Wal’aansoo Isa Guddaa

2/46

Galata

Waan hundumaan dura isa hiikkaa kitaaba kanaa nu jalqabsiisee nu xumursiise Waaqayyoon Gooftaaf galataa fi hooqubaa dhiyeessina. Itti dabalees Kitaabni kun Afaan Oromootti hiikamee dubbistoota bira akka ga’uuf Waaqayyo mul’ata akkasii isiniif kennuudhaan isponsera taatanii hojii kanaaf gumaacha guddaa kan gootan gareen tajaajila wangeelaa “Giziew Ministry”, hojii isaa keessatti gooftaan mul’ata dabalataa isiniif haa kennu jechuu jaallanna. Hiikkaa kitaaba kanaa keessatti deggersa gochuudhaan luba Lammaa kan jajjabeesse obboleessa keenya Yoseef Tasfaatiinis baay’ee eebbifami jenna. Boqonnaa muraasa kitaaba kanaa hiikuu fi kitaaba Afaan Oromootti hiikame kana guutummaatti gulaaluudhaan hojii guddaa kan hojjetan tuuta Tajaajila Wangeelaa Soogidaas Gooftaan guddaa isaan haa eebbisu jennneerra. WG 4.1