Seenaa Abdii

15/26

Boqonnaa 10ffaa—Humna

Waan raajonni waa’ee isaaf barreessaniif, Yesus hubannaa bartootaa erga banee, waaqaa fi lafa irratti humni akka isaaf kenname isaaniif mirkaneesseefii, dhaqanii akka wangeela uumama hundumaatti lallaban itti hime. Tasa haareffamuu abdii isaanii, isa Yesus Yerusaalemitti Teessoo Mootummaa Daawwit irra taa’uutiin, bartoonni “Yaa gooftaa si’a kana Israa’eliif gooftummaa deebiftaafiiree?” HoE 1:6 jedhanii gaaffii gaafatan. Fayyisaan waa’ee kanaatiif, “yeroo yookiin bara abbaan gooftummaa isaa itti dhaabe beekuun isiniif hin kennamne” jechuudhaan mirkaneeffannaa malee isaaniin hanbise. HoE 1:7 SA 169.1

Bartoonni, inni dinqisiisaan bu’uun hafuura qulqulluu, Yesusiin fudhachuuf Yihuudota irratti dhiibbaa in uuma jedhamee ture. Hafuurri qulqulluun guutummaatti akka dhufu, sammuun isaanii akka ifuuf jirus waan beekuuf, Fayyisaan kana caalaatti ibsuu in dide. Hojii isa jiru guutummaatti hubachuudhaan, bakka inni hojicha dhaabe irraa kaasanii itti fufu. SA 169.2

Bartoonni mana ol aanutti dubartoota amananii, Maariyaam haadha Yesus, akkasumas obboleessa isaa wajjin kadhataaf walitti qabaman. Obboloonni kun, kan hin amanne amma du’aa ka’uuf ol ba’uu Yesusiin, guutummaatti amantii isaanii irra dhaabatan. Namoonni walitti qabaman dhibba tokkoo fi digdama ta’u turan. SA 170.1

Bu’uu Hafuura Qulqulluu:-“Ayyaanni guyyaa shantammaffaa inni Phenxeqostee jedhamee waamamu yommuu ga’e hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga’ame, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa’aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkoo tokkoo isaanii irra taa’an. Yommus hundumti isaanii Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garagaraa dubbachuu jalqaban.” Hafuurri qulqulluun,akka arraba ibiddaa isa fiixee irraan gargar hirameetti, garee walitti qabaman irra bu’ee mallattoo kennaa isaan irratti kennamee yommuu ta'u takkumaa dubbatanii kan hin beekne afaan garaagaraa baay’ee dubbatan. Akkaataan ibiddi sun itti mul’ates fedhii guddaa isa isaan hojjetanii fi humna jechoota isaanii faana deemu kan argisiisuudha. SA 170.2

Ifa samii jalatti, heertuun Kristos isaaniif ibse sammuu isaanii ifa callaqisaa fi jaallatamuun hubatamaa fi dhuga humna qabeessaan guute. Waan Kristos hanbise akka hin argineef kan isaaniin golge golgaan amma kaafamee, kaayyoo dhufaatii ergama Yesus fi amala isa guutuu ta’e, mootummaa isaa ifaadhumatti hubatan. SA 171.1