aa, gammadaa faarfadhaa! Yaa gooftaa, fixeensi ati ergitu fixeensa jireenya kennuu dha, egaa laftis ekeraa warra du'anii ol in baafti. Raawwatees du'a in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa; guutummaa biyya lafaa irratti arrabsamuu saba isaa irra ture irraa in fageessa; Waaqayyo kana dubbateera. Yommus isaan, Ilaa inni Waaqayyo keenya! Inni nuyi, ‘Nu fayyisa’ jennee eeggachaa turre isa; inni nuyi amanannes isa; kottaa fayyisuu isaatti in gammannaa, in ililchinas in jedhu.” Isaa. 26:19; 25:8, 9. WG 238.2
Anbaaqom mul’ata qulqullaa’aatiin liqimfamee dhufa isaa yeroo ilaale “Waaqayyo inni qulqulluun biyya Temaanii, tulluu Phaaraan irraa in dhufa; surraan isaa bantiiwwan waaqaa, galanni isaas biyya lafaa irra in guuta; ifni ulfina isaatiis akka ifa aduu ti,” Yommuu dhaabatu lafa in rom'isiisa, mil'uu ija isaatiinis saba lafa irraa in hollachiisa; tulloonni durii durii caccabanii in hurraa'u, gaaronni dur turanis lafatti in dabalamu; karaan inni irra adeemu garuu bara baraan in jiraata… Yaa Waaqayyo! Ati lagootatti in aartee? Burqootattis in dheekkamtee? Yommuu fardeen kee yaabbatte, konkolaataa mo'umsa kee irras teesse, galaanotatti in aartee?... tulloonni si arganii in hollattan, bokkaa yandoon in roobe, tuujjubnis huursee, dha'aan isaa ol in ka'e. Yommuu xiyyi kee isaanitti calaqqisee eeboon kee isaanitti ifu, aduunii fi ji'i calluma jedhanii iddoo isaanii in dhaabatan… ati saba kee fayyisuudhaaf gad in baata, isa dibame sanas oolchuuf in dhufta; dura-buutuu warra jal'ootaa lafatti in rukutta, mataadhaa hamma miillaatti qullaatti in hambifta.” Anba.3:3, 4, 6, 8,10,11,13. WG 238.3
Fayyisaan yeroo bartoota isaa irraa adda ba’uuf jedhe deebi’ee akka dhufu isaaniif mirkaneessuudhaan gadda isaanii keessatti isaaniin jajjabeesse: “Garaan keessan hin raafamin… Mana abbaa koo keessa iddoon jireenyaa baay'eetu jira… iddoo jiru sana isiniif qopheessuudhaaf nan adeema. Yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiru isinis akka jiraattaniif deebi'ee dhufeetan gara ofii kootiitti isin fudhadha.” Yoh. 14:1-3. “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a. 32 Yommus namoonni biyya lafaa nundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu; tikseen, hoolota re'ootattii akka gargar fo'u, innis namoota sana gargar in fo'a.” Maat.25:31, 32. WG 238.4
Ergamoonni warri erga Kiristos ol ba’ee booda gaara Ejersaa irra turan abdii deebi’ee dhufuu isaatii irra deebi’anii bartootatti dubbatan: “Yesus, inni isin biraa gara waaqaatti ol fudhatame kun, akkuma amma itti gara waaqaa dhaquu isaa argitan kanatti immoo, deebi'ee in dhufa jedhaniin.” H/Erg.1:11. Phaawulos ergamaan hafuuraan kakaafamee akkas jedhee dhugaa ba’e: “Sagaleen guddisee nama abboomu, sagaleen angafa ergamootaa in dhaga'ama, malakanni Waaqayyoos in afuufama. Kana hundumaa wajjin gooftaan waaqa irraa gad in bu'a.” 1Tas.4:16. Raajiin Phaaximoo akkas jedha: “Kunoo, inni duumessaa wajjin dhufuuf jira; iji hundinuu isa ilaaluuf jiru.” Mul.1:7. WG 238.5
“Durumaa jalqabee Waaqayyo afaan qulqulloota raajota isaatiin dubbachaa kan ture raawwate, hundumaa hamma iddootti deebisutti” (H/Erg. 3:21) jedhee waa’ee ulfina dhufa isaa walitti qabee dubbate. Kana booda bittaan hamminaa inni bara dheeraaf itti fufee ture in caba; “Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis ta'eera; inni immoo baraa hamma bara baraatti in mo'a.” Mul.11:15. “Yommus ulfinni Waaqayyoo in mul'ata, Waaqayyo ofii isaatii kana waan dubbateef, namni hundinuu kana arguuf jira in jedha.” “Waaqayyo gooftaan, qajeelummaanii fi galanni afaan saba lafa irraa hundumaa keessaa akka dhaga'amu in godha.” “Guyyaa sanatti Waaqayyo gooftaan maccaa, saba isaa warra hafaniif, gonfoo ulfinaa fi mi'a miidhaginaa in ta'aaf;” Isaa. 40:5; 61:11; 28:5. WG 239.1
Bara dheeraaf eegamaa kan ture mootummaan Masihii inni nagaa guutummaa samiitti kan inni hundeefamu yeroo Sanaa dha. “Ani Waaqayyo Xiyoonin nan jajjabeessa, wanta ishee duraa diigame hundumaaf nan oo'a; lafa onaa ishee akka iddoo dhaabaa Eden, lafa duwwaa ishees akka iddoo dhaabaa kootii nan godha; gammachuu fi ililleen achi keessatti in argamu, galannii fi sagaleen faarfannaa achi keessaa in dhaga'amu.” “Baay'isee in daraara, gammadees in faarfata, ulfinni Liibaanon isaaf in kennama, surraan Qarmelosii fi dachaan Shaaron isaaf in dabalama; ulfinni Waaqayyo gooftaa maccaas achitti in argama.” “Ati si'achi, Ishee gad dhiifamte hin jedhamtu, ati, Ishee ani jaalladhu biyyi kees, Ishee abbaa manaa qabdu in jedhamti; Waaqayyo si jaallata'o, biyyi kees abbaa manaa in argatti. Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, akkasuma ilmaan kee si fudhatanii qabeenya isaanii si in godhatu; akkuma dhirsi misirroo misirroo isaatti gammadu, akkasuma Waaqayyo kees sitti in gammada.” Isaa. 51:3; 35:2; 62:4,5. WG 239.2
Dhufaatiin gooftaa bara hundumaa keessa abdii hordoftoota isaa warra dhugaa ture. Abdii gooftaan waa’ee deebi’ee dhufuu isaatii gaara Ejersaa irratti dubbate gammachuu fi abdii gaddi dhaamsuu yookiin qorumsi dukkaneessuu hin dandeenyeen onnee isaanii guute. Dhiphinaa fi ari’atamuu keessatti “mul'achuun Waaqayyo keenya isa guddichaa fi fayyisaa keenyas Yesus Kristos” “abdii keenya isa eebbifamaa dha.” Kiristiyaanonni Tasaloonqee fira isaanii warra jiraatanii du’a gooftaa argu jedhanii abdatan awaaluudhaan yeroo gaddaan guutaman barsiisaan isaanii Phaawulos gara du’aa ka’uu isa yeroo fayyisaan dhufu raawwatamu isaan argisiise. Kana booda warri Kristositti amananii du'an dura in kaafamu, qilleensa keessatti gooftaa simachuudhaaf duumessa keessa ol in butamu. “Ergasii yeroo hundumaa gooftaa bira in jiraanna. Kanaafis dubbii kanaan wal jajjabeessaa!” 1 Tasa. 4:16-18. WG 239.3
Phaaximoo bakka dhagaa keessa taa’ee bartuun jaallatamaan abdii, “Ani dafee nan dhufa” jedhu dhaga’e, sagaleen deebii isaatii isa waldaan adeemsa ishee keessatti, “Kottu, gooftaa Yesus” jettee kadhatte ture. Mul. 22: 20. WG 239.4
Mana hidhaa, bakka ibiddaan itti gubatan, bakka itti ajjeefamanii fi bakka qulqulloonni dhugaaf raga ba’an keessaa sagaleen abdii fi amantii jaarraa hedduu in dhufa. Kiristiyaanota kana keessaa inni tokko “du’aa ka’uu dhuunfaa isaa mirkaneefachuu fi deebi’ee dhufuu isaas dhimma isaanii godhachuudhaan du’a ni tuffatan, isa gararraas ta’anii argaman” jedhee dubbate. —Daniel T. Taylor, The Reign of Christ on Earth: or, The Voice of the Church in All Ages, page 33. Gara awwaalaa dhaquun fedha isaanii ture “walba ta’anii du’aa ka’uu” akka danda’anitti. -- Ibid., page 54. Isaan Gooftaan ulfina abbaa isaatiin duumessa irra taa’ee waaqa irra dhufee warra qajeelotaaf mootummaa fiduu” isaa eeggachaa turan. Warri Waldensotaas amantii akkasii qabu turan. —Ibid., pages 129-132. Wikiliif dhufaatii fayyisaa akka abdii waldaatti fuula duratti ilaalaa ture. —Ibid., pages 132-134. WG 239.5
Luuteris akkas jedhe: “Guyyaan murtii wagga dhibba sadii guutuu akka hin turre dhuguma ani mataa koo amansiisera. Waaqayyo addunyaa hamminni keessa guute kanaaf kana caalaa hin obsu, obsuus hin danda’u.” “Guyyaan guddaan mootummaan jibbisiisaan itti kufu sun dhiyaatera.” —Ibid., pages 158, 134. WG 240.1
“Addunyaan dulloomte kun xumura ishee fagoo miti” jedhe Melaankiton. Kalviin “guyyaa dhufa gooftaa isa taatee hundumaa irra caalaa jaallatamaa ta’e hawwiidhaan eeggachuu akka hin shakkineef” kiristiyaanota jajjabeessa; “maatiin amanamoon hundumtuu guyyaa sana fuula isaanii duratti ilaalu” jedhee dubbate. “Hamma guyyaan guddaan inni gooftaan ulfina mootummaa isaa itti mul’isu sun bariúutti Kiristosiin beela’uu qabna, isa fedhuu, isa yaaduus qabna,” jedha. -- Ibid., pages 158, 134. WG 240.2
Nooksi inni haaresituu Iskootilaandii ture “gooftaan Yesus foon keenya gara samiitti hin geesinee? Deebi’ees hin dhufuu” Jedhee gaafata. “Akka inni dhufu, kunis dafee akka ta’u ni beekna.” Ridileyii fi Lata’imeer warri dhugaaf jedhanii lubbuu isaanii kennan dhufa gooftaa amantiidhaan eeggachaa turan. Ridileyi akkas jedhee barreesse: “Ani nan amana, kanaafis nan dubbadha, biyyi lafaa xumuratti akka dhi’aatte shakkii hin qabu. Kottu gooftaa Yesus jennee Yohannis garbicha Waaqayyoo wajjin onnee keenyaan gara fayyisaatti haa iyyinu.” —Ibid., pages 151, 145. WG 240.3
“Yaadni dhufaatii gooftaa anaaf waan hunda caalaa minyaa’aa fi gammachiisaa dha” jedhe Bakister. —Richard Baxter, Works, vol. 17, p. 555. “Mil’achuu isaa jaallachuu fi abdii eebbifamaa eeggachuun hojii amantii fi amala qulqulloota isaati.” “Duuti diina xumuraa yeroo du’aa ka’uu barbadeefamu erga ta’ee amantoonni dhufa Kiristos isa lammaffaa yeroo itti mo’ichi guutuu fi xumuraa kun argamuuf hammam kutannoodhaan kadhachuu akka qaban nu barsiisa.” -- Ibid., vol. 17, p. 500. WG 240.4
“Guyyaan kun xumura hojii fayyina isaanii fi fedhii fi kajjeellaa lubbuu isaanii waan ta’eef amantoonni hundumtuu isa hawwuu, isa abdachuu fi eeggachuu qabu.” “Yaa Goofta! Guyyaa eebbifamaa kana nuuf ariifachiisi!” —Ibid., vol. 17, pp. 182, 183. Kun abdii waldaa ergamootaa, kan “waldaa lafa onaa” fi kan haaresitootaa ture. WG 240.5
Raajiin akkaataa dhufaatii Kiristos dursee kan dubbatu qofa utuu hin taane, yeroo inni dhi’atu namoonni attamiti beekuu akka danda’anis dursee dubbateera. “Itti fufee, Milikkinnis biiftuutti, ji'atti, urjootatti in ta'a;” Luq. 21:25. “Biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu'. Urjoonni waaqa irraa in harca'u, humnoonni bantii waaqaa keessaas in raafamu. Yommus ilmi namaa humna guddaadhaan ulfinaanis duummessootaan utuu dhufuu in argu.” Maar. 13:24-26. Abbaan Mul’ataa dhufaatii lammaffaa dursee kan ta’u milikkita isa jalqabaa akkasitti ibsa: “Socho'a lafaa guddaa tokkotu ta'e; biiftuunis akka cilaattii eelee in taate, ji'i guutummaatti akka dhiigaa diimate.” Mul.6:12. WG 240.6
Milikkitoonni kun jalqaba jaarraa kudha salgaffaa fuula dura raawwataman. Raawwatama raajii kanaa keessatti bara 1755 socho’a lafaa sodaachisaa Kanaan dura ta’ee hin beeknetu ta’e. Socho’a lafaa Lisboon jedhamee kan beekame yoo ta’e illee gara kutaa biyyoota Awuroophaa, Afiriikaa fi Ameriikaatti bal’inaan ta’ee ture. Innis biyya Giriinlaanditti, Lixa Hindiitti, oddoola Maaderaatti, Noorwayii fi Siwiidinitti, Ingilizii fi Irilaanditti dhaga’amee ture. Kan inni haguugee ture Iskuweer Maayilii miliyoona afurii gadi miti. Raafamni kun Afiriikaa keessatti akkuma isa Awuroophaa keessaa cimaa ture. Kutaan magaalaa Aljeeris guuddaan in bade; akkasumas mandarri (gandi) Morookootti dhi’oo jirtu jiraatota kuma sadeetii hanga kuma kudhaniitti qabdu tooko in liqimfamte. Qarqara galaanaa Ispe’iinii fi magaalota Afiriikaatti dambaliin guddaan badiisa fidee ture. WG 241.1
Kirkirri kun dheekkamsa jabaa kan inni argisiise Ispe’iinii fi Porchuugal keessatti ture. Kaadizitti ol ka’iinsi dambalii faana jaatama jedhamee himama. Tulloonni “Porchuugal keessaatti gurguddoon muraasi hundee isaaniitiin raafamanii haala dinqisiisaatiin tarsa’uudhaan dachaa cina isaanii jirutti darbataman. Gaarota kana keessaa boba’aa ibiddaatu ba’e.” -Sir Charles Lyell, Principles of Geology, page 495. WG 241.2
Magaalaa Lisboonitti “sagaleen kakkawwee lafa jalaa dhaga’amee ture, kana booda battaluma sana kirikirri cimaan ka’ee kutaa magaalatti gadi darbate. Daqiiqaa ja’a keessatti namoonni kumni jaatamni dhuman. Galaanni jalqaba tasgabbaa’ee lafa gogaa erga mul’isee booda bakka durii irra caalaa faana shantama ol ka’e.” “Yeroo balaa kanaa taatee addaa Lisboonitti ta’e keessaa tokko buufata doonii haaraa guutummaatti haama (dhagaa adii) irraa baasii guddaadhaan tolfame liqimfamuu isaati. Sabni sonaan baay’een caccabaan wantoota nu bira ga’uu hin danda’u jedhanii yaadanii of oolchuuf achitti walitti qabaman; dingata buufanni doonii kun saba hundumaa wajjin liqimfame, reeffi tokko illee isaan keessaa bakkeetti hin hafne.” —Ibid., page 495. WG 241.3
Kirikirri lafaa kun jigaatii waldaa hundumaa fi gadaamiin moloksoonni keessa jiraatan, ijaarsi bakka wal ga’ii uummataa hundi fi manni jireenyaa harka afuraffaa irra caalu kufuudhaan hordofame. Kirkira kana booda sa’a lama keessatti kallattii garagaraatii ibiddi ka’ee hamma magaalattiin raawwattee badutti guyyaa sadiif dheekamsa guddaadhaan boba’e. Kirkirri lafaa kun kan ta’e guyyaa ayyaana waggaa waldaa fi gadaamiin namootaan guutetti ta’e, kan hafanis namoota muraasa ture.” -Encyclopedia Americana, art. “Lisbon,” note (ed. 1831). Naasuun namootaa kan ibsamuu hin danda’amne ture. Inni immimmaaniin kan ibsamu gararraa waan tureef namni boo’e hin turre. Baay’ee wareeranii waan godhan walaaluudhaan fuula isaanii fi qoma isaanii rukutachaa asii fi achi fiiganii ‘biyyi lafaa xumuratti dhufteetti!‘ jedhanii iyyan. Haadhotiin mucoolii isaanii irranfachuudhaan fakkeenya fannoo baadhatanii fiigan. Baay’’een mataa isaanii oolchuuf jecha gara waldaatti yoo fiigan illee hin milkoofne; garuu sirni waaqefannaa bakkeetti ba’ee geggeefamuun akkasumaan ta’e; uumamani hiyyeeyyiin iddoo aarsaa akkasumaan hammatan; bifti fakkeenyaa, luboonnii fi sabni erga takkaa wantoota caccaban keessatti awwaalaman.” Guyyaa dha’ichaa kanatti namoonnilubbuu isaanii dhaban kuma sagaltamatti tilmaamamu. WG 241.4
Wagga digdamii shan booda milikkiti itti aansee raajiidhaan caqafame dukkanaa’uun biiftuu fi ji’aa raawwatame. Milikkita kana caalchisee kan addeesse yeroo inni itti ta’u adda baafamee himamuu isaati. Fayyisaan keenya waaée qorumsa waldaatti dhufu, waa’ee ari’annaa phaaphaasii waggoota 1260 gaara Ejersaa irratti erga dubbate booda, waantoota dhufa isaa dura ta’an muraasa caqasee isaan keessaa inni jalqaba ta’u yoom akka raawwatamu dubbateera: “Guyyootuma sanatti rakkina kana booddee immoo biiftuun in dukkanoofti, jiinis ifa ishee hin laattu’” Maar. 13:24. Guyyoonni yookiin waggoonni 1260 bara 1798 xumuraman. Nuusa jaarraa tookkoo (waggoota digdamii shan) fuula dura ari’annaan dhaabbatee ture. Akka sagalee Kiristositti ari’annaa kanatti aanee biiftutu dukkana’aa. Raajiin kun Caamsaa 19/ 1780 raawwatame. WG 241.5
Guyyaan dukkanaa inni Caamsaa 19/1780 ta’e hamma ari’aatti taatee iccitii ibsamuu hin dandeenye ta’ee jira. Niwu Ingilaanditti dukkana kana jedhamee himamuu hin dandeenyetu samii mul’atuu fi qilleensa nannoo lafaatti ta’e.” -- R. M. Devens, Our First Century, page 89. WG 242.1
Taatee kana ijaan kan arge jiraataan biyya Maaschuuseti tokko akkasitti ibsa: “Ganama biiftuun yeroo baate qulqulluu turte, garuu battaluma sana duumessaan aguugamte. Duumesichi gadi dhi’aataa adeeme, duumesicha keessaas calaqqeen gurraachii fi sodaachisaan ni mul’ate, qaqawweessis in balaqise, bakakkaanis ni bu’e, bukkaan xiqqoo robe. Ganama sa’a sadii irratti, duumesichi haphatee bifa sibiila diimaa uffate, ifa Kanaan dura lafa irratti ta’ee hin beekne Kanaan lafti, dhagoonni, mukeetiin, ijaarsi garagaraa, bishaannii fi namoonni in jijjiiraman. Daqiiqaa yertuu booda xiyyoo yookiin qarqara dayeessa dhiphoo tokko irraa kan hafe duumessi gurraachi ulfaataan guutummaa bantii waaqaatti diriirfame. Kana irraa kan ka’e Guyyaan waan halkan keessaa sa’a sadii fakkaate… WG 242.2
“Sodaan, muddamnii fi naasuun suuta suuta sammuu namootaa guute. Dubartoonni balbala dura dhaabbatanii irra lafaa dukkanaa’e ilaalan; dhiironni hojii maasii keessaa debi’anii galan; warri hojii mukaa hojjetan meeshaa isaa, warri sibiila tuman ibidda itti tuman, daldaltonni Madaba isaanii achumatti dhiisan. Manni barumsaa ni cufaman, mucooliinis sodaatanii gara manaatti baqatan. Kara adeemtonni mana qotee bulaa naannoo isaanii jirutti baqatan. Hidhii fi onneen hundumtuu ‘maaltu dhufaa jira?’ jedhee gaafate. Bubbeen hamaan lafa haxaa’ee waan balleessu yookiin Guyyaan xumura waan hundumaa waan dhufe fakkaate. WG 242.3
“Dungootti dhimma ba’ame; ibiddi qabsiifamee halkan harfaasaa ji’a hin qabne sana ibse…. Simbiroonni godoo isaaniitti galanii rafan, horiin gara dallaa isaanitti galan, fatteen bakkeetti in mumul’atan, simbiroonni farfannaa galgalaa faarsa, simbirri halkanii ni barfte. Namni garuu akka halkan hin taane in beeka ture… WG 242.4
Luba waldaa Saalem kan ta’e, Dr. Naatinaa’el Waayittaaker, mana itti wal ga’an keessatti tajaajila amantii geggeessee dukkanni sun kan uumamaa olii ta’uu isaa lallabee ture. Bakka garagaraa baay’eetti amantoonni walitti qabamanii turan. Lallaba itti hin qophoofne kana irratti heertuu dukkanichi raajii Macaafa Qulqulluu ta’uu isaa argisiisutti dhimma ba’e…. Dukkanichi sa’a shan booda guddaa ulfaataa ture.” —The Essex Antiquarian, April 1899, vol. 3, No. 4, pp. 53, 54. “Kutaa biyyoota baay’ee keessatti namoonni sa’aatii isaanii ilaalanii yeroo himuufis ta’e nyaata nyaachuuf yookiin dungoo malee hojii mana keessaa hojjechuu hamma dadhabanitti ga’anii turan…. WG 242.5
Bal’inni dukkana kanaa waan addaa ture. Gara bahaatti hanga Falmaa’uzitti ta’e. Gara dhihaatti hanga Konnektikutii fi hanga Albaaniyaatti mul’ate. Gara Kibbaatti hanga qarqara Galaanaatti mul’ate; Gara Kaabaatti immoo hanga warri Ameerikaa qubatanii jiranitti kan bal’ate ture.” —William Gordon, History of the Rise, Progress, and Establishment of the Independence of the U.S.A., vol. 3, p. 57. WG 242.6
Dukkanni jabaan guyyaa Sanaa duguugamee samiin qulqulluun ta’uudhaan biiftuun kan isheen mul’atte utuu aduun hin lixin sa’a tokko yookiin sa’a lama dura yoo ta’e illee duumessa (hurrii) ulfaataatiin kan haguugamte turte. “Lixa biiftuu booda duumessi ammas deebi’ee dhufee dafee dukkaneesse.” “Dukkanni halkanii sodaachisuun isaa isa guyyaa gadi hin turre; jiin guutummaatti kan baate yoo ta’e illee ifa nam-tolcheetti yoo gargaaraman malee waa arguun kan hin danda’amne ture; mana hollaa keessaa fi fagoo iddoo biraa ta’aanii yeroo ilaalan dukkana warra Gibxii isa carallaan ifaa cabsuu hin dandeenye fakkaata ture.” —Isaiah Thomas, Massachusetts Spy; or, American Oracle of Liberty, vol. 10, No. 472 (May 25, 1780). Taatee kana kan arge dhuga baatuun ijaa tokko akkas jedhee ture: “Yeroo sanatti qaamni ifa kennuu danda’an yunivarsii keessa jiran gaadisa seenamuu hin dandeenyeen yoo haguugaman yookiin rukutamanii akka hin jirre yoo ta’an malee dukkanni akkasii ta’uu akka hin dandeenyeen hubadhe.” -- Letter by Dr. Samuel Tenney, of Exeter, New Hampshire, December 1785 (in Massachusetts Historical Society Collections, 1792, 1st series, vol. 1, p. 97). Halkan sana sa’a sadiitti jiini guutuu taatee yoo mul’atte illee “gaadidduu du’a fakkaatu sana irratti dhiibbaa xiqqoo gochuu hin dandeenye.” Halkan walakkaa booda dukkanni ni bade jiinis yeroo jalqaba mul’atte dhiiga fakkaatti turte. WG 243.1
Caamsaan 19/1780 seenaa keessatti akka “guyyaa dukkanaatti” galmaa’ee jira.” Erga bara Museetii ulfaatinaan, bal’inaa fi dheerina yerootiin dukkanni Kanaan qixxaatu galmeefamee hin beeku. Taateen kun dhuga baatota ijaatiin akka ibsametti sagalee gooftaa isa waggoota kuma lamaa fi dhibba shan dura karaa raajicha Yo’eliin barreefamee ture irra deebi’ee kan dubbatu ture. “Guyyaan koo inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura, aduun dukkanatti, jiinis dhiigatti in diddiiramu.” Yo’el 2:31. WG 243.2
Kiristos milikkita dhufa isaa akka eeggatanii fi wantoota milikkita dhufaatii mootii isaanii himan ilaalanii akka gammadan saba isaatti dubbatee ture. “Kun hundinuu ta'uu yommuu jalqabu,” jedhe “mataa keessan ol qabadhaa, ol ilaalaas, furamuun keessan dhiyaateera jedhe.” Inni baala harbuu isa ji’a birraa hordoftoota isaa argisiisee akkas jedhe: “Muka harbuu, mukkeetii, hundumaas ilaalaa. 30 Latuu damee isaanii ilaaltanii, bonni akka dhiyaate in hubattu. 31 Akkasuma isin immoo kun hundinuu akka ta'u yommuu argitan, mootummaan Waaqayyoo akka dhiyaate beekaa.” Luq.21:28, 30, 31. WG 243.3
Haa ta’u malee hafuurri gad of deebisuu fi mataa ofii kennuu waldaa keessaa oftuulummaa fi itti fakkeessuuf yeroo iddoo gadi dhiise kiristosiin jaallachuu fi dhufa isaatti amanuun in qabbanaa’e. Saba Waaqayyooti kan ofiin jedhan biyya lfummaa fi qannoo jaallachuudhaan liqimfamanii barumsa fayyisaan milikkita dhufa isaa ilaalchisee kenne akka hin hubanneef jaaman. Barsiisi dhufaatii lammataa in dagatame; heertuun Macaafa Qulqulluu kanaa wajjin wal qabatu hamma mormamuu fi irraanfatamuttu hiikkaa dogoggoraatiin haguugame. Haalli kun keessumatti waldoota Ameriikaa keessa jiran keessatti mul’atee ture. Biliisummaa fi gammachuun hawaasa gita hunda biratti jaallatame, fedhiin badhaadhummaa fi qannoo, horii argachuuf jecha mataa ofii kennuu keessatti liqimfamuun, aangoo (aboo) fi beekamtii argachuuf dorgomanii fiiguun, inni nama hundumaa waan qabate fakkaatu akka namoonni Guyyaan jireenyi har’aa kun itti darbuu fi guyyaan kabajamaa fuula duraa sun itti dhufu ofirraa fageessanii akka ilaalan godhee fedhii fi abdii isaanii jireenya lafa kanaa qofaa irra akka godhatan isaan taasise. WG 243.4
Fayyisaan waa’ee milikkita deebi’ee dhufuu isaatii duuka buutota isaatti yeroo argisiise deebi’ee dhufuu isaa fuula dura amantii irraa duubatti deebi’uun akka dhufu dursee dubbateera. Sochii fi hojiin biyya lafaa akkasumas qannoo jaallachuun — bituu fi gurguruun, biqiltuu dhaabuu fi ijaaruun, fuudhuu fi heerumuun Waaqayyoo fi jireenya fuula dura irranfachuudhaan akkuma bara Nohii akka ta’u dubbateera. Warra yeroo akkasii keessa jiraataniif gorsi Kiristos akka jedha: “Gad-dhiisiitti jiraachuudhaan, machiidhaan, yaaddoo jireenyaatiinis yaada garaa keessanitti ba'aa fiddanii akka kiyyoon bineensa qabutti guyyichi sun dingata akka isin irra hin baanetti of eeggadhaa. Akkuma kanatti namoota guutummaa biyya lafaa irra jiraatan hundumaa irra in ba'ao. 36 Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta ta'uuf jedhu kana hundumaa jalaa ba'uudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaiif kadhadhaa jedhe.” Luq. 21:34-36. WG 244.1
Yeroo sana haalli waldaa isa fayyisaan Mul’ata keessatti sagalee isaatti dubbate kan argisiisu ture: “Maqaadhumaaf jiraataa dha jedhamtee in waamamta, ati garuu du'aa dha.” Warra dhibaa’ummaa isaanii keessaa dammaquu didaniif immoo akeekkachiisa cimaa akkas jedhutu kenname: “Yoo dammaqaa ta'uu dhaabaatte garuu, ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa, yeroo ani sitti dhufus matumaa hin beektu!” Mul. 3:1, 3. WG 244.2
Taatee kabajamaa cufamuu balbala araaraa wajjin wal qabatuuf qophaa’uu akka danda’aniif namoonni balaa keessa jiran keessaa dammaquun in barbaachisa. Raajiin Waaqayyoo akkas jedhee dubbata: “guyyaan Waaqayyoo guddaa dha, sodaachisaa dhas; eenyutu fuula isaa dura dhaabachuu danda'a ree?” Isa “jal'ina hojjetamuu fi cunqurfamuu namaa cal jettee ilaaluu hin dandeenye” yeroo mul’atu eenyutu dhaabachuu danda’a? Yo’el 2:13; Anba. 1:13. Wrra” Waaqayyo keenya in beekna jedhanii” iyyuudhaan kakuu isaa cabsanii fi waaqota biraatti maxxanan, hamminas garaa isaanii keessa dhokafachuudhaan daandii cubbuu jaallataniif “guyyaan Waaqayyoo sun ifaa utuu hin ta'in dukkanaa'aa dha mitii ree? Innoo duumessaa'aa dha aduus hin qabu.” Hose’a 8:2, 1; Faar.16:4; Amos 5:20. “Guyyaa sanatti ani Yerusaalemin fonqolchee ibsaadhaan nan ilaala, namoota ishee warra akka daadhii waynii isa siicoo irratti hafee ta'an, warra of irraa bu'anii, ‘Waaqayyo wanta gaarii yookiis hamaa hin hojjetu’ jedhanii yaadan nan adaba.” Sefa. 1:12. 13. “Biyya lafaa, hammina isaatiif, jal'ootas yakka isaaniitiif nan adaba; of jajuu warra of gurguddisanii irraa nan fixa, ol ka'uu warra hamootaas gad nan qaba.” Isaa. 13:11. “Meetiin isaanii yookiis warqeen isaanii isaan oolchuu hin danda'u;” “Badhaadhummaan isaanii in saamama, manneetiin isaaniis in ona.” Sefa. 1:18,13. WG 244.3
Raajichi Ermiyaas yeroo sodaachisaa fuula duraa ilaalee: Wayyoo yaa mar'umaan ko! Mar'umaan koo na dhukkuba; … “Sagalee fiinoo fi sagalee iyya lolaa waanan dhaga’eef, badiisi badiisa irratti dabalamee in dhufe.” Erm. 4:19,20. “Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa ti, guyyaa dhiphinaatii fi guyyaa gidiraa ti; guyyaa rakkinaatii fi guyyaa badiisaa ti; guyyaa dimimmisaatii fi guyyaa dukkanaa ti; guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkana limixii ti; guyyaan sun guyyaa fiinoo fi iyyi lolaa mandaroota kellaa dhagaa qabanii fi masaraa ol ka'oo irratti dhaga'amuu dha.” Sefa.1:15, 16. “Kunoo, guyyaan Waaqayyoo inni hamaan, lafa onsuuf, warra cubbamootas isa irraa balleessuuf, dheekkamsaa fi aarii boba'aadhaan in dhufa.” Isa. 13:9. WG 244.4
Guyyaa guddaa sanaaf sabni isaa dadhabbii hafuuraa keessaa dammaqanii qalbii jijjiirannaa fi gad of deebisuudhaan fuula isaa akka barbaadaniif sagaleen Waaqayyoo jecha kabajamaa fi garaa namaa rukutuun isaan waama. “Xiyoon gaara koo isa qulqulluu irratti fiinoo afuufaa, sagalee nama dammaqsu dhageessisaa! Guyyaan Waaqayyoo waan dhufuuf, ammuma iyyuu waan dhiyaateef, warri biyyicha keessa jiraatan hundinuu haa hollatan!” “Xiyoon keessatti fiinoo afuufaa, soomii qulqullaa'aa labsaa! Walga'ii qulqullaa'aas waamaa! Namoota walitti qabaa, waldaa qulqulleessaa! Maanguddootaa fi ijoollee, daa'imoota harma hodhanis walitti sassaabaa! Dhirsi misirroo mana isaa keessaa gad haa ba'u, misirroonis diinqa ishee keessaa gad haa baatu! Luboonni warri Waaqayyoof hojjetan, buusaa mana qulqullummaa fi iddoo aarsaa gidduutti haa boo'an! Isaan, ‘'Yaa Waaqayyo saba keetiif oo'i, saba kee warra dhuunfaa kee ta'an, saba warra kaan gidduutti nama ga'oo fi nama mammaaksaa hin godhin! Maaliifis isaan namoota warra kaan gidduutti, ‘Waaqayyoon isaanii eessa jira?’ jedhu ree?'‘ haa jedhan!” “Waaqayyo garuu, ‘'Ammuma iyyuu garaa keessan guutuudhaan, soomuudhaan, boo'ichaan, gadduudhaanis gara kootti deebi'aa!'‘ jedha. Egaa garaa keessan tarsaasaa malee, uffata keessan hin tarsaasinaa! Gara Waaqayyo gooftaa keessaniitti deebi'aa! Inni araara-qabeessaa fi oo'a-qabeessa waan ta'eef, dheekkamsatti hin ariifatu, gaarummaan isaas baay'ee dha, wanta hamaa namatti erguu irraas of in qusata.” Yo’el 2:1, 15-17, 12, 13. WG 244.5
Guyyaa Waaqayyoo sana isa dura dhaabbachuuf isa qopheessuudhaaf hojiin haara’umsaa guddaan raawwatamuu qaba ture. Saba isaati kan ofiin jedhan baay’een jireenya barabaraaf akka hin hojjetin Waaqayyo argeera, kanaaf dunquqqaa’ummaa isaanii keessaa isaan dammaqsee dhufa gooftaaf isaan qopheessuuf araara isaatiin ergaa akeekkachiisaa isaaniif ergee ture. WG 245.1
Ergaan kun Mul’ata 14 keessatti isa kennameedha. Kana keessatti ergaan sadii uumama samiitiin akka labsamutti fakkeefamee dubbatame, battaluma sanas isa faana bu’ee “haamaa lafaa” sassaabuuf dhufni ilma namaa in ta’a. Akeekkachiisa kana keessaa inni jalqabaa murtiin akka dhiyaate yaadachisa. Raajiin kun ergamaa “wangeela isa bara baraa baatee, warra lafa irra taa'anitti, saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis labsuudhaaf bantii waaqaa walakkaa utuu balali'uu arge. Innis sagalee guddaadhaan, Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa! jedhe.” Mul. 14:6,7. WG 245.2
Ergaan kun kutaa “wangeela barabaraa” ta’ee lallabame. Hojiin wangeela lallabuu ergamootatti hin kennamne, garuu namootatti kenname. Ergamoonni qulqulloonni hojii kana qajeelchuutu isaanitti kenname, fayyina namootaaf sochii guddaa keessatti itti gaafatamu; garuu lallabbiin wangeelaa garboota Waaqayyoo warra lafa irra jiraniin raawwatama. WG 245.3
Namoonni amanamoon, warri hojii hafuura Waaqayyoo fi barsiisa sagalee isaatiif abboomaman akeekkachiisa kana biyya lafaatti lallabuu qabu. Isaan “dubbiin raajonni dubbatan kun caalchisee nuuf cime; isinis hamma boruun baqaqutti, bakkalchi garaa keessan keessa ibsus hamma ba'utti, dubbii kana akka ibsaa iddoo dukkanaatti ibsuutti yaadaan duukaa yoo buutan gaarii gochuu keessan” (2Phex.1:19) jedhamee isa dubbatame kan dhaga’aniidha. Isaan Waaqayyoon beekuu qabeenya dhokfame irra caalaa barbaadaa turan “Ogummaan meetii caalaa bu'aa qabdi, iji isheen godhattus kan warqee irra in wayya” (Fakk. 3:14) jedhanii lakkaa’an. Gooftaan dhimma mootummaa isaatii wantoota gurguddoo isaanitti mul’iseera. “Waaqayyo warra isa sodaatanitti, yaada isaa isa dhokataa iyyuu in beeksisa; kakuun isaas warra gad fageessanii hubatan isaan in godha.” Faar. 25:14. WG 245.4
Hubannoo dhugaa kanaa kan argatanii fi lallabbii isaa keessatti kan hirmaatan ogeesota (barsiisota) hayyuu qu’annoo amantii hin turre. Isaan kun eegduu amanamoo, dammaqinaa fi kadhannaadhaan Macaafa Qulqulluu kan qoratan utuu ta’anii yeroo dukkanaa in beeku turan; wanta ta’uuf jiru ilaalchisees raajiin isaaniif in ifa ture. Isaan garuu sadarkaa kana irra hin geenye, kanaaf ergaan kun karaa namoota gad deebi’oo kenname. Yesus akkas jedhe: “Yesus immoo, Ifni amma iyyuu yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira; dukkanni akka isin hin qaqqabetti, ificha utuu qabdanii adeemaa!” Yoh.12:35. Ifa Waaqayyo kenne irraa kan baqatan yookiin argachuu utuu danda’anii isa barbaaduu kan dhiisan dukkana keessatti hafu. Fayyisaan garuu akkas jedha: “namni ana duukaa bu'u ifa jireenyaa in qabaata malee, dukkana keessa hin adeemu isaaniin jedhe.” Yoh.8:12. Ifa kenname dhaga’ee fedha Waaqayyoo gochuu kan barbaadu namni kam illee ifa guddaa argata; lubbuu akkasii gara dhugaa hundumaatti geessuuf urjiin ifa samii ibsu isaaf in ergama. WG 245.5
Yeroo dhufa Kiristos isa jalqabaa luboonnii fi barsiisonni magaalaa qulqulluu, warri sagaleen Waaqayyoo isaanitti kenname milikkita yeroo hubatanii dhufuu isa abdachiifamee labsaniiru ta’a. Raajiin Miikiyaas bakka dhaloota isaa caqaseera; Daani’elis yeroo inni dhufu adda baaseera. Miikiyaas 5: 2; Daani’el 9:25. Waaqayyo raajii kana geggeesitoota Israa’eliif kennee ture; dhufuun Masihii akka ga’e yoo beekuu baatanii fi yoo namootatti beeksisuu baatan isaan sababii hin qaban. Kana walaaluun isaanii cubbuudhaan kan guutame bu’aa dagannaati. Yeroo sana Yihudoonni gurgudoota biyya lafaa kabajuudhaan garboota seexanaaf utuu sagadanii siida raajota ajjeefamanii ijaaraa turan. Namoota gidduutti aangoo fi bakka (iddoo) argachuuf wallaansoo qabuutti liqimfamanii ulfina waaqaa mootii samiitiin isaaniif kenname arguu dhaban. WG 246.1
Maanguddoonni Israa’el bakka, yeroo, fi haala taatee seenaa addunyaa - isa ilmi Waaqayyoo fayyina namaa raawwachuuf dhufu fedhii kabajamaa fi gadi fagootiin qorachuutu isaanirra ture. Sabni hundumtuu fayyisaa biyya lafaa simachuu keessatti warra jalqabaa akka ta’aniif dammaquu fi eeggachuu qabu turan. Garuu adeemsa karaa Beetaliheemiin kan dadhaban kara adeemtonni lama gaarota Naazireetii ka’anii hamma gara bahaa magaalatiitti adeemsa dheeraa karaa dhiphoo irratti godhan keessatti bakka boqonnaa fi haara galfii halkan Sanaa barbaaduun isaanii akkasumaan ture. Balbala isaa banee kan isaan simatu hin turre. Gara dhumaatti, godoo bututaa horiif qophaa’e keessatti iddoo bultii argatan, fayyisaan biyya lafaas achitti dhalate. WG 246.2
Ergamoonni samii ulfina ilmi Waaqattoo uumamuu biyya lafaa dura abbaa isaa biraa qabu arganiiru, biyya lafaatti mul’achuun isaas taatee saba hundumaaf gammachuu kennu ta’uu isaa fedhii gadi fagootiin fuula duratti ilaalan. Oduu gammachiisaa kana fudhachuu fi jiraatota lafaatti gammachuudhaan isa beeksisuuf warra qophaa’an biraan ergaa kana ga’uuf ergamoonni ka’aamanii turan. Kiristos uumama namaa fudhachuu gad of deebise; inni lubbuu isaa aarsaa cubbuu godhee kennuuf jecha ba’aa ulfaataa baate; inni ilma waaqa guddaa waan ta’eef gadi deebi’uu isaa keessatti illee namoota duratti amala kabajaa fi ulfinaa isaaf malu akka qabaatu ergamoonni arguu hawwan. Gurguddoonni lafaa dhufa isaa simachuuf magaalaa Israa’el keessatti walitti in qabamu ta’aa? Ergamoonni danuun namoota isaa eeggatanitti isa in beeksisu ta’aa? WG 246.3
Ergamaan tokko Yesusiin simachuuf eenyu faa akka qophaa’an ilaaluuf gara lafaatti ergame. Garuu milikkita isa eeggachuu waa tokko arguu hin dandeenye. Yeroon dhufa Masihii ga’uu isaa ilaalchisee sagalee galataa yookiin mo’ichaa tokko illee hin dhageenye. Ergamaan kun yeroo muraasaaf magaalaa fo’amtee fi mana qulqullummaa isa barootaaf iddoo argama Waaqayyoo ta’uun isaa beekame irra joboba’ee (balali’ee) ture; garuu achitti illee fedhii dhabiisa walfakkaataatu ture. Luboonni ol of qabuu fi oftuulummaadhaan mana qulqullummaa keessatti aarsaa xura’aa dhi’eessaa turan. Fariisonni daandii cina dhaabbatanii sagalee guddaatiin sabatti dubbachaa yookiin kadhannaa oftuulummaa gochaa turan. Dhugaa dinqisiisaa waa’een fayyisaan namootaa lafa irratti mul’atu, inni samii gammachuu fi galataan guutu mana motumootaa keessa jiran biratti, bakka walitti qabama falaasfotaatti, mana barumsaa hayyu qu’anoo amantii keessa warra jiran hunda biratti itti hin yaadamne ture. WG 246.4
Gooftaa jireenyaa, Kiristosiin simachuuf qopheen dursee godhamuu isaaf ragaan tokko illee hin turre. Yeroo tiksoota halkanii horii isaanii eeggachaa, urjoota samii ilaaluudhaan raajii Masihii isa gara lafaa dhufu qoratanii fi dhufaatii fayyisaa biyya lafaa hawwaan eeggataa jiran arge, ergamaan samii oduu yelaasisaa fudhee gara samiitti deebi’uuf xiqqootu hafe. Gareen ergaa samii fudhachuuf qophaa’an asitti argaman. Ergamaan gooftaa akka tasaa isaanitti mul’atee oduu gammachiisaa guddaa isaanitti hime. Ulfinni samii bakka sana guute, ergamoonni lakkoobsa hin qabne achitti mul’atan, gammachuu sana samii irraa fiduun akka waan ergamaa tokkotti guddaa ta’etti, faarfannaan sabni fayyan guyyaa tokko faarfachuuf jiran sagaleen lakkoobsa hin qabneen faarfatame: “Hooqubaan Waaqayyoof waaqa gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyo itti gammaduuf, lafa irratti jedhanii Waaqayyoon in faarfatu turan.” Luq.2: 14. WG 247.1
Seenaan Betlihem inni dinqisiisaan kun barumsa attamii of keessaa qaba! Amanti dhabina keenya, ofitti amantaa fi oftuulummaa keenya hammam ifata. Milikkita dhufa isaa adda baasuu dadhabnee guyyaa inni nu fayyisuuf dhufe walaaluudhaan yakka wal fakkaatu gochuu irraa akka of eeggannuuf kun hammam nu akeekkachiisa. WG 247.2
Ergamoonni dhufaatii Masihii kan eeggachaa turan kan isaan argatan tiksoota gad deebi’oo tulluu Yihudaa irratti qofa hin turre. Biyya Ormootaa keessas isa kan eeggachaa turan turaniiru; isaanis ogeesota Baha biiftuu, falaasfota sooreyyii fi kabajamoo turan. Warri sabi’aa sagalii (magi) qu’atoota uumamaa waan turaniif hojii harka Waaqayyoo arganiiru. Isaan urjiin Yaaqob keessaa akka Macaafa Ibrootaa irraa baraniiru, “fayyina isa Israa'el” qofaaf utuu hin taane “ifa ormootaaf ibsuu” fi “biyya lafaa hundumaafis fayyisaa akka ta’uuf” isa kenname dhufuu isaa eeggachuuf hawwaa turan. Luq.2:25, 32; H/Erg.13:47. Isaan ifa barbaadaa turan, kanaaf ifti teessoo Waaqayyo irraa karaa isaanii ibse. Yeroo luboonnii fi barsiisonni Yerusaalem warri eegdotaa fi barsiisota dhugaa ta’uudhaaf isaanitti kenname dukkanaan haguugaman, urjiin samiin erge keessumoota ormootaa kana iddoo mootiin haaraa itti dhalatetti geesse. WG 247.3
“Akkasuma Kristos inni cubbuu namoota baay'ee baachuudhaaf al tokko aarsaa ta'ee dhi'eeffame; si'a lammaffaa immoo waa'ee cubbuuf utuu hin ta'in, warra dhimmanii dhufa isaa eeggatan fayyisuudhaaf mul'achuuf jira.” Ibr.9:28. Akkuma misiraachoo yeroo fayyisaan dhalatee, ergaan lammaffaa dhufuu isaas geggeesitoota amantii sabaatti hin kennamne. Isaan hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban hin eegne, ifa samii waan dhiisaniif isaan warra ergamaan phaawulos waa’ee isaanii dubbatu keessatti hin lakkaa’amne: “Obboloota nana, isin garuu dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattuutti isin irra ba'uu hin danda'u. Isin hundumti keessan ilmaan ifaa ti, ilmaan guyyaa tis; nuyi warra halkanii yookiis warra dukkanaa miti.” 1Tasa.5:4, 5. WG 247.4
Namoonni eegduu masaraa Xiyoon ta’an misiraachoo dhufaatii fayyisaa fudhachuuf, sagalee ol kaasanii dhiyootti akka dhufu himuuf, dhufa isaaf namoonni akka qophaa’an akeekkachiisuuf warra jalqabaa ta’uu qabu turan. Isaa garuu utuu sabni cubbuu keessa rafaa jiruu abjuu nageenyaa abjootaa bashananu turan. Yesus waldaan isaa arbuu ija utuu hin godhatin haftee baala fakkeessaa qofaan haguugamuudhaan maseente fakkaattee arge. Hafuurri gad of deebisuu, kan cubbuu himachuu fi amantii dhugaa inni tajaajilli Waaqa duratti fudhatama akka qabaatu taasisu dhibamee sirni amntii fakkeessaa inni oftuulummaadhaan guute keessatti mul’ate. Qooda hafuura ayyaanaa oftuulummaa, bifa waaqessuu, ulfina waa’ee hin baafne, ofitummaa fi cinqursaatu mul’ate. Waldaan isheen duubatti deebite milikkita yeroo arguuf ija ishee cufatte. Waaqayyo isaan hin dhiifne, yookiin amanamummaa isaa hin daganne; garuu isaantu isa irraa fagaate, jaalala isaa irras adda of baasan. Waan Waaqayyo isaan gaafatetti walii galuu yeroo isaan didan kakuun isaa isaaniif hin raawwatamin hafe. WG 247.5
Carraa fi ifa Waaqayyo kennu fooyessuu fi kabajuu dhiisuun bu’aan isaa kana fakkaata. Waldaan carraa isheedhaaf baname hordoftee ifa hundumaa fudhachuudhaan hojii gaarii isheetti mul’ifamee yoo gochuudhaa baatte amanitin sirna waaqefannaa qofaa ta’uun isaa hin oolu, hafuurri Waaqayyoon fakkaachuus in bada. Seenaa Waldaa keessatti dhugaan kun irra dedeebi’amee mul’ateera. Waaqayyo amantii hojjetuu fi abboomamuu eebbaa fi carraa isaaniif kennamee wajjin qal qixaatu saba isaa irraa barbaada. Abboomamuun aarsaa fi fannoo gaafata; sababa kanaaf nuyi hordoftoota Kiristos kan ofiin jedhan baay’een ifa samii fudhachuu mormu, kana irraa kan ka’e akkuma Yihudoota durii yeroo fayyina isaanii utuu hin beekin hafu. Luqaas 19:44. Sababa oftuulummaa fi amanti dhabna isaanii gooftaan isaan bira darbee, warra akka tiksoota Betlihemii fi ogeesota bahaa biiftuu warra ifa fudhatan hundumaan jiraatanitti dhugaa isaa mul’ise. WG 248.1